Kora ABO Magaalaa Finfinnee Waajjira ABO Gullallee Keessatti Gaggeefame Irratti Haasaa HD ABO Jaal Daawud Ibsaa
“Dirreen dimokiraasii mormitoota ofii hidhanii ajjeesuun bal’ata!” ilaalchi jedhu dogoggora!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 8,2019
Akkuma yeroo garaa garaatti gochaa ajjeechaaf hidhaa uummata keenya Oromoo irra qaama mootummaan gahaa jiru balaaleffataa turre, irra deebi’uun gochaawwan Qeerroo kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesuu, hidhuu balaaleffachuu keenya ibsuu feena. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo nageenyi biyyattii keessatti dimokiraasiif tasgabbii uumuu qofaan mirkana jennee amanna akkasidhas. Kun hafee ilaalcha dogoggora baatanii paartilee mormituu ofii mirga dimokiraasiin laatuuf irraa molquudhaan, dabalataan mirga uumamaan qaban irraa molquudhaan dirree dimokiraasii balleessaanii utuu jiranii nii gabbisna jedhanii fudhatuun daba ta’uu ibsuu barbaanna.
Namni kamuu paartii barbaadeef miseensa ta’uuf mirga dimokiraasiin laatuuf, Kan heeraaf seerri biyyattii ayyamuuf irraa molqanii, nagaan biyyaa boora’eera jedhanii waywaatuun abidda ofitti qabsiisan dagachuudha. Har’a biyya keenya Oromiyaa keessatti nageenya dargaggoota Oromoo fi addatti nageenya uummata Oromoo booreessuudhaan, dargaggoota mirga isanii irraa molqanii ka’anii badii dhalatuuf qaama mirga ofiif falmatutti quba qabuuf taa’uun yakka. Akka heerri biyyattiis ta’e seerri biyyattii ayyamutti, akka dimokiraasiin jedhutti mirga uumamaan qabnuuf mirga dimokiraasiin qabnu akka nuu kabajamu barbaanna. Continue reading
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 05/2019
Qabsoo Bilisummaa Oromoo aarsaa qaalii uummaanni oromoo irree tokkuummaattin irraatti kaffaalaa turee garaa dabaarsuuf murnoonni ijaaramanii faayidaa dhuunfaa fi aangoo tikfachuuf deemaan gara dabaarsuuf tattaaffii diinoonni keenya gochaa jiraan Qeerroon Bilisummaa Oromoo ilaaluun Taajjabbii fi obsaan biraa darbaa turree. kana biraas darbuun diinina yeroo garaagaraatti itti kennaa turree. Humnoonni badii oromoo abjootaan garuu irraa deeddebiin gochaa farraa uummaata oromoo gargaar qooduu fi egeree oromoo dukkaneessu hojjaachuu itti fufaanii jiru.
qaamni yeroo ammaa kana biyyaattin bulchaa jedhuus rakkiina kana ol tahuu nurratti hojjaataa jiraa. kanaas qaamni
kun akka irraa deebi’uuf irraa deeddebiine Qeerroon akeekkachiisaa turree. haa tahuutii garuu mootummiichi yeroo kanaas oromoo gargaar qooduuf hiriiroo oromoo diigaan ,diinoota oromoo tokkomsuu, uummaata oromoo awwaaluuf kutaatan qopheessaa jiruu. _kuniis Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ uummatasaaf aarsaa kaffaaluuf bahee irraatti holoola oofuun maqaa hin beekne itti moggaasuun Shiftaa fi shanee balaaleeffannaa jechuun hiriira diigumsaa waamaa fi qopheessaa jiruu. iddoo tokko tokkootti ammoo uummaataan dirqiidhaan bahaa jechuun dirqisiisaa jiruu. kanuumaa bahuu diddaan jechuun uummaata keenya hidhaa hiraarsaa fi saamaa jiruu. Qeerroon Bilisummaa Oromoodhaa gochaan isaanii kun faashistummaa tahuu itti himuun yeroo danuu akekkachiisaa fi diniinaa turee.
ammaas Qeerroon irraa deebidhaan akeekkachiisaa fi diniina xumuraa qaamoota hiriira kana mootummaa faashistii waliin tahuun qindeessaan, tumsaan, gaggeesanii fi bahaaniif dabaarsiina.
Qabxiin hiriirri kuni akka fudhaatama hin qabnee agaarsiisu.
1/ Osoo uummaanni Oromoo rogaa hundaan rakkootti jiruu, keessatuu naannoon akka gujii bahaa ,gujii dhihaa ,kibbaa fi dhihaa oromiyaatti uummatni rakkachaa jiruu, sagaalee sagaalee birmaana ummatni keenya hin argatiin, qaama biyyaa bulchuuf ykn aangoo mootummaa harkaa qabuf hiriiraa bahuun , rakkoo uummataa keenya ilaalu dhisnee , dibbee qaama biyyaa bulchuuf reebuun qeerroo bilisummaa oromoo fi WBO biratti , buqqee dudaatti bishaan naquudha!!
2/ Waraanni Bilisummaa Oromoo , Qeerroo kaleessaa harka duwwaa dhagaadhan rasaasa duraa dhaabbataa turaan irraa kan ijaaramee, roorroon itti hammannaan kanneen Qawwee kaasaan waan tahaaniif obbolaa keenya ykn Qaama keenya hin balaaleeffannu. bakkaa isaani bu’uun wareegamaa of qopheessina,ni tumsiina ni deeggaarra.
3/ Shirrii maqaa hiriira balaaleffaannaa shanee fi WBO jedhuun as deemaa jiru kun Holoola diigumsaa waan taheef qaama tokkuummaa oromoo sharafuu xiqqeessuun dhiibbaa keessa fi alaan dhufu deemu kamiyyuu ni balaaleeffannaa.
4/Mootummaa ilmaan oromoo kallaatti maraan duguugaa jiruu,Gujii lamaan keessatti maatiiwwaan kumaa shantamaa ol qe’ee irraa buqqasuun, mana isaan keessatti ibdaan gubuu,qabeenya isaan kan mana fi alaa ibdaan barbadeessuu fi maccaansuu, kumaatamaan hidhaa osoo jiruu,dubaartoota ulfaa ciniinsuutti jirtuu ajjeessuu, balaaleeffaachuu dhisnee , WBO falmaattoota haqaa yeroo balaaleeffannuu qophxeesinuu hin qabnu.
5/Yeroo itti Oromoo fi oromiyaan marfamaa waraana ,siyaasaa fi dinaagdee keessa galteetti,keessattuu, bakka warri aangoon harkaa bultee fi harkaa jirtu of harkaatti deebisuu fi turfachuuf wal nyaaachaa jiran keessatti ,Waraana bilisummaa oromoo ykn WBO ,kallachaa qabsoo oromoo ABO dhaaba keenya wajjiin dhabbii tokkoo qabachuun WBO humna humna caaluu gochuuf Gurmuu qabsoo hidhannoo jabeeffanna male WBO hin balaaleeffanu!!
6/ Walumaa galaatti mootummaan Itoophiyaa shiraa xaxuun uummaata oromoo hiree isaa dukkaneessuuf yaalii inni taasisaa jiruu kamiyyuu Qeerroon bilisummaa oromoo kan darbee caalaa akka wareegamaa dacha dachaadhan duraa dhaabbannuu tahuu isiin beeksiisna.
========/////=====\\\\\=========
Dhumaa irraatti dhaamsi nutii qaamoota dhuunfaniis tahee gareen ijaaramaan: mootummaa faashistii waliin tahuun gochaa badii kana kanneen dalaagaa jirtaanii,
hataattamaan gochaa kana duraa gootaniif ifaan ifaatti dhiifaama gaafattanii akka uummataa fi qabsoo sabaa keessatti ykn daandii qabsoo haqaa geejjibuu irraatti akka of sirreesitaan. ykn immoo harka keessaan sassaabbattanii ykn waa’ee qabsoo oromoo bobbocuu ykn bocoluu dhisuun akka teessan, duula fi amnoota sakata’aa mootummaan WBO fi miseensoota ABO irraatti isiin bobbaasu kamiyyuu irraa akka bilisaa taataan ykn immoo akka mootummaa kana waliin yakkaa ummataa keenya irraatti raawwachuu dhiistaan kabajaan isiin gaafanna.
Namoonni rakkoon oromoo walii galaa itti dhagahamuu dhabun,mootummaa Micciramaa kan wajjiin aannaan garaa walii taataan, WBO fi Qeerroo Bilisummaa oromoo wajjiin ammoo ibdaa fi ciddii akka tanuu hubbadha.Hangaa kaayyoon uummatichaa galmaa gahuutti kanneen akeekaa fi fedhii jaarmiyaa keenya dura dhaabbattaan bakka kaasuu qabna.wareegamaa qeerroo fi qaarree bilisummaa oromoo gaalii fi firii itti gochuuf WBO jabeessuun moonaa qabsoo gabbisuu fi diinoota qabsoo xiqqeessuun dhiigaa fi lafee keenyaan oromiyaa ijaaru dirqamaa keenya!!!!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa
injifannoon Uummaata Oromoof
Adooleessa 05/2019
Oromiyaa
finfinnee
Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 15,2019
Sirna EPRDF yakka waggaa 28 dura Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayeera biyyattii irratti dalagaa ture hunda yakka ta’uusaa amanee ofitti fudhachuun gamagamee of sirreessuuf uummata biyyattiif waadaa galeen, rakkoowwan uummata Oromoo irra gahaa turaniifis gaafatama qaama fudhachuu qabu saaxilee seeraaf dhiyeessuuf waadaa galuun uummata biyyattii bulchuuf aangoo ODP tti laachuun sochiin godhama turuusaa eenyullee nii yaadata.
Uummatni Oromoos waan waggoota kana mara irratti raawwataa ture yakkoota suukanneessaa, hidhaaf dararaa tiki mootummaa biyyattii raawwataa tures yakka ta’uu miidiyaa biyyattiin bahee fuulduratti sirreessuu akka qabu waadaa galaa turuu sirna EPRDF eenyulleen kan hubatudha.
Keessattuu hidhamtoota siyyaasaa dararuudhaan rakkoo hamaa uummata Oromoof sab-lammoota biyyattii irratti raawwataa tures badii ta’uusaa amanuudhaan kanaan booda siyyaasaaf nama hidhuu akka hinqabne waadaa sirni EPRDF galeen; itti dabalataanis “yeroo fudhannee wal gamagamnee qaama badii uume seeraaf laanna yeroo nuu laadhaa” uummataan jechuun akka uummatni isaan dhaggeeffatu gochaa turuun nii yaadatama.
Jijjiirama afaaniin haasa’amaa jiru kana keessatti qooda olaanaa kan qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoos daandiin Dimokiraasii fi mirgoota namoomaa biyyattii keessatti haalaan jabaatee lafa qabachuu akka qabuuf qabsoo isaa jabeessee itti cichee kan jiru haalotni jijjiiraman yoo jiraatan jechuun abdii guutuudhaan jijjiirama siyyaasaa qaama aangoo fudhate irraa eegaa ture. Abdiin sun dhugoomuu hanqatus.
Sun hafee sirnichi akkuma barateef amaleeffate Oromummaa mataa rukutee ajjeesuuf ajandeeffatee hojiitti seenuu yoo arginu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo hedduu gaddine. Sochiiwwan hidhaaf dararaan bifa addaan uummata keenya Oromoo Walloo irratti adeemaa jiru sochii Oromummaa balleessuuf taasifamaa jiru ta’uu nu hubachiise. Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti qaamootni hidhamaa jiran hedduun kanneen sadarkaa bulchiinsaatti mootummaa EPRDF’n ramadamanii hojjetaa jiranidha.
Aggaammiin Oromoo Kaaba Oromiyaa Walloo irratti taasifamaa jiruun; Oromoo waan ta’an qofaaf hidhamuu isaanii nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsinee hubanna. Haaluma kanaan namootni hanga ammaa Oromummaa qofaaf Kaaba Oromiyaa Walloo hidhamanii jiran. Aanaa Jiillee Dhummuugaa irraa 1. Abdusalaam Hasaan Ali Itti gaafatamaa Nageenyaa fi Itti Aanaa Bulchaa Jillee
2. Ali Yimeer Inspeekter poolisii
3. Mohammad Ammee
4. Abdusalaam Husseen Hajii
5. Umar Abduu Umar
6. Hasaan Mohaammad Darasoo
7. Umar Adame Aliyyii
8. Usumaan Hasaan Bayaan
9. Bushuraa Mammud Baaqalaa
10. Mohammad Abdusalaam Sawwali
Aanaa Caffaa
1. Abdusalaam Ibrahim Bulchaa Aanaa Caffaa
2. Maammee Aliyyii M/d I/G /Nageenyaa
3. Ibrahim Aliyyii I/I /Nageenyaa
4. Fayyera Oljiraa Hojjetaa Fayinaasi
5. Kifoo (Guddataa) Hojjetaa Galiiwaani
6. Husseen Ali Affaree Bulchaa Gandaa
7. Adam Abduu
8. Abdusalaam Mohammed Milishaa gandaa
9. Umar Kabiir ( Kaliil)
10. Adurroo Abduu
11. Muhee Adam
12. Yaayyoo Abdusalaam
13. Hasaan Jibriil Manaajera Gandaa
14. Adam Husseen Mohaammad
15. Husseen Mohaammad Inspeekter poolisii
16. Xilaahuun poolisii Mana Marii
17. Maammud Muhee (sarboo) milishaa gandaa
18. Mohaammad Usumaan
19. Mohaammad Husseen Mohaammad milishaa gandaa
20. Hasuu Abdusalaam Badruu
21. Aliyyii Ibree
22. Abdusalaam Yimaam Sayid
23. Mohaammad Sayid Muhee
24. Muhee Sayid Fulee
25. Hasaan Umar
26. Sayid Ibirahim
27. Goonfee Husseen Hasaan
28. Nuuruu Ahamii
29. Mohaammad Dawwee
Kamisee irraa
1. Alii Mootummaa Kantiibaa Magaalaa Kamisee
2. Sayid Hasaan ( Mandelaa)
3. Mohammad Kaliil
4. Abbaas
5. Ibrahim Alii
6. Meles
7. Husseen Sayid
8. Umar Hasaan
9. Adam Amiinu
10. Abduu Ahamed kan jedhaman hidhamanii jiru.
Sochiin hidhaa uummata Oromoo Walloo irratti adeemaa jiru kan Uummata Oromoo bakkichaa balleessuuf qiyyaafate ta’uutti amanna. Gocha fokkisaa Oromummaa balleessuuf taasifamaa jiru akeeka mootummaan itti jiru kun Oromiyaa bakka maratti adeemuuf aggaammii akka qabus kanarraa ka’uun hubanna.
Waan ta’eef nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna. Qabsoon keenya ciminaan qabsoo Bilisummaa Oromoo, uummata keenya Oromoo jiraachisuuf, Oromiyaa jiraachisuuf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uus uummata keenya Oromoo fi diina uummatichaa maraaf ibsina!
Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 15,2019
Finfinnee Oromiyaa
Waci Raachaa Hangam Baay’atullee Galaana Yaa’u Goksuus Dhaabuus hindanda’u!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 12,2019
Finfinnee Oromiyaa
Daandii karaa nagaa qabatnee qabsoon gochaa turre nageenya amansiisaa akka fiduuf malee balaaleffatamni nurratti godhamuun maqa balleessiin nurratti deddeemuun akkuma waggaa 28 duraa sirni EPRDF amala fokkisaa nagaa uummataa jeeqsisu sana itti fufsiisee nageenya keenya akka molquuf hinturre. Hawwiif akeekni qabannee kaane gufachuudhaan; akeekni aanjaa’aan nuti dhugoomsuuf qabsoo gochaa jirru nagaaf dimokiraasiin haqaa hidda jabeeffatee lafa qabachuun hafee mirgi namoomaa keenya molqamuun har’as akkuma kaleessaa itti fufe. Mootummaan daandii fokkisaa kaleessa irra ture irraa deebi’ee mirgoota namoomaa fi dimokiraasii qabnu nuuf kabaja jennee abdannus abdiin keenya fiixa bahiinsa hanqatuun hireen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mana hidhaatti dararamuu, ajjeefamuu, reebamuu, fi manneen barnootaa keessattis ari’atamni ittuu caalee sochii itti fufe. Nuti akka ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo tti namuu paartii siyyaasaa barbaade hordofee nagaan qabsoo gochuu akka qabutti amanna. Kun hafee mootummaan EPRDF yoo sirna kiyya amiin jettee hinfudhattu ta’e jechuurraa har’as nama miseensa paartii isaaf jaarmiyaalee isaa hintaane adamsuun yakka dhala namaaf hinmalle raawwachuu itti fufe. Continue reading
Trying to build Ethiopian Unity by dividing Oromo people and dismantling the Oromo nation is desperate effort of the Ethiopian Regime!
Comprehensive Statement of Oromo National Youth Movement for Freedom and Democracy (Qeerroo) on the current situation in Oromia.
June 9, 2019, Finfinnee, Oromia
To the attention of the respected and beloved:
Kabajamaa ummata Oromoo kanneen golee addunyaa maratti argamtan;
Kabajamtoota jaarmiyaalee siyaasaa kanneen mirga ummata keenyaaf dhaabbattan;
Kabajamtoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo kanneen wareegama keessaniin qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jirtan;
Kabajamtoota Abbootii Gadaa Oromoo kanneen imaanaan ummataa isin harka jiru;
Kabajamtoota Abbootii Amantaa kanneen haqa ummata keenyaa eeguuf dhaabbattan;
Kabajamtoota barattoota Oromoo Yunivarsiitii garaagaraa jirtan;
Kabajamtoota hayyoota Oromoo kanneen dhaloonni isin abdatu maraaf
Qabsoon farra gabrummaa ummanni keenya walakkaa jaarraaf gaggeessaa ture dhaaba uummata Oromoo ABO dhaan taliigamee hooggansa Qeerroo Bilisummaa Oromoon sadarkaa itti aanutti cehee diina waggoota 27 darban dhiiga ummata keenyaa xuuxaa ture ofirraa gaggeessuuf sadarkaa abdaachiisaarra gahee turuun yaadannoo yeroo dhihooti. Faana wayyaaneerra bu’uun qaamni maqaa Oromoo dhahatu OPDOn yookaan ODPn har’aa aangoo muummicha ministeerummaa erga qabatee gaaffilee Oromoon waggoota dheeraaf gaafataa ture deebisaa itti kennuuf waggaa tokkoof gama tokkoon yeroo gaafachaa, gama kaaniin ammoo gaaffii hundee Oromoo deebisuurra humnoota farra qabsoo Oromoo ta’anitti hidhachuun caalaattuu qabsoo Oromoo ukkaamsuun sirna durii caalaa hammaataa deemuu ifatti argaa yoona geenye.
Yeroo ammaa kanattis, humni kun:
Sabboonummaa Oromummaa cabsuun ilaalcha Itoophiyummaa jalatti qabsoo keenya sakaaluuf ifatti hojjetaa akka jiru turtii waggaa tokkoon hubanneerra. ‘Sabboonummaan Oromoo saba guddaa xiqqeessee’ jechuun guyyaa kora halagaarratti labsan irraa kaasee karooraa fi raawwiin isaanii sabboonummaa Oromoo cabsuurratti kan akeekkate ta’uu ifatti mul’ata. Continue reading
| Virus-free. www.avg.com |