Haala yeroo irratti ibsa bal’aa Qeerroo Bilisummaa Oromoorraa kenname
Waxabajji 9,2019, Finfinnee Oromiyaa
Kabajamaa ummata Oromoo kanneen golee addunyaa maratti argamtan;
Kabajamtoota jaarmiyaalee siyaasaa kanneen mirga ummata keenyaaf dhaabbattan;
Kabajamtoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo kanneen wareegama keessaniin qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jirtan;
Kabajamtoota Abbootii Gadaa Oromoo kanneen imaanaan ummataa isin harka jiru;
Kabajamtoota Abbootii Amantaa kanneen haqa ummata keenyaa eeguuf dhaabbattan;
Kabajamtoota barattoota Oromoo Yunivarsiitii garaagaraa jirtan;
Kabajamtoota hayyoota Oromoo kanneen dhaloonni isin abdatu maraaf
Qabsoon farra gabrummaa ummanni keenya walakkaa jaarraaf gaggeessaa ture dhaaba uummata Oromoo ABO dhaan taliigamee hooggansa Qeerroo Bilisummaa Oromoon sadarkaa itti aanutti cehee diina waggoota 27 darban dhiiga ummata keenyaa xuuxaa ture ofirraa gaggeessuuf sadarkaa abdaachiisaarra gahee turuun yaadannoo yeroo dhihooti. Faana wayyaaneerra bu’uun qaamni maqaa Oromoo dhahatu OPDOn yookaan ODPn har’aa aangoo muummicha ministeerummaa erga qabatee gaaffilee Oromoon waggoota dheeraaf gaafataa ture deebisaa itti kennuuf waggaa tokkoof gama tokkoon yeroo gaafachaa, gama kaaniin ammoo gaaffii hundee Oromoo deebisuurra humnoota farra qabsoo Oromoo ta’anitti hidhachuun caalaattuu qabsoo Oromoo ukkaamsuun sirna durii caalaa hammaataa deemuu ifatti argaa yoona geenye.
Yeroo ammaa kanattis, humni kun:
Sabboonummaa Oromummaa cabsuun ilaalcha Itoophiyummaa jalatti qabsoo keenya sakaaluuf ifatti hojjetaa akka jiru turtii waggaa tokkoon hubanneerra. ‘Sabboonummaan Oromoo saba guddaa xiqqeessee’ jechuun guyyaa kora halagaarratti labsan irraa kaasee karooraa fi raawwiin isaanii sabboonummaa Oromoo cabsuurratti kan akeekkate ta’uu ifatti mul’ata.
Tokkummaa Oromoon qabsoo fi wareegamaan ijaarratee diina isaa biratti humna guddaa ta’uun simboo addaa horate diiguun ifatti irratti hojjetaa jiru. Kanas Oromoo kutaa fi amantiin qooduun Oromoon kutaa tokkoo Oromoo kutaa kaaniirratti akka ka’uuf shira adda addaa xaxuun alatti, ummata keenya Lixa Oromiyaa fi Kibba jiran diinomsaa fi Oromoo kutaa biraan akka balaaleffatamu irratti hojjetan. Kanas arraba Muummicha Ministeeraan ‘Gara Wallaggaa yoon deeme nan ajjeefama; yoon achitti du’e ammoo Oromoon kutaa biraa isaan hin dhiisu’ jechuun waan saalfachiisaa seenaa Oromoo keessatti dhaga’amee hin beeknee fi safuu ta’e saalfii tokko malee dubbachuun hojii diigumsaa itti fufan.
Haala kanaanis Oromoon Oromummaa isaan osoo hin taane bakka dhalootaa isaan akka of ibsu, sabboonummaa eenyummaa isaa akka xiqqeessuu ta’e jedhanii irratti hojjetanii Oromoo cabsuutti bobba’aniiru. Gumii Abbootii Gadaa waggaa afran darban kana humna abdatamaa ummata keenyaaf haqaan dhaabbate diiganii kanneen isaaniif ergaman ijaaruun institution tokkittii ummanni keenya abdatu diiganii jiru. Gumiin Abbootii Gadaa kun madda tokkummaa, sabboonummaa fi eenyummaa ummata keenyaa ta’aa waan dhufeef akka diigamuuf itti murteeffame jennee amanna. Oromiyaa keessatti nageenyi waaraa akka hin dhufneef ta’e jedhanii Waraana Bilisummaa Oromoo irratti duula banuun wareegama lubbuu namaa fi manca’uu qabeenya ummataa qaqqabsiisaa jiru.
Waraana hin barbaachisnee, yeroo isaa hin eegnee fi hin malletti WBO oofuun sababa gahaa qabaatanii osoo hin taane Addi Bilisummaa Oromoo karaa nagaan qabsoo akka hin gaggeessineef danqaa uumuudha jennee amanna. Amantaa keenya kana kan dhugoomsu ammoo WBOn Ertiraa gale walakkaan diigamuu fi kanneen waamicha Abbootii Gadaan galan ammoo mooraa Xoollaay keessatti summii nyaachifamuun mallattoo guddaadha.
Paartileen Oromoo kanneen akka ABO, OFC fi PBO nagaan akka hin qabsoofneef miseensi jalaa hidhamaa, waajjirri jalaa cufamaa, hoogganni isaaniis doorsifamaa jiru. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan qabsoofneef Oromoo keessatti diimokiraasiin dhugaa akka mirkanaa’uuf malee wareegama keenyaan paartiin kaleessa ergamaa diinaa ture har’as carraa argateen qabsaa’ota akka dararuuf miti. Akeekni qabsoo keenyaa bilisummaa dhugaa, diimokiraasii fi mirgi hiree murteeffannaa ummata keenyaa guutummaan guutuutti akka mirkanaa’uuf malee humni kaleessa farra qabsoo ture har’as farrummaa isaan akka itti fufuuf miti.
Waraanni Bilisummaa Oromoo kabaja isaaf malu mulqamee akka shiftaatti ilaalamuun uummatnis akkatti akka fudhatu gochuuf abbaluun OPDO humni kaleessa farra qabsoo ture kun har’as farrummaa isaa kanarraa hin baranne jennee amanna. Humni kun Waraanni Bilisummaa Oromoo kabaja isaaf malu gonfatee akka nagaan hin galleef gama tokkoon waraana humnaa olii itti guuruun Oromiyaa dirree lolaa godhaa jira; gama biraan ammoo ummata keenya qoqqooduun deggersa kijibaa irraa argachuuf carraaqaa jira. Gama tokkoon araaraa jedhaa gama kaaniin ammoo shira mooraa Oromoo keessatti xaxuun, shira kanas ummata keessa facaasuun, akkasumas Oromiyaan waraana keessaa hin baane keessa seensisaa ofii guyyaa aangoo ofii dheereffachuuf carraaquun gantummaadha jennee amanna akkasidhas.
Yeroo halagaan qe’ee hidhannoo, leenjii, teekniikaa fi dinagdeen of utubee Oromiyaa marroo biraaf cabsuuf abbalaa jiru kanatti qe’ee Oromoo goolanii humnoota Oromoof dhaabbatan dadhabsiisuun, meeshaa irraa hiikuun, akkasumas hidhaatti guuruun dararuun farrummaa ija baasedha. Ummanni keenyas irratti dammaquu fi dura dhaabbachuu qaba.
Hanga ammaatti gaaffiin afaan Oromoo afaan federaalaa gochuu, daangaa Oromiyaa kabachiisuu, abbummaa Finfinnee mirkaneessuu, diimokiraasii fi bilisummaa waaraa argamsiisuuf kan qabsaa’ame hunduu dagatamee jira. Humnoonni gaaffii kana kaasanis akka diinaatti ilaalamaa jiru. Asirraa kan hubannuu humni maqaa Oromoo dhahatee masaraa mootummaa seene kun Oromoof osoo hin hojjetin Oromoo irratti hojjetaa jiraachuudha.
Kana waan ta’eef;
Yaa Ummata Oromoo:
Qabsoon kee butamee harka farreen bilisummaa, tokkummaa fi sabboonummaa seenee jira. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo humna farra bilisummaa, tokkummaa Oromummaa fi sabboonummaa ta’e kana dura dhaabbannee akeeka qabsoo ganamaa galmaan gahuuf murannee jirra. Atis qabsoon kee hatamuu hubattee akkuma kana duraa Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hiriiruun qabsoo bifa haaraa akka itti fuftu waamicha siif dhiheessina.
Yaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo:
Injifannoo ati wareegama keetiin gonfatte hatamee harka farra tokkummaa Oromoo, Sabboonummaa fi bilisummaa seenee jira. Humni wareegama keen aangoo dhuunfate kun tokkummaa ummata keenyaa diiguu, qabsoo ummatni keenya itti wareegamaa yoona gahan facaasuu fi Oromiyaa addaan ciree bara aangoo isaa dheereffachuuf waan danda’u hunda godhaa jira. Kanaaf, akkuma kee kaleessaa tokkummaan hiriirtee qabsoo kee akka eeggattu, tokkummaa ummata keenyaa akka eegdu, injifannoo waaraa bira gahuuf qabsoo rogaa haaraaf akka of qopheessitu siif dhaamna.
Yaa Jaarmiyoota Oromoo:
Akkaataa amma jiruun adeemsi gara diimokiraasii guutummaa guutuutti gufatee jira. Humni wareegama keenyaa aangoo qabate si caccabsee, si diigee, si dadhabsiisee ashaanguliittii si godhachuun ofii aangoorra turuuf karaa cirataa jira. Murannoo fi kutannoo addaan wareegamaaf of qopheessitee humna kana dura yoo hin dhaabbanne tolaa fi sossobbaan homaa jijjiiruu akka hin dandeenye hubattee akkuma kaleessaa sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo deggeruun jijjiirama hawwamu akka mirkaneessitu waamicha keenya siif dhiheessina.
Yaa Hayyoota Oromoo:
Utuu ati jirtuu Oromiyaan diigamuuf deemti. Tokkummaan Oromoo diigamee, sabboonummaan isaa sharafamee, gaaffiin Oromoo dagatamee, wareegama keenyaan halagaan lafa dhiitaa jirti. Beekumsa, yeroo fi carraa qabduun humna maqaa keenyaan aangoo qabatee faallaa dantaa saba Oromoo hiriire kanarratti nu waliin akka qabsooftu waamicha keenya siif haaromsina.
Yaa barattoota sabboontota Oromoo:
Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaaffiin Oromoo deebisa gahaa dhabuu caalaa akkaataa itti mootummaan biyya bulchaa jiru kun tokkummaa ummata keenyaa diigaa jiru, sabboonummaa isaa cabsaa jiru, waraana Bilisummaa Oromoo humnaan cabsee dhabamsiisaa jiru fudhatama hinqabu jennee amanna. Waraana Bilisummaa Oromoorratti shira adda addaa xaxuun maqaa ‘shiftaa’ itti moggaasuun hawaasa keessa deemanii maallaqaan bituun hiriira itti baasuun farrummaadha jennee amanna. Hojiin farrumma akkanaa kun haaraa osoo hin taane waanuma kaleessa wayyaanee jalatti baratan ta’uu hubanna. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo hojii farrummaa mootummaan eegale kana ni balaaleffanna, dura dhaabbanna. Atis akkuma kee kaleessaa nu faana haqa Oromoof akka dhaabbattu waamicha keenya siif haaromsina.
Maayii irratti nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo sochiin mootummaan itti jiru akeeka ‘Tokkummaa Oromoo diiguudhaan Oromiyaa bittimsine Xoophiyaa ijaarra’ jedhanii yaaduun funyoo ittiin of fannisan fo’achuudha! Jennee amanna. Tokkummaa dhiigaaf lafee itti dhabnee itichine asiin geenye eeggachuuf eenyuun olitti qabsoo jabeessinee nii goona!
Injifannoon Ummata Oromoof!
Ibsa bal’aa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname
Waxabajjii 9, 2019
Finfinnee Oromiyaa
Reblogged this on OCI finfinnee.