Waci Raachaa Hangam Baay’atullee Galaana Yaa’u Goksuus Dhaabuus hindanda’u!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 12,2019
Finfinnee Oromiyaa
Daandii karaa nagaa qabatnee qabsoon gochaa turre nageenya amansiisaa akka fiduuf malee balaaleffatamni nurratti godhamuun maqa balleessiin nurratti deddeemuun akkuma waggaa 28 duraa sirni EPRDF amala fokkisaa nagaa uummataa jeeqsisu sana itti fufsiisee nageenya keenya akka molquuf hinturre. Hawwiif akeekni qabannee kaane gufachuudhaan; akeekni aanjaa’aan nuti dhugoomsuuf qabsoo gochaa jirru nagaaf dimokiraasiin haqaa hidda jabeeffatee lafa qabachuun hafee mirgi namoomaa keenya molqamuun har’as akkuma kaleessaa itti fufe. Mootummaan daandii fokkisaa kaleessa irra ture irraa deebi’ee mirgoota namoomaa fi dimokiraasii qabnu nuuf kabaja jennee abdannus abdiin keenya fiixa bahiinsa hanqatuun hireen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mana hidhaatti dararamuu, ajjeefamuu, reebamuu, fi manneen barnootaa keessattis ari’atamni ittuu caalee sochii itti fufe. Nuti akka ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo tti namuu paartii siyyaasaa barbaade hordofee nagaan qabsoo gochuu akka qabutti amanna. Kun hafee mootummaan EPRDF yoo sirna kiyya amiin jettee hinfudhattu ta’e jechuurraa har’as nama miseensa paartii isaaf jaarmiyaalee isaa hintaane adamsuun yakka dhala namaaf hinmalle raawwachuu itti fufe.
Kana malees; biyya impaayeera Xoophiyaa keessatti Oromoo Oromummaa qofaaf yakkanii dararuun daandii dhuma sirnoota nafxanyaa kaleessaa qabatee itti fufee adeemaa jira. Toora kana irratti bara kana uummata keenya uummata Oromoo Walloo hadheeffatanii bulchitoota Godina Walloo fi sabboontota Oromoo bakkichaa adamsanii hidhuun jabaatee itti fufe. Namoota uummata kana gaggeessan erga hidhaniin boodas uummata kanatti foolisoonni naannoo Amaaraa dhaadachuu fi doorsisuu dabalatee sochii Bilisummaa isaanii dhorakatuudhaan rakkoo hamaaf saaxilani. Akaakeni akkanaa dhala namaa akka namummaa isaatti jireenya dhorkatuu fi akeeka nagaa abdatamu booreessuudha jennee amanna akkasidhas.
Dabalataan mooraalee Yuunibarsiitii Oromiyaan alaa keessatti addaan baasuudhaan barattoota Oromoo adamsanii reebuu fi akka hinbaranne taasisuudhaan mana barnootaan ala gochuun bara kana akka malee jabaatee hojjetamaa jira. Keessattuu tibba kana Yuunibarsiitii Dabra Berhaan fi Yuunibarsiitii Waraabee keessatti yakki barattoota Oromoo irra Oromummaa isaanii qofaaf gahaa jiru hedduu kan nama gaddisiisuuf waan yaadamees hinbeekne kan biyyattii keessatti jeequmsa hammeessudha. Akeeka uummata Oromoo barnootaan ala gochuu waggoota dheeraaf qabamee ture hojiirra oolchuuf baafame ta’uuttis fudhanna. Kana malees mooraa Yuunibarsiitii Oromiyaa garaagaraa keessattis barattoota Oromoo doorsisuu fi waraana mootummaa mooraa galchanii saamsisuun mul’achaa jira. Mootummaan sirna EPRDF amala fokkisaa isaa gateera jennee abdataa turre sana deebisee dhimma itti bahata jennee yaaduu baannus waan argaa jirruun dhugoomfataa jirra. Haaluma wal fakkaatuun barattoota Oromoo mooraa Yuunibarsiitii keessaa haphisuu fi dhabamsiisuuf shira yaadameen manneen barnootaa Lixa Oromiyaa keessatti argaman barattoota bara kana qorumsa Biyyooleessaa fudhatan hedduun Akka qorumsa hinfudhanneef afaan Qawween doorsisanii barattoota Lixa Oromiyaa manneen barnootaa hedduun bara kana Qorumsa biyyooleessaa kutaa 10 utuu hinfudhatin hafaa jiraachuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhugoonfateera. Gocha kana kamiin olitti kan balaaleffannu ta’uus uummata keenya Oromoof ibsina.
Dhimmoota utuu hinkaasin bira hindarbineen ammoo hidhaan dargaggoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafataa turaniif itti jiran adamsanii hidhuun yakka guddaa balaaleffatamuu qabuuf uummatni keenya Uummatni Oromoos balaaleffachuu akka qabu gad-jabeessinee hubachiifna. Gama tokkoon mootummaan jijjiiramicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo fide jechaa gama tokkoon ammoo Qeerroo hidhaatti guuruun waan wal hinfakkannee dalaguutti jira. Gocha hammeenyaa dargaggoota Oromoo adamsanii hidhuu kana akkuma irra deddeebiin mootummaan dhaabuu akka qabuuf gaafachaa turre irra deebinee akka dhaabuuf nii gaafanna.
Maayii irratti Mootummaan gaaffii uummataa afaan Qawweenin ukkaamsa jedhee hojiinni hojjetaa jiru Dimokiraasii abdatamaa jiru balleessuu fi nagaaf tasgabbii uummata Oromoo ittuu dhorkuuf kan hojjetaa jiru ta’uu isaa ibsina. Nagaan afaan Qawween kan argamu ykn maqa balleessii qabsaa’ota haqaa irratti adeemsisuun kan argamudha jedhee hojii Mootummaan sirna EPRDF hojjetaa jiru tasgabbii biyyattii gara hammeessuutti oofaa jiraachuu isaa uummatni beekuu akka qabu dhaammanna. Waan ta’eef Waci raachaa hangam baay’atullee galaana yaa’u goksuus dhaabuus hindanda’u! Akkasuma waci miidiyaalee biyyatti maallaqa qabaniin bituudhaan taasifamuus ta’e waci mootummaan qabsaa’ota haqaa irratti adeemsisaa jiru galaana qabsoo goksuus dhaabuufis hindanda’u. Kanaaf fala jiru of kenniinsaan ta’anii akkuma mariin furuuf dubbataa jiranitti mootummaan sirna EPRDF irreesaa kan waggoota dheeraa duraa irree cunqurfamtoota irratti olkaase kana akka deeffatu Qeerroon Bilisummaa Oromoo irra deebiin gaafata!
Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 12,2019