Sadaasa 23,2016
Wayyaaneen TPLF dhimma hanqina baajetaa mudate suphachuuf guutummaa biyyattii keessatti sirna baruuf barsiisuu manneen barnootaa sadarkaa olaanoo irratti waggaa tokko tokko ida’uuf qophii xumuraa jiraachuun dhaga’ame.Haaluma kanaan barattoota moora Yuunibaesiitii hunda keessattuu wagaa tokko tokko ida’uun garaagarumma waggaa tokkoo gidduutti baajeta qisaasame deeffachuuf mala salphaa taasifachuun uummatatti gadi baasaa jirachuu maddeen garaagaraa gabaasa jiru.Department hunda irratti waggaa tokko tokko ida’uun baru dhuguu ka’ee hojiirra nii oola jedhamee yaadama.
SBO: Sadaasa 23 bara 2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Qophii Haala Yeroo Irratti Fuuleffate Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
Stand-up Oromoo!! Ka’i Ka’i !! Wallee Warraaqsaa Bashannaan Haayiluu
Aside
Seenaa Gootota Oromoo- Tolchaa Wagii Irraa
Aside
Tolcha Wegi
irraa #SeenaaGootaa-Otumaan ta’ee yaadan wa’ee keenya kana ol basee, gadi busee dawwadhuu, yeroo hunda namini ija koo funduraa hin banne natti dhufe . Namini kun akka abbatis, akka obboleessatti nama na gorseewaan hunda na keessatti uume yoon jedhe sooba dubbachuu koo miti.Nama jalatamaa kanaan Oromommatu mana rakkoo keessatti wal nubarsiise.Namini kun amma lubbudhan hin jiru.Wareggameera. Inni waregamuus seenaa isaa Irriyoota koo fb irra jiraniif qoduun natti mullaate. mee kunoo qodadhaa.Maqaan isaa Nagasaa Kumsaati.
Dargiin namoota akka Mullataa Fayisoofa Jalduutti eerga nu biraa fiixee namooni lubbuun haafine sababii adda addatiin harka isaani seenne. Dugiddi keenya amma qunca’uutti reebamine. mana hiidhaa Amboo keessatti lukitti keenya sansalaata(Chain) Kilo grama 10 ulifatun hidhamine teenye mana hiidha keessatti boolli nutti itti ajjeefaminu balinaan qotameera. Continue reading
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Sadaasa 22, 2016
Aside
Don’t call me Shawaa!
Aside
By Rundassa Eshete
Because that’s not my name,
And don’t call me Wallagga…
Because to me it’s all the same.I’m not your “Shawaan”
because I was born as an Oromian,
And I’m not from west Shawaa…
So don’t attach to me your Habasha plate,
Just because you love to imitate,
As if you can’t think on your own,
Using your own able brain. Continue reading
Godina Wallaggaa Ukkee Qarsaa Bakka Jedhamutti Waraanni Wayyaanee Diddaa Ummataa Qabaneessuuf Hidhaa fi Reebicha Raawataa Bahaa Jira.
Aside
Sadaasa 21,2016 , Godina Wallaggaa ,Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti Yakka Tokkoon Alatti Erga Manni Murtii Akka Lakkifamaniif Ajaje Baaseellee Humni diinaa Aangotti Fayyadamee ummata Hidhaa Jiraachuun Himame.
Erga biyyi keenya biyyi Oromiyaa afaan qawween buluu qabdee kan ture ta’ulle dhiyeenya of tultoti kallatti kan labsatanii hojiitti bobba’nii jiran,oggayyuu uummata kunaanuuf gidirsuu itti fufaanii jiran. Haaluma Kanaan jiraataa magaalaa Ukkee kan ta’an Obbo Oliiqaa Raggaasaa sababa tokkoon alatti mana hiraarsaa keessatti erga baatiwwan hedduu dabarsaniin booda manni murtii bilisa kan baase ta’ullee Waajjirri polisaa humnaan qabee hidhee jiraachuu odeesse Qeerroo Ukkee gabaasanii jiran. Continue reading
Yuunibarsiitiiwwaan Hedduu Keessatti Warraqsi Qeerroo Barattoota Oromoon Eegalamee Itti Fufee Jira
Aside
Sadaasa 21,2016
Qeerroon barattoota Oromoo sirna bittuu wayyaanee balaaleeffachuun,addatti gochaawwaan jii’ota kana uummatarra dhaqqabaa jiran yakka Gudeeddii,Saamichaa,Ajjeechaa,Hidhaa akkaan akka duubatti hin deebifne humna hudhatee jiru dura dhaabbatee dhageessisaa jira.
Haaluma kanaan tokkummaan Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Wallaggaa,Amboo hanga ammaatti wal harkaa fuudhanii diddaa jabaa dhageessisaa jiraachuu gaabasi sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaqqabe ifa godha.Duulli kun Yeroo dhiyootti haala duuba deebi’uu hin dandeenyeen guutummaa Uummata Oromoof barattoota Oromoon akka finiinfamu dhaamsa jabaa walii dhaamuutti jiran.
Yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo Warraqsi Barattootaan Finiinee Itti Fufee Jir
Aside
Sadaasa 21,2016
Yuunibarsiitii Amboo damee Awwaaroo Qeerroon diddaa sirna garboomsaa nafxanyaa jabeessee itti fufe.Sagalee dhukaasaa mooricha
keessaa nii dhaga’ama.Barattoota seenaan reebaa jiraachuunis Qeerroon gabaase
Wallagga Yuunibarsiitii Warraqsi FXG Eegalame Itti Fufee Jira
Aside
Sadaasa 21,2016
Mooraa Wallagga Yuunibarsiitii keessatti Qeerroo waan jalqabe xumura itti gochuuf waloon ka’ee gootummaasaa agarsiisaa jira.Yeroo humni xiqqoon wayyaanee ajjeesuuf,gudeeduu,hidhuu,saamuu irratti bibbaatee jirtutti nuti qeerroon barattoota ilmaan Oromoo calliifnee ilaaluun nurra hin jiraatu jechuun Sochii diddaa garaa Warraaqsaatti tarsiisuun FXG fardeessanii eegalanii jiran,Mootummaa shororkaa wayyaanee mataaf miilla wal’aalaa jirti,Qeerroo qabsoo kanatti xumura gochuuf waan eegale galmaan gahuuf gamaa gamanaa wal waamuu qabeera.Mooraa Wallaggaa keessatti amma saatii kana dhukaasa guddaatu dhaga’amaa jira. Tarkaanffiin kaaffee fi konkolaataa heedduu kan moorichaa irratti fudhatamaa jira.Lubbuin nama biyya nama hin naasifne keessatti qabeenyi nama naasiisuun akkan akka sammuu namaa xuqus agarsiisaa jiru.
Hiriira Guddaarratti Sabboontonni Magaalaa Naqamtee Nannoo Jaatootti Rasaasa Diinaan Rukuman Lama Fayyuummaan Isaanii Yaaddeessaa Ta’ee Gara Hositaala Olaanootti Dabarfamuuf Jechuun Dhaaga’ame Haalli sabboontota lama guyyaa gaafa hiriira guddaarratti rukutamee haalaan nu yaaddeessaa jira jedhu akka gadii kanatti “Sabbonaa Suyyum Asfahuu fi sabbontuu Zarituu Bultii yerobayyee hidhadhaf rebichaan dararamaakanturan ammammo rasasa wayyanenrukutamanii rakkachaa jiruu suyyumimmo rasasi qomasakesatti wanafef lenca gurraachaa demee akka bafatuuf riferi ta ewanjiruf birri busa fi jirraa”