Sadaasa 21 2016
Jimma Yuunibarsiitii Keessatti barsiisota Yuunibarsiitii hadamsanii qabuun hiraarsuun danatee jira.Yeroo sochii jaabaaf takaroo gurguddaa uummati Oromoof diinnisaa ilmaan nafxanyootaa walii gaggeessa jiran kana keessatti barsiisota hidhuun akka waan qabsoo Oromoo naafisuutti kan fudhatanii jiran,Hojii isaanii kana itti cimanii hojjetanillee guyya guyyaa warraqsi wal horee itti finiinaa jira.Akkuma kaleesaa gabaasnee turre mooraa kitoo furdisaarraa ilmaan sabboontota barattoota saddet(8) mootummaan ukkanfamanii kan jiran yoo ta’u barattoota cinatti barsiisotas hidhaa jiraachuu Qeerroo Yuunibarsiitichaa gabaasa .
Dr.Fiqaaduu Asaffaa kannee hidhamanii hiraarfamaa jiran keessatti argamu
Leencota Oromoo
Aside

Yakka Tokkoon Malee Dargaggoonni Oromiyaa Magaalaa Hedduu Keessaa Heddumminaan Hidhaatti Guuramaa Jiru.
Aside
Sirni cunqursaa humnaaf aangoosaatti fayyadamuun humna qawween biyya bulchaa jiru yakka duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa ture ammas naga,e osoo hin jedhin Ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniif quuqamanii Irratti duula duuguuggaa sanyummaa raawwachuu itti fufee jira.Ethiopia: State of Emergency Used as Systematic State Repression in Ethiopia
Aside
HRLHA Press Release
November 20, 2016 The March 2014 Oromo student protests, which began at Jima University and spread quickly to Ambo University then in a few days to all universities, colleges, high schools and elementary schools in Oromia and continued for two months, captured the attention of the world community for the first time. In those two months, over 81 Oromos, mostly university students, were killed and thousands detained by the crackdown on the protest by Agazi force and silenced. After eighteen months, the protest flared up again on November 12, 2015 in Ginchi Town in Western Showa 80 km south of the capital city. Since then, Oromia has remained in a human rights and humanitarian crisis. The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) lists over 2000 Oromo deaths, thousands of disappearances and tens of thousands of detentions. Many more thousands have left their homes behind and are now living in forests in order to escape the TPLF sponsored killing squads. To calm the peoples’ anger- after indiscriminate shootings from both the ground and the air of innocent Oromos at the Irrecha festival in Bishoftu on October 2, 2016- the government declared a state of emergency on October 8, 2016repression-in-ethiopia
Jimmaa Yuunibarsiitii Mooraa Kitoo Furdisaa Barattonni Oromoo FXG Finiinsaanii Jiran
Aside
Nov 20,2016
Humni hidhannoo guutuun mooraa barattootaaf hawwaasa biyyaatti keessa socho’u yeroo dararaa uummata Oromoorraa dhaqqabsiisaa jirutti sodaa tokko malee gootummaa guddaan hawwaasi Oromoo akkasuma barattonni bakkeewwan hedduutti diddaa garbummaa jabeessanii jiran
Haluma kanaa guyyaa kaleessaa barattoota sabboontota Ilmaan Oromoo sababa tokko malee Jimmaa Yuunibarsiitiirraa humna Command Post n qabamanii mana hiraarsaa galanii kan jiran yoo ta’u barattoonni karaa nagaa akka hiikamaniif gaafatan illee deebiin argame akka hiikamu hin dandeenye yoo ta’u,hanga barattoota qabdaniif ilmaan Oromoo hiraarsaa jirtan gadi lakkiftanitti jechuun dhaadannoof sagalee gurguddaan
Mooraa kitoo Furdisaa keessaa barattoonni sagalee dhageessisaa jiran Qeerroon barattoota Oromoo barruulee duula lagannaa barnotaa walii
keennaa jira.
Wallee Warraaqsaa Artist Oromoo Faaxee Anniyyaa 2016
Aside
SBO: Sadaasa 20 bara 2016. Oduu, Hiriira Hawaasni Oromoo Afrikaa-Kibbaa magaalaa Keeptaawunitti gaggeesse ilaalchisee gabaasa qindaa’e fi Gaaffii fi deebii Dr. Gadaa Oljirraa waliin taasifame -Kutaa xumuraa.
Aside
Fanxoo Dhoksuun Dhukkuba Hin Fayyisu
Aside
Damee Buruu Irraa
Saadasa 11-13, 2016 dramaa ODF fi OPDO Oromoon hin dhageenye ykn hin agarre yoo jiraate warra wal quunnamtii biyya lafaa irraa cite uummata Oromoo bal’aa qofa tahuu qaba .Seenaa qabsoon uummata Oromoo keessa godaannee as gahee warri beeknu dhaloota qubee hara’a qabsoo uummata Oromoo gatittii isaatti ol fudhate wareegama madaalii hin qabne baasaa jiruuf ibsuu yoo dhagannee dhiigni gootota Oromoo nu gaafata. Nuyi seenaa beeknu ibsuu malee murtii fi hubannaa barbaadu kan fudhachuu qabu warra seenaa Qabsoo uummata Oromoo hordofuu taha. Waan tokko kana booda kan ifa tahuu qabu jira. “Fanxoo dhoksuun dhukkuba hin fayyisu “,jedhan. Qabsoon uummata Oromoo akka hin miidhamne sodaachuu irraa kan ka’ee warra qabsoo uummata booressaa fi doomsaa jiran afaan qabanii ilaaluun dogongora guddaa dha. Hundi keenya iyyuu seenaa durati itti gaafatamuuf tenya. Hojiin keenya inni duraa seenaa agarree fi hubanne uummataa ibsuu dha. Ummatni bal’aan Oromoo akka barbaadetti seenaa keessa dabarree fi itti jirru kana dhugeefachuu ykn tasa baasee gatuuf mirga qaba. Continue reading
Baajeta Sababa Hin Qabne Kaffalaa Barattootaan Jechuun Akkasuma Barattoota Ari’uun Manneen Barnootaa Oromiyaarraa Bakkeewwan Hedduu Keessatti Mul’ataa Jira
Aside
Nov 19,2016
Mootummaan murna bichuu wayaanee uummata nagaa saamuuf hiraarsuutti fulleeffachuun Bakkeewwan hedduu keessatti barattoota Oromoo sadarkaa tokkooffarraa qabee hanga qophaa’inatti jiru gaafachuuf wixxifachaa kan jirtu yoo ta’u,Baajeta kanaan humna diinaa hidhatee uummata gidirsu nyaachisuuf munyuuqaa jiraachuun ifadha.
Haaluma kanaan Ona Wallaggaa Aanaa guutoo Giddaa mana barumsaa qophaa’ina Uukkee barattoota kutaa 11_12ffaa barataniin dirqamaan maallaqa qarshii dhibba lama lama fiddan malee barachuu hin dandeessan jechuun barattoota gidirsaa jiraachuu maddeen Qeerroo naannichaa dubbatu.Mana barumsaa kana keessatti adda durummaan duula barataa gidirsuuf kunaaanuurrati kan fuulleffachaa jiru daarokteerri mana barumsaachaa Asfaahu Allaabbachoo barattootarraan dhiibbaa gurguddaa geessisaa kan jiruuf command post magaalattii keessa socho’us adda durummaan kan ajajaa jiru ta’uu jiraataan naannoo naaf ibsanii jiran
Haaluma kanaan achuma mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa Ukkee kan qophaa’inaan wal keessa jiru keessaa Barataa kutaa 9A kan ta’e Barataa Sanyii Gonfaa Immiruu fi yeroof kan maqaasaa hin argatin jirru irratti manni barumsaa adaba waggaa lamaan barnootarraa sababa muusiqaa afaan Oromoo dhaggeeffataniif qofa isin ABO dha alaabaa ABO moobayila keessaa qabdu jechuun badii tokko malee moobaayila
barattoota danuu sakkata’anii barattoota lameen kana hidhaaf umuriin hin geenye jechuun waggaa 2,2 barnootarraa adabuun Asfahu Allaabbachoo daanikteera mana barumsaa ukkee sadarkaa lammaffaa dararaa hammas hin jedhamne dhaqqabsiisaa jiraachuun himame
HOOKARA HOONGAHAA, WAL GAHII WAL DHAHAA;(Walaloo)
Aside
QIXXEESSAA LAMMII IRRAA
Hookara Hongahaa, Wal gahii Wal dhahaa,
Shiraa fi daba malee, Maaltu keessaa baha.
Karoora diigamsaa, Adeemsa adawwii,
Afaan guutatanii, Yoo jedhan wal gahii,
Bitaa natti galee, Hubachuu barbaadee,
Obsee irra ciisee, Oolee bulee yaadee,
Wolaloo atamtu, Kurfaawee dhihaate?
Gammachu moo gaddaan, Walgahiin simate?
Abaarsa moo eebaan,Walgahin fudhate?(2)
Wal xiqqeessuun fayyaa? Hawaasni gabroome?
Kanatu na dhibee,Yaboo, Natti himaa mee,
Teessuma sanatti Ani baay’ee quurramee,
Hedduu jala ceeree, Qalbiin itti dhibamee,
Ijaarsa moo diiggaa? Mee maal haa jetnu mee?(2) Continue reading
