Hidhaan Hogganoota ABO Itti Fufee Jira.
MGS-ABO jaal Amaan Filee dabalatee Qondaala ABO jaal Gadaa Gabbisaa fi Galaalchessaa SBO Waaqoo Noolee fi Galaalchessaa ONN Dassuu Duulaa fi konkolaachisaa isaanii Bilisummaa ykn Ismaa’el kan jedhamu Bitootessa 8/2020 Jaal Abdii Raggaasaa bakka h
idhamee jirutti gaafachuu deemanii humna waraanaan qabanii kan turan namootni shanan kun guyyaa har’aa Mana murtiitti dhiyyaachuun beellama guyyaa 14 poolisiin itti gaafatee jira.
Rakkoon Oromoo seeraan furama jedhanii yaaduun furmaata hin fakkaatu mootummaa gabroomsaa biratti.


ABO hidhamaniiru. Kun waan haaraa miti. Hooggansii fi miseensooni ABO erga dhaabni kun hundeeffamee jalqabee ni hidhamu. Wanti kaleessa ta’e akka dhufaa ture akeekkachiifni kennamaa ture.
Hogganoota ABO guyyaa har’aa hidhamaniif kannee torbee darbe keessa hidhamanif durallee qabamanii mana hiraarsaa jiran maraaf sagalee haa taanu!
The lists of these leaders are: