Ebla 26,2017/Godina Addaa naannawa Finfinnee Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti ergamtoonni Wayyaanee OPDO daldaltoota dirqamaan gibira humna isaanitii ol kaffalchiisaa jiru.Ergamtoonni wayyaanee kunniin gibira ummanni humna keenyaa oli jedhee mormachaa ture osoo jiruu ammallee dirqamaan bakka hojii isaaniitti dhaqanii dirqamaan gibira humna isaanitii olii akka kaffalan dirqisiisaa jiraachuu Qeerroon naannawa sanii gabaasee jira Continue reading
ONN: Gaadisa Dhugaa 25th 2017
Aside
SBO Ebla 26,2017. Oduu, GGO Afrikaa Kibbaatti Kabajame Irratti Gaaffii fi Deebii Qindeessitoota Waliin Geggeeffamee fi Gaaffii fi Deebii Miseensa GS-ABO J/ Odaa Xasee Waliin Taasisame, Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 25,017
Aside
Aside
Godina Arsii lixaa Magaalaa Qoree Keessaa Barrattooti Manneen Barnoota Sadarkaa 1ffaa Irraa Hidhamaa Jiru.
Aside
Ebla 26,2017 /Godina Arsii lixaa Magaalaa Qoree keessaa barattoonni qabamanii mana hidhaatitti darbatamaa jiru.Tibbana barattoonni uffata wayyaaneen ummataaf raabsite kan duubaan barruu HAAROMSA GADI FAGEENYAA jedhu dallaa fi bakkoota gara garaatti fannifamanii turan kanneen barattoota kanneentu fannise shakkii jedhuun barattoota nagayaa hidhaa jira. Continue reading
Oromo Music Video – Bilisummaa Dance Group
Aside
Godina Arsii Magaalota Adda Addaa Keessaa Dargaggoota Sossobachuuf Jecha Wayyaaneen TPLF Maallaqa Raabsaa Jira.
Aside
Godina Arsii Magaalota Adda addaa keessatti mootummaan gabroomfataa Wayyaanee TPLF durfamtu Dargaggoota Oromoo Sossobachuu cimsee jira.Ebla 24/2017 Godina Arsii Magaalaa Asallaa keessatti Maqaa Ayyaana waggaa 6ffaa hidha haaromsaa jedhuun Dargaggoota walitti qabdee itti kijibaa oolte.Dargaggoonni Qeerroon Oromoo wal gahicharratti Argamanis gaafilee haala yeroo ammaa ummanni Oromoo keessa jiru ilaallatan itti roobsuun afaan qabachiise.
Nuti rakkoo bishaanii osoo hintaane Rakkoo gabrummaattu nutti jira.isin warri OPDO gaaffii ummata Oromoo deebisuu hin dandeettan.Erga biyya bulchaa jiraattanii waraana Tigreen nurratti bobbaafte nurraa yaasuu maaf dadhabdan? Ummata Oromoo mana hidhaatitti dararamaa jiru maaf hidhaadhas hin yaafne?daangaa Oromiyaa kabajsiisuu maaf dadhabdan? Continue reading
Kaampaalaa: Waldaan Baqattoota Oromoo fi Hawaasni Oromoo Biyya Ugaandaa jiraatan, Guyyaa yaadannoo Gootoota
Aside
Continue reading