Ebla 27,2017/Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaa Ganda Odaatti Maqaa eebba misooma sululaa jedhuun ergamtoonni wayyaanee OPDO Qeerroo aanichaatin salphachuun gara mana isaanititti dacha’an.Sabboontonni Qeerroon Aanaa Dalloo Mannaa bakkichatti Argamuun Nuti isin hin barbaannu isin guyyaa aangoo qabattan kakuun isin kakattan kaayyoo tigree galmaan gayuuf kakattan malee wanti isin kakattaniif hin jirtu nuti bilisummaa barbaanna isin nu gabroomsaa jirtu tigree wajjiin nuti bilisummaa barbaannaa hanga Oromiyaan bilisoomtutti nuti Qabsoo keenna itti fufna jechuun salphinnaan ufirraa galchuu Qeerroon Aanichaa Gabaasee jira
Ilaalcha ABO Qulqulleessinee Karoora Mootummaa TPLF Itti Haadeebinu Jechuun Hogganoonni OPDO Ummata Goyyomsaa Jiru.
Aside
Ebila 18/8/2009 ALHtti Godina Addaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Sabbataatti hojii dhabdummaa magaalaa keessaa dhabamsiisuu fi Rakkoo bulchiinsa Gaarii furuudhaaf jechuun dubartoota fi Qaamolee mootummaa walitti qabanii Miseensotaaf Deeggartoota ABO Qeerroo jedhaman bakka hundaa baadiyyaaf magaalaa keessaa Qulqulleessinee humna misoomaa haa ijaarru jechuun marii godhaa oolanii jiru.Wal gahii kanarratti jiraattotni waamaman wal gahicharratti argamuu dhabuun miseensotaaf deeggartoota isaanii qofa wajjiin afaan banaa oolanii jiru
Kubbaaniyyaan TPLF Humnaan Dirqisiisuun Qonnaan Bultoota Gatii Guddaan Xaawoo Bichisiisaa Jira
Aside
Ebla 27,2017/ Wayyaaneen Qonnaan bultoota Oromoo Dirqamaan Karaa Hojjattoota Misooma Qonnaatiin Xaa’oo bitaa jettee diqamsiisaa jirti.Godina Addaa Naannawa Finfinnee Aanaa Mullootti Xaa’oo NAPS fi YUURIYAA kuntaala 3979 Qopheessanii ummanni dirqamaan gatii humna isaatii ol ta’een akka bitatu taasisaa jiru
FXG Magaalaa Aboo Keessatti Deemsifamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Shamarree Sabboontuu Sa’aadaa Jamaal(Caaltuu Carcar) Adduunyaa Irraa Boqachuu OMN Gabaase.
Aside
Gaazexxessaa Abdii Fiixee Gaaffiilee Warraaqoo Abbaa Duulaa Gammadaa Kallattiin Gaafate.
Aside
Aside

ONN: Amboo Gara Galgalaa Show S01E06
Aside
Qondaaloti Wayyaanee Rakkoon OPDO Bulchiinsa Gaarii Dhabuu dha Jechuun Ummata Barsiisaa Jiru.
Aside
Ebla 26,2017/ Godina Arsii lixaa Aanaa Shaallaa Magaalaa Ajjee keessatti rakkoon dhaaba keenyaa bulchiinsa gaaridha rakkoo bulchiisa gaarii hiikuuf qophii jirra.isinillee dargaggoota fi namoota kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ABO galmaan gayuuf maqaa Qeerroo Bilisummaa jedhuun wal gurmeessanii Socho’aa jiran uf keessaa baaftanii akka mootummaaf kennitan mootummaan dargaggootaaf haala Continue reading
Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Asaasaa keessatti ergamtooti TPLF(OPDO) haaromsa gadi fageenyaa jechuun guyyaa guyyatti ummata dirqamaan walitti qabaa jiru.
Aside
Ebla 26,2017/ Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Asaasaa keessatti OPDOn haaromsa gadi fageenyaa jechuun guyyaa guyyatti ummata dirqamaan walitti qabaa jirti.kana malees qonnaan bultoota sossobachuuf jettee Oorruu qonnaan bultoota Bishaan jallisiitiin omisha gara garaarratti bobba’an jajjabeessuuf maqaa jedhuun gandoota aanichaa keessa olii gadi deddeemanii siyaasaa ufii gaggeeffataa jiru.Itti gaafatamaan Abbaa taaytaa misooma jallisii Godina Arsii lixaa Obbo Umar Ejeroo kaabinoota Aanicharraa walitti qabatee maqaa misoomatiin ummata Oromoo guutummaa Oromiyaatti jibbaa Wayyaaneef qaban gadi bayanii Continue reading
