Waraanni TPLF Kan Ijaare Hidhattooti Affaar Daangaa Oromoo Ce’uun Lammiilee Oromoo Irratti Miidhaa Gessisaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Ebla 24_2017
Godina Walloo aanaa Baateetti guyyaa hardhaa oromoo walloo  fi uummata Affar  waliin karoora  daangaa babballifachuu  uummanni Affaar lafa Oromoo ykn daangaa Oromoo ce’uun lammiilee Oromoo irratti  dhukaasa uummata keenya naannoo baateerratti baneen uummata keenya hedduu midhaaman namoonni miidhaman yeroo ammaa hospitaala baateetti yaalama jiru jedha gabaasni Qeerroon baate.
Manneen jireenyaa, qabeenyaa fi bosona naannoo sanaa  abiddaan mancaasaa akka jiran gabaasni nugahe nidhaddeessa.Gochaan kun humna  wayyaanee liyyuu poolisiin jeettee uummata somaalee uummata keenya  harargeerratti bobbaaste gama Walloon baateenis uummata affaar kaasuun umrii dheereffachuuf gootudha.tooftaa kana namuu beekuu qaba.

Humna Waraanaa Sooruuf Dirqamaan Maallaqa Kaffala Jechuun Dabballoonni Wayyaanee Uummata Hiraarsaa Jiran.

Aside

Ebla 23,2017  Wayyaaneen baajeta qabdu humna Waraanaaf kennuun kan hubamteef ol ka’uullee dadhabaa kan jirtu yoo ta’u, uummataan dirqamaan akka maallaqa buusu dirquun maqaa garaagaraan tarsiimoo saamichaa baafachuutti fuulleffatte. Qabataaman wantootni hawwaasa Oromoo ona garaagaraa keessatti argamaa jiru tarsiimoon saamichaa uummatarratti diriirfamuudha. Haaluma Lixa Oromiyaa Gimbii Ona Hoomaa keessatti uummata Oromoo walitti qabuun maallaqa Gamoo dhaabaa ittiin ijaarru buusaa jechuun ganamaa galgala uummata hiraarsaa jiran. Continue reading

Qabeenyii Yuunibarsiitii Jimmaa Samamaa jirachuun Saaxilame

Aside

GABAASA YUUNIBARSITII JIMMAA IRRAA Ebla 23/2017 Bulchiinsaa Yuunibarsiitii Jimmaatti Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Yuunibarsiitii Jimmaa Kanfaltii ‘Duty’ (tajaajila halkaniifi sanbattanii) Hojjettoota Ogeeyyii Fayyaa Kanfaluu Dadhabuufi Qabeenyi Yuunibarsiitii Jimmaa Qarshiin Miliyoonaan Lakkaa’amu Poolisoota Dabbaalloota fi Humnoota Tikaa Wayyaaneen Saamamuun saaxilame.

Continue reading

OMN: London Marathon 2017

Aside

Continue reading

IOLA and the HRLHA Joint Plea Letter.

Aside

April 22, 2017

The International Oromo Lawyers Association (IOLA) and the Human Rights League of the Horn of Africa signed a memorandum of Understanding on 10 April, 2017 to coordinate their works in areas of dissemination and increasing awareness of Human Rights knowledge among the Oromos in diaspora as well as to jointly gather and document as much as possible facts about the violation of human rights of the Oromos people by the Ethiopian government. The goal is not only to increase awareness about the need for respect of human rights by the government but to also prepare facts about the violations that are already committed against our people for future reference and submission to the attention of the international community to hopefully bring the perpetrators to the court of justice. Continue reading

Artistoota Oromoo,Elemoo Alii,Daangaa H/Iyesus, Kadir Martu,Tottoba Margoo fi Kanneen Kaan GGO London UK

Aside

Artist Hacaaluu Hundasaa, Robalee Tour- Melbourne, Australia

Aside

Kabajaa Guyyaa Gotootaa London UK

Aside

Gamtaan Barattoota Oromoo (GBO)n Haala Yeroo Biyyattiin Keessa Seentee Jirtuufi Yakka Waraanaa Ummata Oromoo Irratti Gaggeeffamaa Jiru Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Kenne.

Aside

 Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa dhaamsuufi dura dhaabbachuuf yakka waraanaa Mootummaan abbaa irree Wyyaannee raawwachaa jiru daran hammacha jira. Mootummaan Wayyaanee sodaa guddaafi yaaddoo Sochii Warraaqsaa FXG ummatni Oromoo akka waliigalaatti ittifufinsaan gaggeessaa jiru irraa ka’uun labsii muddama (state of emergency) isaa dheereffachuun biyyattii addatti immoo Oromiyaafi Uummata Oromoo waraanaan gooluu ittifufee jira.

Abbaan irree Wayyaanee baha Afrikaa biyyattii keessatti Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa raasee isa qabee jiru tasgabbeesinee nagaa buufneerra jedhee miidiyaa dharaa of harkaa qabuun ummataa biyyattiifi hawaasa addunyaa gowwomsaa jiraatuyyuu biyyattii keessatti nageenyi akka hin jirreefi sochiin Warraaqsaa uummataa roga hundaan hudhee isa qabee kan jiru ta’uu dheerachuu labsii muddamaa (state of emergecy) irraa kan hubatamuu yoo ta’u, haala rakkisaafi kufaatii irra gahee jiraachuu kan mirkaneessuu ta’uun wal nama hingaafachiisu. Dabalataanis, komishiiniin mirga namummaa Itoophiyaa gabaasa sobaa baasuun yakka waraanaa mootummaan wayyaanee ummata oromoofi saboota cunqurfamoo irratti raawwate dhoksuuf yaalaa jiraachuun beekamee jira. Continue reading

SBO Ebla 23,2017. Oduu, Ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii J/Soorii Sinyoor waliin godhame

Aside