FXG Itti Fufee,Goototi Qeerroo Bilisummaa Magaalaa Roobee ( Baale) Akkanatti Jiru.

Aside

HAMBAA BARDHEENGADDAA

Aside

Waggaa darbe ‘lafti nagaadha’ jedhee mana kiyyaa uffata aadaan faayamee ba’ee ture. Yeroon imala koo xumuree Ardaa Irreechaa gahetti, waantin arge kanan yaade hin turre; kanan tasa argee hin beekne ture. Innis, xiyyaarota  lakkoofsa hinqabne, kan mataarraa nu marsitee oliif gad deeddeebitu argaa turre.  Yeroo sanatti, huursaa xiyyaarotaa hinsodanne; deemsaakoos ittin fufe. Adeemsa  dheeraa  booda  naannoo  hora Harsadii  geenye.

Dhukaasa Imimmaanessaa

Malkaan Harsadii ummata Oromoo guutamee jira; obbolaakoo sadii fi anis ummata Oromoo lakkofsaa hedduutti makamne. Ardaan Ayyaana Irreechaas nutti urgaa’e. Garuu, urgaan ayyaanaa kun hin turre. Nuti achi geenyee turtii  daqiiqaa muraasa booda  dhukaasnii fi boombiin  ija nam  gubu  waltajjii  duubaan nutti  dhuukasamuu  jalqabe; aarrii dhukaasaas nu dhuunfate. Continue reading

SBO: Onkoloolessan4 bara 2017. Oduu, Yaada Hirmaataa Ayyaana Irreechaa bara 2017 Obboo Tolaa Reebuu fi Qophii Irreecha Baranaarratti Fuuleffate Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa..

Aside

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Onkoloolessa 3, 2017

Aside

“QABSOON OROMOO”  NI  TIIFEE  MALEE  HIN ROOBNEE !!!

Aside

SEENAA Y.G (2005)

Picture from Bishoftu – Irreecha 2017

Qabsoon nuuti amma itti seennee jirru, eegee qeerransaa hin qabanii….isa jedhaniin tokko. Kana booda, Milkaa’uuf wareegamni nu gaafatu, yoo duubatti deebineef wareegama nu gaafatu gonkumaa hin caaluu. Bakka amma irra jirru irraa duubatti deebinaan, of awwaallee, awwaala keenya irratti diinni akka sirbuu hayyamuudha. Sochiin gama hundaa itti seenamee jiru gonkumaa laafachuu fi lafarrallee harkifachuu hin qabu. Diina afuura kutuu barbaachisa. Gama hundaan irratti hojjatanii diina mogolee buusuudhaa. Haalli ammaan tana keessa jirrun gonkumaa dagamuu hin qabnuu. Bilisummaa saba keenyaa fi walabummaa Oromiyaa barbaanna taanaan, kanarra hojjachuu nu barbaachisa.wal gargaarsaa fi wal tumsuun har’aa argaa jirru, Continue reading

Tokkummaa fi Bilchina Irreecha 2017 Irratti Agarsiisne Bilisummaa Keenyaaf Haa Oolchinu

Aside

(Ijoo Dubbii ABO) — Diinni waloo nuti (Oromoon) akka Sabaatti qab -nu humna weerartuu alagaa kan afaan qawweetiin biyya teenya (Oromiyaa) dhuunfatee mirga biyya teenya irratti abboomuu (Walabummaa) nu sarbee dha. Humnoota weerartuu alagaa dhufaa-dabraan yeroo gara Jaarraa tokkoo fi walakkaatti dhihaatuuf Oromiyaa irratti wal jijjiiraa har’a gahan keessaa tokko kan tahe murni Wayyaanee (TPLF) kanneen isa dura turan hunda irraa haala adda taheen Saba keenya Oromoo addatti baasee akka diina innikkaatti ramaduudhaan gochaan diinummaa irratti raaw’achaa turee fi jiru kan yoom illee seenaan hin dagannee dha. Diinummaa Oromoo Wayyaaneen labsatee waggaa 26f itti jiru ABO Ummata Oromoo hubachiisuu irraa yeroon itti haara galfate hin jiru. Continue reading

“Chawo Chawo Wayyaanee” Gadaa Xumura Gabrummaa Mirkaneessuuf Jecha Qeerroon Wayyaanee Chaawo Jechuun Dhadatan.

Aside

 

Ijoolleen ofii Raafuu Nyaattee Rafuu Yaaddi, Kan Halagaa Baaduu nyaattee baduu yaaddi.

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Oromoon Oromoo qaba. Oromoon wal qaba. Waliif ka’a waliin ya’a. Adeemsi siyyaasa isaa qarqara Bilisummaa gaheera. Moggaa Garbummaa irra gahee jira. Moggaarraa dhumarra keessaa ba’a. Garbummaatti sabni hafu kamuu hinjiru. Nuti Oromoonis nii bilisoomna. Bilisummaan keenya fagoo akka hintaane argaa jirra. Oromoon bilisoomuuf tokkoon tokkoosaa sammuu isaa bilisoomsuu gaafata. Sammuu isaa walaba gochuun dirqiidha. Qabsoon Oromoo guyyaan inni itti galii isaa gahutu dhiyaataa jira. Ifa halagaan Oromoo gubee bobeeffataa ture dhaamuu jedha. Lafee qabsaa’ota Oromoo boba’ee ibsaa gaahaa ta’aafii turetu duraa dhaamuuf jira. Kana Booda lafee keenya qoraan godhachuun dhaabbachuu qaba. Eeyyee dhaabbatuu qaba. Halagaan ifa isaan ykn ifa lafee ilmaan Oromoon mirqaanuun dhaabbatuu qaba. Barbadaa isaa qaqqaammatee qorra irraa walabaa ta’uun halagaa dura dhaabbannoo godhataa jira. Qabsootu ifa guddaa ta’ee qabatee jira. Qabsaa’oota jiruun itti dukkanaa’e qabsaa’ota Oromoof ifa guddaa bahuuf jira. Ifti sun guca Qeerroon Bilisummaa Oromoo walitti fidaa jirudha. Eeyyee qabsaa’ita lafa dukkanaa jalatti hidhamaniif ifti bahuuf abiddi halagaa qabachuutti jira. Inni saamaa ture teessoon isaa wal dhahuu eegaleera Continue reading

SQ- Gabaasa Haala Irreechaa Bishooftuu 2017, Sagalee Qeerroo Bilisummaa Irraa

Aside

“Leencatu Dhale ABOn Bishooftuu Gale,Oromiyaa Gale” Irreecha Bishooftuu 2017

Aside