Ijoolleen ofii Raafuu Nyaattee Rafuu Yaaddi, Kan Halagaa Baaduu nyaattee baduu yaaddi.

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Oromoon Oromoo qaba. Oromoon wal qaba. Waliif ka’a waliin ya’a. Adeemsi siyyaasa isaa qarqara Bilisummaa gaheera. Moggaa Garbummaa irra gahee jira. Moggaarraa dhumarra keessaa ba’a. Garbummaatti sabni hafu kamuu hinjiru. Nuti Oromoonis nii bilisoomna. Bilisummaan keenya fagoo akka hintaane argaa jirra. Oromoon bilisoomuuf tokkoon tokkoosaa sammuu isaa bilisoomsuu gaafata. Sammuu isaa walaba gochuun dirqiidha. Qabsoon Oromoo guyyaan inni itti galii isaa gahutu dhiyaataa jira. Ifa halagaan Oromoo gubee bobeeffataa ture dhaamuu jedha. Lafee qabsaa’ota Oromoo boba’ee ibsaa gaahaa ta’aafii turetu duraa dhaamuuf jira. Kana Booda lafee keenya qoraan godhachuun dhaabbachuu qaba. Eeyyee dhaabbatuu qaba. Halagaan ifa isaan ykn ifa lafee ilmaan Oromoon mirqaanuun dhaabbatuu qaba. Barbadaa isaa qaqqaammatee qorra irraa walabaa ta’uun halagaa dura dhaabbannoo godhataa jira. Qabsootu ifa guddaa ta’ee qabatee jira. Qabsaa’oota jiruun itti dukkanaa’e qabsaa’ota Oromoof ifa guddaa bahuuf jira. Ifti sun guca Qeerroon Bilisummaa Oromoo walitti fidaa jirudha. Eeyyee qabsaa’ita lafa dukkanaa jalatti hidhamaniif ifti bahuuf abiddi halagaa qabachuutti jira. Inni saamaa ture teessoon isaa wal dhahuu eegaleera

Uummanni Oromoo ukkaamamaa tureera. Ukkaamsaa sana cabsuuf wal ijaaruu irratti yeroo dheeraa fudhateera. Yeroo haa fudhatuyyuu malee bu’aan inni argate bareedaadha. Kunoo Gaanii keessatti ukkaamaamaa ture sana cabsuu danda’ee jira. Farsoon ukkaamsaa hindanda’u. Yookaan dhoosee dhangaalaa’uu filata. Yoo kanaan achii afuura baafachiisuun dirqama. Farsoi gaaniitti naqamee haalaan qadaada isaa tolchanii yoo dagatan humna Gaanii sana dhoosu qaba. Of ta’ee jiraachuuf of ajajee jiraachuu nama mitii Farsoonillee akka hawwu beeki. Gaaniin farsoo sana ukkaamsaa turte, ukkaamsuuf yeroo gabaabaa nii danda’a. Garuu turmaana isaa yursiisuu hindanda’u. Farsoon Gaanii sana keessa taa’uuf qilleensa kennuufii, itti furaa deemuu barbaada. Farsoon akka kana hintaane dhohee Gaanii cabsee gara alaatti baha. Gara fedhetti of ajajuutti fuulleffata. Hiree isaa namarraa eeggachuurra ofiin murteeffachuu jalqabaa. Gara fedhetti dhangalaa’a. Akka fedhee sana ta’a. Namaan dhugamee dhabamuu sana jalaa walaba ta’a.

Oromoonis akkuma farsoo baroota hedduuf Gaanii keessatti qadaaddii habashootaan qadaadamaa tureera. Qadaaddoo sanaas buqqiisee bahuuf wal ijaaraa ture. Akkuma farsoon suuta dafaa, suuta ol deemaa gaanii dhoosyy danda’e, Oromoonis wal ijaarurratti yeroo fudhate. Gaanii keessatti ittifamu keessaa utuu hinbahin obsaan wal ijaaruu danda’e. Hacuuccaaf ukkaamsaa keessatti wal ijaaruun hamma akka ulfaatu utuu beekuu yeroo fudhatee wal ijaaraa ture. Har’a Gaanii sana cabseera. Gaaniin Oromoo ukkaamsaaf tolchaa ture cabeera. Qadaadni ukkaamsaaf tolfames callisee taa’aa jira malee uummata kana qabuu dadhabeera. Uummanni oaraa biraa cabsee bahe. Utuu gararraan eegamii jalaan dhoosee bahaa jira.  Kanaaf Oromoo gaanii cabsee bahe kanatti nii deebi’aa laata Oromoom kan jedhuuf yaaddoo hinqabnu. Gaaniin Oromoo qabuu danda’u hinjiru. Qeerroon Rirma taatee jalaan qorqitee barbadeessaa jirti. Djaba Aayyaanotaatu gahe. Dhabama garbummaa dhiyaate.

Teessoon buchulloota Wayyaanee walii isaanii walitti naqaa jira. Teessoo isaanitti abiddi qabate. Teessoo saamtotaatu gubataa jira. Barcuma isaan irra taa’ani murtii dabaa ilmaan Oromootti muraa turntu abidda ta’ee gubuutti jira. Teessoo diinaatu gubee wal guggubaa jira. Yaa qabsoo, qabsoon gaafa akkanaa akkam miidhaagdii? Halagaa qofaa miti. Gantuu qabsoo sanatti dimimmisaa jira. Gooftoliin kaleessa dheengadda akka Harree fe’atanii ergatan kan isaaniiyyuu wal’aalaa jiru. Rakkoo jabaa qabeenyi nama hinfurre hidhaa jabaa keessa seenani. Qabsoon Oromoo ammaa maallaqaan jalaa bahuun ulfaataadha. Maallaqaan Habashoonni furmaata argachuu hindandaa’an. Abidda isaanitti qabate bishaan irraa dhaamsutu hinjiru. Abidda saafaa, abidda bishaanuu gubudha. Egaa maaltu irraa dhaamsaa? Wayyaanee hidhaa kana keessa teessee mataa raasaa jirti.

Bofa mataan rukutame fakkaatteetti. Bofti mataan rukutame, utuu wixxistuu duuti. Utuu mataaf eegee raastuu dhabamti. Wayyaaneen Bofa. Bofa ajjeesanii akka arge hingatan. “Bofti biyyoo arraabdee kaati” kanaaf namni bofa uleen dhahee ajjeesu dhabama Bofaa sanaaf tattaaffii lafa gogaa ykn muka gogaarra kaahuun aduuf kaadhimu gochuun waajiba. Mukti bofti ittiin rukatamtee duute daara jala ruuqamu gaafata.

Qabsoon ABO n durfamus sochiin mirga abbaa biyyummaa, daangaa ofii kabachiifachuu, Hiree ofii ofiin murteeffachuu diinaa faana Oromoon gochaa jiru deemsa du’a bofaa kanaan wal fakkaata. Qabsoo hadhooftuu keessa jirra. Qabsoo nama Bofa ajjeesuuf deemu faana wal fakkaatudha. Wayyaaneen duutetti jennee kan lafatti dhiifnee deemnu taanan, albuudaaf qabeenyaa biyyee keenyaa kana arraabdee du’aa kaati. Kanaaf Wayyaanee ajjeesuun ajjeefnee lafa dhagaarratti gatuudha. Gammoojjitti darbuudha. Kanaan qabsoon galii rukuta.

Ayyaanni irreechaa waa nama keessa ka’a. Oromoon murteeffannoon ka’ee jira. Oromoon waan isa baasu hubatee jira. Qabsoo diina faana godhu kana eenyu faana hiruuruu akka qabu hubateera. Kanaaf akka jaarroolii darbanii gowwomsuu, saamuu, ajjeesuu, hidhuun hir’ataa deemeera. Oromoon icciiti ciniinee du’uu wal leenjiseera. Icciitii qabsoo Oromoo halagaa mitii firruu kan beekuun ala kan hinbeekne guddaadha. Irreechi Irreedha eeyyee. Irreechi nuuf irreedha. Irreechi itichaa qabsooti. Irreechi walitti qabaa sabboontotaati. Irreechi irree qofaa miti Oromoof gaachana.

Ayyaana Irreechaa kana irratti Oromoon waan lallabbuu qabu walitti lallabate. Waan hojjetuu qabu, qabsoo gochuu qabu waliif ibsaa ture. Dhaaba jala hiriiruun qabsoo asiin gahe faarfate. ABO n magaalaa Bushooftuu keessatti faajjiin isaa ka’ee bilisaan leellifame. WBO faarsuun haamileen WBo tti akka dabalu taasise. Ummaata galaana fakkaatu kan hanga baay’atutu ABO jajuun sagaleen isaanii sabnoontota du’anitti afuura naqe. Sabboontuu du’uuf jettu jabeesse. Uummata raafamuuf jiru itiche. Uummata firaaf lammii akka waan hinqabneetti of ilaalu, yaada isaa jijjiirsisee mirqaanse. Jabo Qeerroon Bilisummaa Oromoo. Alaabaa uffatanii alaabaa qabsaa’oota hedduun lubbuu itti dhaban uffatanii kabajatan. Alaabaan Adda Bilisummaa Oromoo ol ka’ee magaalaa bishooftuu mara keessa oole firaaf diina qabsoo Oromootti waa agarsiise. Fira qabsootti humna ta’ee egeree, waan itti qophaa’amuu qabu akka yaadan abbaltii laateef. Diina qabsoo Oromoo abdii kutannaa guddaa laateefii, waan qabdan guurrachuutu isin hafa jechaanii ture.

Amma inni galu galaa jira. Inni diina jalatti hafuy fedhummoo qabsoo sakaaluuf quncee quncisuu ittuma jira. Uummannis waan qiinqimaa jiru hanga lafaan gahutti qabsoo isaa jabeesseetuma jira. Warri kaleessa utuu hinbeekin maaddii halagaa cuuphataa turan gara qabsootti makamuutti jiru. Inni halagaan fira fakkaatummoo oduu isaa ittuu hammeessee jira.

“Ijoolleen ofii raafuu nyaattee rafuu yaaddi, kan halagaa baaduu nyaatte baduy yaaddi” jedha Oromoon. Abbaan qe’ee qe’eesatti galuuf jira. Guddifachaan saamee baduuf abbalaa jira. Waa maraafuu ammas qabsoo ittuma fufna

Horaa Bulaa

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

 

Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s

%d bloggers like this: