Damee Boruutiin
Dirmaan OPDO fi TPLF baatii muraasaa akka dinqitti of mul’isaa ture doksaan dhukana keessatti raawwate. “Hima dideen du’a hin didu “,akkuma jedhan warri dirmaa kana hubachuu dandeenyu amma nuuf danda’ametti uummata keenyaaf ibsuu yaalleera. An maqaa Damee Boruu jedhuun baatii Gurandalaa, 2017 ” Meeshaan Abbaa Hojjetataaf Dhimma baasa”mata duree jedhu jalatti waa’ee OPDO barreesseen jira.Maxxansaan kunis Ayyaantuu fi Sagalee Qeerroo Bilisummaa irratti bahee jira. Continue reading

Mudde 30/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Sochiin FXG daran jabaachuun Daandiin Konkolaataa Shambuu Irraa Gara Hagamsaatti Geessuu Kaleessa erga waraanni agaazii Yakka waraanaa Magaalaa Shamboo Keessatti rawwatee Qeerroon dargaggootni Oromoo lama wareegamanii hedduun madeeffamani bakkoota hedduutti daandiin akka banamuu hin dandeenyetti irree Qeerroofi uummataan cufame. Guyyaa har’aas Aanaa Guduruu, Jimmaa Gannatiifi Abbaay Coommaan naannoo Fincaa’aafi bakkoota hedduutti bifuma walfakkaatuun cufamee waraana wayyaanee sochii dhorkuun muddama cimaan uumameera !!