[SQ, amajjii 1,2018] Torban kana walitti fufiinsaan magaalaa Shaanboof naannooshee, bakkeewwan akka Konbolchaaf Fincaa’aa Horroo keessatti FXG hamaan gaggeeffamaa jira. Dirmannaa cimaa uummatni Horroo walii taasiseen akkasuma uummanni Baakkoo taasisaa jiruun karaawwan Horrootti darban kanneen Baakkoo keessa qaxxaamuran jirma jajjabaan kan cufamee jiru, konkolaataa kamiin dabarsaa akka hinjirre gabaafame.
Injifannoo uummanni argataa jiruun Sukkaarri uummataaf hiramaa jiraachullee dubbatamaa jira. Onicha keessatti uummanni ofiin of bulchaa jiraachuuf warraqsa jabaan banbanee akka baroota 90 moota keessatti haalan finiinaa jira.
Mootummaan tarkaanfii humnaa ajjeechaa gara jabinaa fudhachaa jira. Uummatatti Elekoopteraan waraana galchaa jiraachuus gabaasanii jiru