[SQ Gurraandhala 1,2018] Dambi Dolloo Gurraandhala 2/2018 Salphina OPDO waan nama qaanessu Guyyaa Har’aa G/Q/Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti Waa’ee dantaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachaa jirtuu isinitti himna jechuun Jiraattota magaalaa irraa muraasa, barsiisota irraa muraasa,qeerroo irraa namoota muraasa galma waajjira dhaabaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti walitti qabuun barreeffama afaan Amaaraan qophaa’e kan TPLF itti laatte fidanii akkas jedhan:- “Oromoodhaa Finfinnee keessatti manni barnootaa addatti ijaarameeraaf,tajaajila geejjibaas addatti argachaa jira kan jedhuu fi waan xixiqqoo dubbachuunsaa nama qaanessu kaasuun akka waan gaaffiin Oromoon Finfinneerra qabuu kana ta’ee amansiisuuf yaalan. Continue reading
Raadiyoo Simbirtu Guraandhala 01 2018
Aside
FXG Adaamaa Keessatti Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.
Aside
[SQ, Gurraandhala 1,2018] Magaalli Adaamaa Naannoon Biraazarsii Ganama Subii Saa’atii 12 irraa eegaltee dhukaasan Raafamaa jirti. Dhimmi isaas ilmaan Oromoo Naannoo sanatti manneen waggoota hedduun duratti ijaarratan Manneen seeran alaati jechuun irraa diiguuf yeroo dhaqanitti Ummanni iyyuu eegallaan Dhukaasni ummatarratti baname jechuun namoonni maannoo sanatti argaman nuuf gabaasanii jiru. Continue reading