[SQ Gurraandhala 1,2018] Dambi Dolloo Gurraandhala 2/2018 Salphina OPDO waan nama qaanessu Guyyaa Har’aa G/Q/Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti Waa’ee dantaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachaa jirtuu isinitti himna jechuun Jiraattota magaalaa irraa muraasa, barsiisota irraa muraasa,qeerroo irraa namoota muraasa galma waajjira dhaabaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti walitti qabuun barreeffama afaan Amaaraan qophaa’e kan TPLF itti laatte fidanii akkas jedhan:- “Oromoodhaa Finfinnee keessatti manni barnootaa addatti ijaarameeraaf,tajaajila geejjibaas addatti argachaa jira kan jedhuu fi waan xixiqqoo dubbachuunsaa nama qaanessu kaasuun akka waan gaaffiin Oromoon Finfinneerra qabuu kana ta’ee amansiisuuf yaalan.