Category Archives: Oduu/News
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 9,2018
Aside
Hubachiisa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname!!
Aside
Namoonni utuu hin beekinis ta’ee beektani, akkasumas ergama diinaas fudhattanii maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoofi Logo Qeerroo Bilisummaa Oromootti fayyadamuun Ibsa, akeekkachisaa (diniinaa)fi barruu adda addaa kan naamusaafi Sansaka naamusa Qeerroo Bilisummaa Oromoofi Qabsoo Bilisummaa Oromoo hin qabne afaan garaagaraatti fayyadamuun maqaa balleessii , shiraafi yaada faallaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo maxxansitan, facaastan serdhablummaafi yakka Qabsoo Bilisuummaa Oromoo irratti rawwachaa jirtan irraa atattamaan akka of dhaabdan Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun isin akeekkachiisa!! Continue reading
SBO Bitootessa 9,2018. Oduu, Qophii Haala Yeroo Irratti Xiiyyeeffatuu fi Gaffii fi Deebii Qindeessitoota Kora TUBD tibba Darbe Landanotti taa’ee kan tahan keessaa tokko Mis.GS ABO Jaal Barsiisaa Barii Waliin Taasifne.
Aside
“Bareedina Fuudhuu” Seenaa fi Qooda Jabina Shamarran Oromoo
Aside
Bareedina Fuudhuu:
Wal jijjiira Sirna Gadaa wagga saddet saddetiif yeroo Buttaan qalamu Oromoon akka sirna Bareedina Fuudhuus qabaachaa ture quba ni qabdanii?

Sirna Bulchiinsa Gadaa Oromoo keessatti Bareedina Fuudhuu jechuun maal jechuu dha?
Addunyaa irratti Bitootesni 8 Guyyaa Dubartoota Idil-addunyaa jedhamee beekama. Yaadatamaas oola. Guyyaan kun wan irraa madde fi seenaa of danda’e qaba. Nuti seenaa kana irraa dubbachuuf miti. Garuu guyyaa Dubartoota Idil-ddunyaa yaadatamee oolu kanatti bulchiinsa Siran Gadaa Oromoo keessatti Seenaa qooda fudhatiinsa Shamarran Oromoo dhokatee jiru tokko irraa dubbachuuf.
Akkuma Sirnicha keessatti baratamee fi sirnichis ijaarratetti Sirni Marsaa Gadaa wagga saddet saddetiin bakka wal jijjiira. Yeroo wal jijjiirraa sirna marsaa kanattis Buttaatu qalama. Buttaan kun torban tokkoo hamma lamaaf sirni isaa gaggeessama.
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 08,2018
Aside
Raadiyoo Simbirtuu Continue reading
” Mirgi Ummata Oromoo Guutuutti Hamma Mirkanaawu Fincilli Xumura Gabrummaa Itti Fufa”! Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Aside
Mirgi Ummata Oromoo Guutuutti Hamma Mirkanaawu Fincilli Xumura Gabrummaa Itti Fufa!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 7,2018 Finfinnee Oromiyaa
Amna dheeraa deemnee qabsoo fincila diddaa gabrummaa irraa gara xumura gabrummaatti dhufnee jirra,Wareegama goototi Oromoo qaqqaliin baasan bakkaan gahuuf jecha mirga abbaa biyyummaa Oromoo guutuutti kabachiisuuf diddaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo halkan tokkoof illee osoo hin dhaabbatiin ykn adda hin citiin amma galii gahutti itti fufa.
Haala yeroo ammaa kana keessatti sirni abbaa irree Wayyaanee raayyaa waraana isaa Oromiyaa guutuutti bobbaasee ummata Oromoo bakka fedhetti ajjeesaa bakka fedhettis saamaa fi hiraar daangaa hin qabneen irratti raawachaa jira. Labsii Waraanaan Oromiyaa dhiitanii bulchuu ifatti erga mirkaneeffateen as ajjeechaa fi doorsisaan ummata Oromoo Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) irraa dhaabuuf mala inni karoorfatee ka’e inni guddaan ajjeessuu dha,ummanni Oromoo du’aa fi hiraara irraa afuura osoo hin fudhatiin falmachaa du’uu fi wareega kafaluuf qophii ta’uu isaa diddaa bifa adda addaan godhuun aduunyaatti mirkaneessee jira. Continue reading
Bakka Bu’oota Uumataa Immoo Kan Mootummaa?
Aside
Damee Boruutin, Bitootessa 6, 2018

Warra seeruma biyyittiin qabduun uummataan filatamaanii bakka bu’oota uummataa tahanii kakuu biyyaa fi uummata isaan ergatee gananii Mootummaa faashitii wajjin adda tokko tahee uummata irratti murtii du’aa dabarse bakka bu’oota uummataa jennee waamuun hin ulfaata. TPLF uummata keenya dugugdee lafa irraa fixuuf akeeka qabdi. Akeeka kana bakkaan gafuu tooftaa Labsii Yaroo Muddaa qopheefatee akka fudhatamaa argatuu gara mana maree paralaamaa geessitemale isheen duraan dursitee itti jirti. Murtii maqaaf gara mana maree paralaamaa dhiyaate fedhii isaaniin sobaan Labsii Yaroo Muddaa ragaasisuudhaan qooda fudhachuun cubbuu fi yakka guddaa uummata isaan filate irratti hojjechuu dha. Continue reading
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts- 7 March 2018
Aside
Memorandum of Understanding (MoU) of Political Organizations participated on All-Inclusive Conference Initiated by Peoples Alliance for Freedom and Democracy (PAFD) conducted in London between February 24 and 25, 2018
Aside
March 7, 2018
This Memorandum of Understanding (MoU) sets for the terms and understanding between political forces in Ethiopia who took part and in principle agreed to work together during all-inclusive International Conference conducted in London between February 24 and 25, 2018. Continue reading
