Damee Boruutin, Bitootessa 6, 2018
Warra seeruma biyyittiin qabduun uummataan filatamaanii bakka bu’oota uummataa tahanii kakuu biyyaa fi uummata isaan ergatee gananii Mootummaa faashitii wajjin adda tokko tahee uummata irratti murtii du’aa dabarse bakka bu’oota uummataa jennee waamuun hin ulfaata. TPLF uummata keenya dugugdee lafa irraa fixuuf akeeka qabdi. Akeeka kana bakkaan gafuu tooftaa Labsii Yaroo Muddaa qopheefatee akka fudhatamaa argatuu gara mana maree paralaamaa geessitemale isheen duraan dursitee itti jirti. Murtii maqaaf gara mana maree paralaamaa dhiyaate fedhii isaaniin sobaan Labsii Yaroo Muddaa ragaasisuudhaan qooda fudhachuun cubbuu fi yakka guddaa uummata isaan filate irratti hojjechuu dha.
Akkuma seera Itoophiyaa sanatti namootni bakka bu’aata uummata tahanii uummataan filataman akka ijaa fi gura uummata isaan filee tahanii hojjetan kakatanii mana paralaamaa seenuu isaanii waan dagatan hin se’u. Erga mana parlaamaa seenanii booda uummata isaan filee dhiitanii mootummaa wajjin dhiichisaa sirbuu eegalan. Sababni isaa dantaa mataa isaanitu lubbuu uummataa caalaa itti mi’aa dhufe. Ayyaalaalatummaan qabamanii dhiiga ilmaan Ormoon irraa tarkaanfatanii budeena furdaa nyaachuu fi jireenya badhadhaa jiraachuu filatan.
Yaroo Agaziin guuddatuu fi guddataa Oromoo rasaasan adda walkaa dhahee itti geeraru akka nama guraa fi ija hin qabnee arguu fi dhaguu isaanii illee hin dubbatan. Amma isaan jireenya gaarii qabatanitti dhumaatiin Uummataa Oromoo homaa itti hin fakkaatu. Seerri biyyitti iyyuu namni uummataan filamee mana maree paralaama seenu itti gaafatamni isaa inni duraa uummata isaa fileef akka tahe mirkaneessa.
Mootummaan TPLF haalli LYMf barbaachisaa tahu tokkoo utuu hin jiraatiin kaayyoo sanyii dugugginaa Uummata Oromoo bakkaan gahuuf xiyyeefatee yaroo ka’uu biyyi lafaa hundi ni arga. Warri wajjin jiru immoo caalatti hubachuu akka danda’u mamii hin qabu. Utuu LYM kun mana maree paralaamaa itti hin dhiyaatiin Waraanni TPLF Oromoyiaa guutuu keessaa diriiree ilmaan Oromoo nagaan jiraatan qaluu eegalee jira. Haala deemaa jiru kana nama hundaa dura kan dhaga’uu fi hubatuu qabu warra bakka bu’oota uummata tahee filame akka tahe ifa jira. Hojiin isaanii inni duraa mootummaan uummata gooluu fi ajjeessuu irratti akka qoqqobatuu gochuun dirqama isaanii bahuu qabu turan. Uummatni keenya bakka jiru maraa akka murtii LYM hin ragaasifamne dhaamsaa fi kadhanaa warra bakka bu’oota isaa tahan kanaaf dabrsee jira
Kan baayyee nama ajaa’ibu garuu mootummaa faashitii sanyii balfattuu TPLF bukkee dhaabbatanii uummata isaan filee akka lafa irraa duguggidee fixxu eehama ragaa kennuu dha. Warri kun yakka dhiifama hin qabnee uummata Oromoo irratti raawwachuu isaanii hubachuu qabu. Uummata isaan filate ifatti gananii jiru. Guyyaa murtii sana kaase warri kun fedhii isaanii bakka bu’ummaa uummataa irraa of buusaniiru. Erga murtii sun darbee asi dhiiga qulqulluu ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan dhangala’aa jiruuf TPLF qixa itti gaafatama qabu. Uummatni Oromoo dhiiga isaa dhangalaasaa fi dararmaa isaan tahanii jireenya bashananaa guyyaan jiraatan darbee jira. TPLF akka duute owwaalamuuf boola qarqara jirtu bareechitee beekti. Utuu hin badiin dura amma dandeessu biyya balleessitee baduu yoo tole immoo lubbuu dheerrefachuuf wixxifachaa jirti
Uummatni Ormoo jilbeefatee jiraachuu fi ciisee du’uu didee gargaarsa Waaqa Gurrachaa wajjin harka qullaa dhaabbatee gootummaan of irraa ittisuu filatee jira. Kana booda kum-kumaan haa wareegamnu malee TPLFin dhiitamnee hin bullu. Ergamtoonni ishee” suuta jedhaa karaa nagaa taheen waliin qabsoofna “ jechaa uummata keenya burjaajjessuun akka TPLF deebitee nuyi irratti bayyaanattu godhaa turan. Isaan garuu dhiiga ilmaan Oromoon aangoo caaluuf of qopheessaa jiru. Dammaqinsi uummata Oromoo bakka kaleessaa beekan hin jiru. Kana booda wal gowwomsuunis ni raawwata.
Abbaan Duulaa Gammadaa kan soba isaa immoo kan soda isaa utuu nama safuu , qaanii fi naamusa namummaa kan qabu tahee guyyaa sobaan murtii du’aa uummata keenya irratti labse kaasee bakka jiru irraa bu’uu qaba. Namni kun nama salphoo, raqa waan garaa isaa habuubbi sanatti naqu yaaduu malee waan akka dhala namaa yaada biraa qabu hin fakkaatu. Dabballewwan OPDO alaa (diaspora) isaa faarsaa turan iyyuu waaluu salphinaa itti haguugee bira darbaa jira. Waan hubachuu qabu garuu qilee boolaa TPLF f qophaa’ee keessa kan dura darbee seenu isa akka tahe dha. Akkkuma warra gooftolli isaa qabeenya uummataa hate tullatee qabu magaagaa lamaaniin halkanii fi guyaa akka sa’aa alala yoo guure xeerrii isaa rirmaaf coomsuu malee faaydaa biraa hin qabu. Waa’ee nama yartuu kana lamaffaa yoon kaasu dhiise natti tola.
Walii gala uummatni keenya waan gochuu qabu:
- Namoonni LYM dabrsuuf gargaaran gara uummataa isaan filee deebi’anii dhiifama haa gaafatan
- Yoo ofii isaanii itti gaafatama isaanii of irraa hin buufne, uummatni isaan file irraa haa molqu
- Qaabeenyi dilbii isaan qaban fudhamee namoota labsii kanan ajjeesaman owwaaluu fi mada’an waldhaanuuf akka oolu gochuu
- Walii gala manni maree parlaamaa Itoophiyaa waan sobaan uummata isa file irratti waraana utuu labsuu saaxila baheef jiguu qaba.
- Yaroo gabaabaa keessatti bakki bu’oota uummataa haaraan filmaanii biyyi kun seeraa fi heera qabuun akka dhiigni dhangalaa jiruu fi qabeenyi barbada’aa jiru akka dhaabbatu.
- Warra didaa agarsiisee galaataa fi eeba uummata badhaasuu.
Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!