QDh tiin
Hordoftoota qophii agartuu Qeerroo. Torban torbaniin haala torban ooltii Oromiyaa fi diina innika TPLF isiniin gahaa turuun keenya nii yaadatama. Ammas kan torban kanaa “Raafama” mata duree jedhun qabannee dhiyaanneerra. Hordofaa!
“Guntutiif mootummaan garboomsaa dhaabatee hinafu” jedha Oromoon. Har’a qabsoon Oromoo qabsoo mirga abbaa biyyummaa, qabsoo hiree ofii ofiin murteeffachuu guddatuurra gaheera. Adeemsa qabsootu suuta deemaa, suuta garboomsaa golgoleessa. Kanaaf sardamsa, jarjartiirraa bilisa ta’ee bifa diinni hinbeeknee hulluuqee guutummaa uummatasaa dammakfatuurra tareeyyuu ollota Oromoo TPLF garboomsee dammaksee jabaate adeemutti jira. Qabsoon Adda Bilisummaa Oromootiin durfamu,Qeerroo Bilisummaa Oromoo uummatasa ijaaruun ABO jala hiriiree qabsoo waggoottan 10 darban keessa ture keessatti ajjeechaan jumulaa uummatarras ta’ee Caasaalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo irra gaaga’ama ulfaataan gahaa turaniiru. Continue reading
