Qabsoo fi Qabsaa’ota.

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Qabsoon waan ulfaattuu walxaxaa tokko kutanii darbuudha. Adeemsa waan tokko injifachuuf ifaajjii guddaa taasisnu Qabsoo jedhama. Qabsoon wanta addunyaa kanarratti wareegama nama baasisuudha. Addunyaa kanarra jiraachuuf namni kamuu Qabsoo gochuu qaba. Adeemsi nuti guyyaa guyyaan jireenya injifachuuf, rakkina mohachuuf, gadda iira aanuuf, siqiiqii dabarsuuf, garbummaa jalaa bahuuf taasisnu qabsoo jedhama.
Isaan olii keessa waan irratti dubbachuuf hedu qabsoo garboonfataa qarisiisuuf sabni tokko wal ijaaree taasisudha. Garboonfataa konkolaachiftee biyya abbaakee kabachiisuuf qabsoo gaggeessuu si gaafata. Qabsoo gaggeessuun dura guutummaa jireenyakee mara aarsaa gootee sabaaf laachuu si barnaachisa. Gaafa jireenya mataakee gattee uummatakeef dalaguu jalqabderraa kaatee ati qabsaa’aa jedhamta. Jireenya mataakee gattee uummataaf of laachuun qabsoo gaafata.

Continue reading

#Bishooftuu, Mootummaan TPLF Wayyanen qabenyaa gurrachuu akkumaa itii fufetti jira.

Aside

Bitootessa 30,2018

Warshaa “Automotive Industry” kan makalakayaan konkolaataa oomishu keessaa meeshawwan gurgudaa bafachuun gara naannoo Tigraayitti guuraa jiru.

Gama biraan ammoo magaaluma kana keessatti kana argamu naannoo humna qilleensaatti hora bishooftuu/haroo Magariisaa kan jedhamu ABO tu gale jira jechuun dabareen halkaniifi guyyaa bosona keessa naanna’uun eggaa jiru, jiraattotni garuu sodaa qabna sababa kanaan gaara kana ibiddaan akka isaan hin gubne jechuun sodaa isaanii ibsachaa jiru, Continue reading

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Matakkal Asoosaa irraa

Aside

Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumus bakkoota Matakkal, Wambaraa, Gaalessaa fi Asoosaa jiraatu Waggoota Dheeraaf saboota biro naannichaa wajjin wal dandauun, wal kabajuun akkasumas Aadaafi Duudhaa Uummata Oromoo naannicha waliin qooddachuun nagayaan jiraachaa ture.

Nageenyii fi walitti dhufeenyi kun Karoora saamichaa mootummaan nama nyaataa wayyaanee Naannicharratti baafatteef danqaa guddaa waan itti ta’eef,  Waggootii Kurnan darban keessattii shira a fi daba garaa garaa xaxaa turteetti. Kunis akkuma Oromoota naannoo Sumaalee, Raayyaa fi Walloo saboota naannichaa wajjin walitti buusuun Oromoota ajjeesuu fi Buqqisuu ture.

Haa ta’uyyuu malee Qabsoo Hadhaawaa Qeerroo fi Hawaasni Oromoo Naannichaa godheen harkatti fashalee jira. Kanaan kan Gubatte Mootumman Murna Bucuu TPLF sabboontota Oromoo Qaqqaalii naannichaa waggaa darbe qabdee mana hidhaatti waxalaa jirti. Continue reading

Adam Bandt:-The human rights and political rights of the Oromo people are under attack in Ethiopia

Aside

The human rights and political rights of the Oromo people are under attack in Ethiopia. There are disturbing reports of violence against Oromo protesters that has left 1000 civilians dead and the imprisonment of tens of thousands of people for exercising their right to political protest. I call on the Australian government to stand up for human rights for the Oromo people.