Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Alaabaa ABO Dirree Kubbaa Kibba Africa Irratti Arguun Gammachuun Addaan Dhuunfataman.

Aside

Amajjii 22,2013
Amajjii 21/2013 Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Dirree Xiqqaa Mooraa main Campus keessaatti argamuu Tapha Kubbaa Miillaa Afrikaa har’a gagalaa Zambia fi Ethiopia gidduutti taphatamaa jiruu irraatti Qeerroon baratootni Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Alaabaan ABO Dirree tapha kubbaa Miilaa Afrikaa Marsuun mirmirfamee fi bolili’uun Alaabaan keenyaa Addunyaatti Mul’achuun Qeerroo Baratootaa Sabboontotaa Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa dawwaannaa taphichaaf Bobbaa’aan bakka taphni agarsiifamaa jirutti waliitti qabamuun Yeroo Alaabaan ABO agarsiifaamaa jiruu dargaggoonnii gammaachuun of wallaaluun UUUUUUU!!UUUUUUUU!!UU! Jechuun iyyanii Achuumaan Sirbotaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuu Mooraa Yuuniversiitichaa keessaa nannaa’uun sirbaa bulan,

Gartokkeen baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa gammaachuun of wallaaluun Mooraa Yuunivarsiitiin ala bahuun dargaggotaa Magaalaa Jimmaa waliin walitti dabalamuun Maagalaa Keessaa nannaa’uun ”Korma guduruu ABO’n Leencumaa duruu” jechuun magaalaa keessaa nannaa’uun sirban. Halkaan hangaa sa’aa 4:30tti sirbaa bulaan Poolisonnii wayyaanees halkaan waan ta’eef hallii akkasii kunis uumamaa jedhanii waan hin eegneef abbaa qabanii dhiisaan walii wallaaluun ni ga’aa sirbaa dhaabaa jechuu, dargaggootaa kadhachaa turaan. Haala kana Fakkaatuun Ammajjiin 21/2013 galgallii Tapha Kubbaa Miilaa Afrikaa irraatti Alaabaan ABO bololi’ee Addunyaatti mul’achuun Ilmaan Oromoo dheebuu bilisummaa qabaniif gammaachuu isaa guddaa ta’ee jira, Oromoonni hedduunis bilbilaa harkaa of harkaa qabaaniin walitti bilbiluun baga gammaaddee waliin jechaa jiru.

Kana malees barattooti mooraa Yuuniversity Amboo,Haromaaa,Adaamaa,Finfinnee,Bahrdar fi kanneen kaanis gammachuun doormiilee fi dirree irratti bahanii wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa akka turan gabaasi nu gahe addeessa.

Magaala Hawaasaa keessatti waraqaalee dhaadannoo maxxanfamaniin Wayyaaneen ilmaan Oromoo fi Sidaamaa addatti hidhaa jira.

Aside

Amajjii 20,2013 Hawaasaa

Naannoo uummattoota kibbaa magaala Hawaasaa keessatti gaaffii mirgaa Qeerroo fi dargaggootni sidaamaa gamtaan gaafatan dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo fi Sidaamaa mana hidhaatti guuraa jira.Magaala Hawaasaa keessatti dhaadannoowwan afaan Oromoo,Amaariffaa fi Sidaamaan barraaan bakkeewwan garaa garaatti keessumaa hoteloota gurguddaa kanneen akka Leewwii,Chambalalaa fi baankii Wegagen biratti maxxanfaman mootummaa wayyaanee yaaddoo keessa buusanii jiran.Dhaadannoowwan afaan sadeenuu wal fakkaataan hiikaman

1. Barri mootummaa wayyaanee gahe

2. Wayyaaneen garboomsaa dha

3. Hidhaa fi ajjeechaan haa dhaabbatu

4. Maalummaan uummataa dhimma jabaa tahee haa mulatu

5. Wayyaaneen aangoo irraa haa buu

6. Hidhi abbayyaa gaaffii mirgaa hin dhaabu

7. Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina

8. Gaaffii mirgaa kan gaafatu shororkeessaa miti

9. Saaminsii fi loogiin haa dhaabbatu

Jedhan hedduumminaan kan maxxanfaman yoommuu tahu wayyaaneen ilmaan oromoo fu sidaamaa mana hidhaatti guuraa fi doorsisaa jira.Yeroo ammaa kanatti

1. Dargaggoo Ifreem Jiraataa hojjetaa mootummaa

2. Lammisoo Laggasee hojjetaa mootummaa

3. Daanieel Yirgaw hojjetaa mootummaa

Kanneen tahan mana hidhaatti kanneen ukkaamsaman yoommuu tahu sakattainsii fi doorsisinis jabaachaa jira.Hanga gaaffiin uummataa deebiu qabsoo itti fufna jechuun Qeerroon magaala Hawaasaas daraggoota Sidaamaa waliin dhaamsa dabarsee jira.

SBO Amajjii 20 Bara 2013

Aside

Oromo Call for Peaceful Protest in Washington D.C. Waamicha Hiriira Nagaa Oromoota Washington, DC

Image

Flayer-English

http://www.Ayyaantuu.com

Diddaan Uummata Oromoo Itti Fufee Kaardii Filannoo Wayyaanee Lagatan.

Aside

Amajjii 18,2013 Naqamte

Amajjii 16,2013 Diddaan Ummaataa Godina Wallaaggaa Bahaa Kessaatti jabaachuun itti fufee, Godina Wallaaggaa Bahaa Onotaa akkaa ddaa, Heebatuu, Diggaa Saasiggaa, Kiramuu, Ukkee, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Guutoo Wayyuu, Magaalaa Neqemtee, Gatamaa Beessee, Jimmaa Arjoo, fi Nuunnuu Qumbaa keessaattii Uummaannii waraqaa kaardii filaannoo kijibaa Wayyaanee hin fudhannuu, jechuun dabballoota maqaa filannootiin daldalaa jiran Qaanessee jiraachuu gabaafame.

Haaluma kana ilaalchiisuun Mootummaan Wayyaanee humnotaa hidhataa bobbaasuun humna ABOtu isiin keessaa jira jechuun warrii kaardii filaannoo hin fudhannee rakkoo isinittii dhufuuf namni itti isinii gaafatamuu hin jiruu jechuu uummaataa dorsiisuun uummaannii humnaan akka ba’ee Kaardii filannoo fudhatuu dirqiisifamaa jiraachuu irraan kan ka’ee Ummaannii rakkoon gabrummaa caalee maaltuu jiraa nuti filannoo kijibaa hin barbaannuu jechuun ifatti dabbaallootaa of irraa deebisaa jiraachuun gabaafame, Sochiin walfakkaataan kun Godinaa Horroo Guduruu Wallaaggaa fi Godinaa Dhihaa Wallaaggaa Onotaa garaagaraa keessaattii Jabaatee itti fufee jiraachuun Odeessii nu qaqqabaa jiruu ifaa taasiisee jira.

Barattooti Oromoo Mooraalee Yuniversitii Adda Addaa Keessaa Ukkaamfaman.

Aside

Amajjii 18,2013 Finfinnee

Barattooti Oromoo gaaffii mirgaa kaasuun yakka ta’ee mootummaa Wayyaanee biratti erga muldhatee baroota 21 darbanii jiru.Haalli kun itti caaluu fi hammaachuu irra  Amajjii 17,2013 barattooti Oromoo Kolleejjii Yunversity Adimaas Finfinnee irraa baratan lama maqaa sochii dargaggootaan yeroo adda addaatti doorsifamaa turaniin yeroo ammaa loltoota Wayyaaneen ukkaamfamanii bakka jiran hin beekamu.

Kanneen kunis:-

1.Diinagdee Lemmaa barataa IT waggaa 2ffaa  fi

2.Derejjee Shifarraa IT waggaa 2ffaa

Yeroo ta’an kana irrattid abalees barattooti Oromoo Yuniversitii Aosoosaa 3 akka mootummaa Wayyaaneen hidhamanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.

Radio Simbirtuu: Dhimma Biyyaa Irratti Qophii Addaa fi Gaaffii-Deebii J/ Galaasaa Dilboo Waliin Godhame

Aside

Seife Nebelbal Radio: Interview with artist Hailu Kitaba, OSA President and Oromo Youth Leader in DC

Aside

TVOMT Oduu, Ijoo Dubbii, Yaaminsa Hiriira Nagayaa Amajjii 25, 2013 fii Sirba Torbbee kanaa

Aside

Qeerroon Yuunivarsiitii Asoosaa dhimma QBO irratti marii gaggeessaniin booda gaaffii mirgaa kaasan.

Aside

Amajjii 16,2013 Asoosaa
Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti gaaffii mirgaa barattoota oromoon gaafatame mootummaan Wayyaanee dura dhaabbachuuf mana hidhaatti ukkaamsuun isaa ni yaadatama.Gaaffiin mirgaa ukkaamsaan hin dhaabbatu jechuun barattootni oromoo Yuunivarsiitii Asoosaa walitti dhufuun marii erga gaggeessanii ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiran.Ibsawwan ejjennoo kunneen

1. Hidhaa fi ajjeechaan hanga dhaabbatu qabsoo irraa hin dhaabbannu

2. Mootummaan wayyaanee garboomfataa waan taheef aangoo irra akka buu iyyanna

3. Sagaleen ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa Addunyaatti akka dhagaamuuf dirqama keenya ni baana

4. Paarlamaan biyyattii dhugaa uummataa dhoksu addunyaan akka nuu dhagauu fi hubatu iyyanna

5. Miseensota OPDO tahan hubachiisuun QBO galmaan ni geessisna

6. Waadaa galle haal duree tokko malee ni baana

Barattootni Oromoo kunneen QBO galmaan geessisuuf kutannaan hojjechuuf waadaa erga walii galanii booda sabawwan cunqurfamoo uummata Gambeellaa waliinis walitti dhufuun haala biyyattii irratti marii gaggeessanii jiran.Koreen Hojii raawwachiistuus ilmaan Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo Gambeellaaf kan filaman yoommuu tahu dargaggootni Gambeellaa ilmaan Oromoo waliin tahuun mootummaa Wayyaanee aangoo irraa darbuuf hojjechuu isaaniitti ilmaan Oromoof galata galchaa gammachuu isaanii ibsatanii jiran.

Kana malees Qeerroon Yuuniversitii Asoosaa barattooti Oromoo Yuniversitii Fifineetti gaaffii mirgaa gaafataniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kenname reebichaa fi hidhaa waan ta’eef dhimmi kun akka hatattamaan dhaabbatuuf ifatti xalaaa bulchiisa mooraa Yuniversitichaaf barreessanii jiraachuun gabaafame.