ONN:Amharic News. May 5/2018 Continue reading
Category Archives: Oduu/News
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 25,2018
Aside
Gaaffii fi Deebii Dura Taa’aa Partii KFO Dr.#Mararaa Guddinaa EthioTube waliin godhan.
Aside
Biyya Ethiopia keessatti EPRDF fi dhaabonni Siyaasaa gariin haqa dhaaba Siyaasaa tokkoo dhoksuun qooda ifii guddisanii dubbachuun “Dhugaa” ABO fi deggersa Ummataa inni qabu golguun wareegama deggertooti ABO baasan yeroo ukkaamsuu yaala muldhata ykn gochaa siyaasaa akkanaan beekamu.
Dr,Mararaa Guddinaan garuu hayyummaa fi nama beekaa ta’uun isaanii haasaa kana irraa waan guddaa barama.
- Aangoo ofiif osoo hin taa’e Ummata Oromoo aangessuuf qabsoo gochuu.
- Haala Siyaasa biyyattii fi jijjiirraa siyaasaa Ethiopia keessatti taasifne jedhamuu
- ABOn dhaaba deggersa ummataa eenyu caalaa iyyuu qabu ta’uu.
fi kkf irratti haasaa hayyuu tokkoo irraa eegamu taasisanii jiru.
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 24,2018
Aside
SBO: Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Ibsa Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii(PAFD) irraa Kenname.
Aside
Oromiyaa/Itiyophiyaa Keessatti Nageenya Waaraa Fiduuf Ejjeennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Aside
Oromiyaa/Itiyophiyaa Keessatti Nageenya Waaraa Fiduuf Ejjeennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 25,2018
Finfinnee Oromiyaa
Akeeka uummata Oromoo qabatee, Adda Bilisummaa Oromoo jala hiriiruun garbummaa jaarraan lakkaahamu kan uummata Oromoo irratti fe’amee sochii jiruuf jireenyaa uummatichaa irratti dhiibbaa guddaa taasisaa jiru qaarisiisuuf qabsoo karaa nagaa gochaa turuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo hundaaf ifaadha. Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bara 2011 keessa Oromiyaa biyyattii keessatti hundeeffameen as, gaaffii karaa nagaa uummatasaa bakka bu’uun gaafataa turu illee, qaamotni mootummaa deebii karaa nagaa gaafatame karaa waraanaa fi afaan qawwee akkasuma hidhaaf dararaan dargaggoo uummata Oromoo akkasuma sabaaf sabalammoota biyyattii hacuuccaa jala jiran irraan geessisuun dadhabsiisuu yaalan illee qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO hogganamu duubatti deebii utuu hinyaadin garboonfataa ittuu raasee sadarkaa dhabama taasisu irraan gahe.
Akeeka Qeerroo Bilisummaa Oromoo karaa nagaan rakkoo siyyaasaa furuuf bobbaafame kan yeroo dhiyoo asiitti karaa mootummaa deebiin waraanaaf ariisaa barattootaa jumulaan ilma Oromoo mana barnootaarraa ari’uuf ajjesuun Wayyaanee kan yaadatamudha. Yakkoota ciigasiisoo ajjeechaa,hidhaan dararuu,qabeenya saamuu,deegsuu fi hamlee cabsuun dabalatee hedduun irratti raawatee jira. Continue reading
Gaaffii Uummata Oromoo Deebii Hanga Argatutti Qabsoon Itti fufa!
Aside
Gaaffiin uummataa gaaffii haqaa ta’uu utuu beekanii, deebiisuu irra humnaan uummata akkanni gaaffii hingaafanneef Afaan Qawween uummata ukkaamsuuf yaalaa kan turan irraayyuu haamilee uummataa xuquuf beekumsatu sitti hir’ata jechuun waltajajjii irratti jechoota daa’imaan dargaggoo haamilee buusuuf yaaluun Dr. Abiyyi Ahemad balaaleffatamuu qaba.SAGALEE QEERROO Caamsaa 22, 2018
Aside
SBO: Caamsaa 23 bara 2018. Oduu, Ibsa ABO, Gabaasa Gumaacha maallaqaa WBOf Taasifame Ilaallatuu fi Bobbaa Dr. Abiyyi Ahmad gara Dambi-doolloo irratti Marii Gabaabaa Jiraataa naannichaa waliin taasifame.
Aside
Ololli GarbummaaF Furmaata Hin Tahu!
Aside
Damee Boruutin, Caamsaa 21, 2018

Impaayeera Itoopiyaa keessatti jijjirama Mootota Habashaa keessaa Haayile Selaassie Amma Dr. Abiyi arguuf umurii dheeraa warri argate eeba Waaqayyoo qabu. Waan dhugaan seenaan raga bahu Mootoni Habashaa hundi afuura sobaan kan guutaman, dhugaa wajjin kan garaa fi dugda tahan uummata isaanii sobuu fi afaanfajeen bara baraan warra hawwii qaban akka tahe ifa jira. Waan uummatni irratti baraa fi dammaqaa deemuuf tooftaa fi malaamaltummaan tokkoof hojjeete isaa haaraaf akka hin hjjenne bareechanii beeku. Haayile Selaasseen Waaqatu na muudee jedhe. Dargiin kaayyoo sooshalizimii fi komoniziin afarsaadhaan uummata gura duuche. TPLF kaayyoo dimookraasii haaratu nagaa fi badhaadhina fida jettee ilmaan biyyaa kumaatan hiitee, kumaatamaan ajjeeftee, kumaatamaan naaf gootee biyya guutuu saamuun nama utuu hin taane biyyumti Itoopiyaa jedhamtu akka hiyoomtu goote. Continue reading
