Manni Murtii Godina Jimmaa Dhaddacha Waxabajjii 26,2014 oleen Barattoota Oromoo 5 Irratti Barruulee Warraaqsaa Maxxansitan Sababa Jedhuun Murtoo Dabarse.

Aside

diddaa barattootaGabaasaa; Waxabajjii 26,2014 Godina Jimmaatti barattootni Oromoo Kolleejjii barsiisota Jimmaa irraa utuu barachaa jiranii FDG qindeessitaniittuu fi barruulee warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa jedhuun facaafataniittu , barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa waliin tahuun barruu warraqsaa waajiroota mootummaa fi bakkoota buufata konkolaataa akkasumas manneen nagadaa biratti uumataaf raabsitanii jirtu ,FDG gaggeessitan himata jedhuun fi mootummaa humnaan fonqolchuuf yaalii gootan jechuun himataman Shan(5) keessa manni murtii Godina Jimmaa dhaddacha Waxabajjii 26,2014 oleen sadii bilisaan; lama immoo adabbii mallaqaa fi to’annoo akeekkachiisan gadi lakkisee jira.

1ffaa Barataa Guddisaa Cimdeessaa barataa Siviikii Waggaa 2ffaa bilisaan gadhifame
2ffaa barattuu Jirranuus Badhaasaa barattuu sportii waggaa 2ffaa bilisaan gadhiifamte.
3ffaa barataa Umar Roobaa barata chemistry waggaa 2ffaa bilisaan gadhiifame
4ffaa barataa Asaffaa Dhugumaa barataa Chemistry waggaa 2ffaa adabbii qarshii 300 adabamee;of eggannoo waggaa shaniif itti kenname jira
5ffaa, barataa Seefuu Hayilee barataa Geography waggaa 2ffaa adabbii qarshii 300 adabamee of eeggannoon waggaa lamaaf itti kennamee jira.
Haala kanaan ilmaan Oromoo ilmaan qotee bulaa sirna faahistii TPLF/ERDF./OPDO’n dararan nurratti jabaatuus kayyoo keenyaaf duubatti hin deebinu, Qeerroon bilisummaa Oromoo kaayyoo fi qakeeka bilisummaa Oromoo galmaan ga’uuf  sochii qinda’aa fi milkii qabeessa hoggansa isaa dhiha Oromiyaa keessa gochuun ilmaan Oromoo walitti qindeessee qabsoo finiinsa jiru injifannoo boonsa fi cululuqaa galmeessuu irratti argama.uummaanni Oromoo bakka jirtan hundaa nu cina dhaabbatee mirga isaa kabachiifachuu qaba jechuun dhaamsa dabarsani jiru.

Godina Lixa Shawa Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Duula Hidha Gaggeessa Jiru Itti Fufe.

Aside

BilisummaaGabaasa,Waxabajjii 26,2014 Godina Lixa Shawa Aanaa Midaa Qanyiitti mootummaan abbaa irree Wayyaanee duula hidha gaggeessa jiru itti fufe.Sochii warraqsaa FDG qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessa jirutti dhiphina guddaa keessa kan seenee jiru mootummaan abbaa irree Wayyaanee aanaa Midaa Qanyiitti barattoota Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Preparatory irra barnoota xummuranii boqonnaaf gara maatiitti deebi’a jiran uummata nurratti kakkasaa jirtuu, FDG itti fufsiisa jirtu jechuun adamsee qabee hidha jira.haala kanaan barattootni Oromoo hidhaman:
1.Dargaggoo Maatiwos Birruu kolleejjii Kotobee irraa diploman eebbifamee hojii dhabdee ta’ee kan jiru,
2.Barataa Abarraa Hirphasaa barataa kutaa 11ffaa m/b Ballammii sadarkaa 2ffaa fi preparatory,
3.Barataa Bilisummaa Cimdii barataa kutaa 10ffaa m/b sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii ,
4.Barattuu Roobee Masfiin barattuu kutaa 11ffaa m/b baallammii sadarka 2ffaa fi preparatory
5.Barataa kabbee Dhugaasaa barataa kutaa 12ffaa m/b Baallaammii
sad..2ffaa fi preparatory.
6.Oobboo Tashalee Iddoosaa kanaan dura bara 2011 qabamee waggaa sadiif mana hidhaa Qaallitti turun karaa mana Murtii wayyaanee bilisan kan gadhiifame deebisanii qaban,kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 7 humna poolisaa kora bittinneessa jedhamu kan magaalaa Baallaammii irra qubatee jiruun qabamuun Wajjira poolisii Aanaa Midaa Qanyiitti hidhamuun dararamaa jiraachuun ibsame jira.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, June 28, 2014

Aside

Aside

Declaration of Unity of the OLF

 

Aasxaa ABO-8.25.13June 28, 2014 (Oromo Liberation Front) — It is with great pleasure that we announce to our people and the supporters of our struggle for freedom the good news that, based on the accord they made in Kampala, Uganda, in November 2012, the two organizations of the Oromo Liberation Front (OLF) known as OLF Shanee Gumii (”OLF National Council”) and OLF Qaama Ce’umsaa (”OLF Transitional Authority”) have resolved our differences and agreed to combine our two leaderships, unify our members, merge our organizational structures and inaugurate a reunified OLF. Although OLF has encountered many obstacles during the last forty years, there was no time when it has stopped the struggle that it was established to lead. No one can deny the fact that the national struggle led by the OLF has scored many victories and made many significant achievements that have taken the Oromo people a long way toward the national goal of independence. Among these great achievements is the level of political awareness of our people.

At the same time, we witness that the Oromo people are being targeted for extinction more than any time before. Oppression has reached intolerable levels making our people to rise up in defiance of tyranny, protesting peacefully in all corners of Oromia. But, as witnessed in the killings of students and others in many places in Oromia, the TPLF regime is responding violently to their lawful demands. Defying enemy atrocities, imprisonment, and torture the young Oromo generation are making it known to the world that they will not tolerate humiliation and oppression anymore and that they will make the necessary sacrifices to liberate their people and homeland from alien oppressors. The OLF extends its condolences to families who lost their beloved sons daughters and expresses its admiration for the courage and bravery they have shown by the young Oromo generation to defend their people’s legitimate rights. As the vanguard of the Oromo struggle for freedom, we re-iterate our determination to continue the struggle until our people become masters of their destiny.

The re-unification of the two organizations of the OLF is a great step that will strengthen the Oromo struggle for freedom. United under one leadership, we are resolute to realize the principal objective of our struggle, namely the liberation of our people and the independence of our homeland Oromia. There is no question about the popularity of the goal of OLF-led liberation struggle among the Oromo people. Therefore, it is with determination that we pledge to make the necessary sacrifices, withstand the challenges ahead and carry through the Oromo national struggle to the ultimate goal of independence.

We are well aware that there are Oromo nationals who are organized separately under other names to advance our people’s legitimate rights. We will do all we can to coordinate our efforts with them to achieve the common goal. The OLF leadership states its decision and commitment to continue to work and conclude the ongoing talks with other forces committed to the same goal. Hence we call on all Oromo organizations that uphold our people’s right to self-determination and independence to join us in carrying out this sacred mission.

We also take this opportunity to express our solidarity with the oppressed nations, nationalities and peoples who are struggling for justice against the same tyrannical regime, and call upon them to join us in the common struggle for basic human and democratic rights.

The TPLF-led regime’s violence against the Oromo people is abetted by military, political and economic assistance from external powers. The OLF appeals again to governments, both in the West and East to strike a balance between their national interests and their international obligation of protecting human rights and stop giving economic, military and political support to a brutal regime that is evicting our people and others from their land and killing innocent civilian who are peacefully demanding their legitimate rights.

Victory to the Oromo People!

Oromo Liberation Front

June 28, 2014

 

Source: http://oromoliberationfront.org/

Documentary: IOYA | International Oromo Youth Association | Presents #OromoProtests

Aside

OMN: Oduu fi Xiinxala Waxabajjii 26, 2014

Aside

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Waxabajjii 26,2014

Aside

QABSOO KEENYAAF GAACHANA HAA TAANU !

Aside

SEENAA Y.G(2005) | Waxabajjii 25, 2014

barruuWBOn gaachana Ummata Oromooti !! wayita jennu, WBOn Ummata Oromoo irraa diina kan qolatu ykn ittisu ta’uuf dhaadachuu qofaa odoo hin taanee, akka itti boonnu fi abdii irraa qabnu ibsaa jirra jechuudha. Haala har’a keessa jirru irraa kaanee garuu dhaadannoo kana gama lamaan ilaaluun fardiidha. WBOn gaachana Ummata Oromoo ta’uu akkuma dhaadannu fi innis lubbuu isaa bakka bu’aa hin qabne nuuf mennuun mirkaneessaa jiru, Ummati Oromoos, Gaachana WBO ta’uu isaa mirkaneessuu qaba. Ummati akkamiin Gaachana WBO ta’uu danda’a ? jennee yoo of gaafanne, deebii gama hundaa hammatu kennuu dandeenya. Miseensa WBO ta’uu kaasee hanga gargaarsa nam-tokkeetti irraa eegamu taasisuun, gaachanummaa mirkaneessuu ni danda’a. Akka walii galaatti , Mirga humnaan sarbamaa jirruuf, Waraana ofii qabaachuu fi jabeeffachuun filannoo biraa waan hin qabaanneef, akkasumas, WBOn Ummata isaan alatti hirkannoo biraa waan hin qabneef, Gaachanummaa keenya hojiin argisiisuu akka qabnu itti amanuu qabna.

Haaluma wal fakkaatuun, Qabsoo keenyaaf GAACHANA ta’uu keenya mirkaneessuun murteessaadha. Sochii gama hundaa wayita xiinxallu, keessi keenya jabaachaa fi irkoo waliif ta’uun ala, furmaata biraa akka hin qabne, dhalli Oromoo yeroo itti hubatee, waliin dhaabbatee diina isaa irratti qiyyaafatu irra geenyee jirra jedheen abdadha. Kana jechuun, ilaalchi waliif faallaa ta’ee hin jiru jechuu miti. Ni jira. Garuu, yoo xiqqaate, garaagarummaan fedhe jiraatu, dhimma Oromoo irratti waliin dhaabbachuun dhageetti akka nama goonfachiisu hubachuu fi hojiin argisiisuu irra ga’uun, hegaree keenyaaf bu’ura ta’uu hubachuu irra dabarree hojiin argisuu eegalleerra.

Mirga keenya kabachiifachuuf gama hundaan Qabsoo gaggeessuun ala furmaata hin qabnu.Qabsoon gaggeeffamaa jiruu kan Ummata Oromooti. Wareegamni kafalamaa jirus Mirga Abbaa Biyyummaa Ummata Oromoofidha. Kana dhalooti har’aa iyyuu tolchee beeka. Kanas lubbuu isaa kennuun mirkaneessaa jira. Kanaaf Qabsoon ala furmaata biraa hin qabnu ega ta’ee, Qabsoon kun akka jiraatuuf , “GAACHANA” ta’uufiin murteessaadha. Qabsoo kana keessatti qooda fudhachuu kaasee, hanga Deeggarsaa fi gargaarsa Nam-tokketti nu irraa eegamu gumaachuun, ykn Qabsoon keenya waan adda addaan akka hin laafanne, diinni akka hin seenne, akka hin diigamneef, akka hin laafanneef, walii galatti sadarkaa irra jiru irraa duubatti akka hin deebineef, addunyaa irrati qabsoon keenya dhageetti deeggarsa gama hundaan akka utubamuuf, Kabajaa Qabsoo keenyaa fi Ummatichaa ol kaasuuf, Gachanummaa qabsoo keenyaa mirkaneessuun haalaan barbaachisaadha.

QABSOO KEENYAAF GAACHANA HAA TAANU !!!!!.docx

Breaking News‎:Wallagga Magaalaa Beegii Keessatti Dargaggoonni Oromoo Lama Mana Hidhaa Wayyaanee Cabsaanii Miliquu Irraan Kan Ka’e Ummanni Loltoota Wayyaaneen Goolamaa Jira,Haati Dargaggoo Abush Takkaalaa fi Maatiin Isaas Hidhaan Dararamaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo magaalaa Begii irraa Waxabajii 26,2014
Dinne GabrummaaTorbee kana keessa mootummaan Wayyaanee yakkaa fi badii tokko malee namoota 5n irratti murtii hidhaa waggaa tokkoo olii dabarsuun isaa gabaasuun keenya ni yaadatama. Namoota mmurtiin itti kenname keessaa Suleemanii fi Abbush Taakkalaa kan tahan murtiin hidhaa waggaa tokko itti murtaahuu isaa gabaasnee jirra. namootni kun guyyaama san erga mana hidhaa seenanii booda harka tika Wayyaanee irratti dararamaa jiraachuu irra jechuudhaan mana hidhaa Wayyaanee cabsanii baduun tasa dhabamanii jiru. Haala kanaan kan rifate mootummaan Wayyaanee guyyaa har’aa uummata magaalaa irratti dhukaasa banuun jiraatota magaalaa qonnaan bultoota hedduu mana hidhaatti naqee jira. Qonnaan bultooti guyyaa har’aa hidhaman gariin firoota dargaggoota hidhaa Wayyaanee cabsanii bahan kanaa yeroo ta’an haadha Abbush Taakkaa fi obbolaan isaa osoo hin hafiin hidhamuun dararamaa kan jiran yeroo  ta’u gariin jiraatota ammo magaalaa  haala kanaan wal qabatee har’a dhidhaman keessaa:- 1.Barsiisaa Addunyaa Nigaatuu
2.Dargaggoo Keebiroon Solomoon
3.Dargaggoo Maammush Ahimad
4.Shamarree Shaamsiyaa Ahimad
5.Aaddee Daabee Qalbeessaa- Haadha Abbush Taakkalaa
6.Naasiree Qalbeessaa-Obboleettii haadha Abbush Taakkalaa(obboleettii Daabee Qalbeessa)
7.Aadde Abebaayee Boggaalee-daldaltuudha.
Isaan kun guyyaa har’aa kana mana hidhaa keessatti reebamaa kan
jiranii fi uummata oromoo magaalichaa akka jirutti mana hidhaatti kan guuramanii fi humni waraana wayyanee dabalataan naannicha buufate kan jiru tahuu gabaasni Qeerroo Beegii irraa nu gahe addeessa.
 

Uummaanni Oromoo Godinaalee dhihaa Oromiyaatti shiraa fi Hokkora Wayyaanee dura dhaabbachuun diddaa isaa jabeessee jira

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGWaxabajjii 25,2014 Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n Godina Dhiha Oromiyaa Magaalota kanneen akka Burraayyuu, Amboo, Gudar, Nagamtee, shaambuu, Gimbii, Dambii Dolloo, Jimmaa fi Mattuu irratti duula olola Afaan faajjii itti fufuun marsaa 3ffaa oofaa jiru jebassuun Uuummata Oromoo dogoggorsuu fi qabsoo mirga isaa kabachiifachiifachuuf qabsoo FDG Uummanni Oromoo gaggeessa jiru ukkamsuuf wayyaaneen shira xaxuu itti fufte.Wayyaaneen asiin fuldura FDG gara dabarsuuf hiriira baha nadeeggaraa jechuun yeroo lama godinaalee dhiya Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata baasuuf yaalii gooteen diddaa uummataan kan duraa fashalaa’ee yoo ta’uu, Ammas yeroo 3ffaaf uummaata dirqisiisuu fi shororkeessuu irratti argamti. Haaluma kanaan uummata Oromoo kessaattuu godinoota dhiha Oromiyaa Magaalaawwaan gurguddoo kanneen akka Amboo, Naqamtee, Dambii Doolloo, Gimbii, fi Mattuu irratti hiriira ba’a na deeggaraa jechuun shororkeessa itti aanu kana uummata irra ka’uun guuttummaan godinaalee dhiha Oromiyaa goolama jira
1. Manneen daldalaa keessan ni cufama,
2. Gaaffii tokkoo malee hidhaa baatii sadii hanga jahaatiin adabamtuu,
3. Ijoolleen keessan bakka isin arguu hin dandeenyetti hidhamu,
4. Namoota asiin fuldura FDG keessatti hirmaatanii ajjeefamaniif itti gaafatamtu,
5. Warraaqsaa FDG mootummaa garagalchuuf godhamaa jiruuf itti gaafatamtu
6. Horii (Durgoo) isiniif kennina, jechuun dabballotaa sirnichaa uummaata keessa facaasuun uummata afaan faajjessuuf shirrii Wayyaaneen ofaa hin jirree hin jiru. Uummanni Amboo Qeerroo Bilisummaa Waliin Hiriire Gamtaan Ka