Gabaasa,Waxabajjii 26,2014 Godina Lixa Shawa Aanaa Midaa Qanyiitti mootummaan abbaa irree Wayyaanee duula hidha gaggeessa jiru itti fufe.Sochii warraqsaa FDG qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessa jirutti dhiphina guddaa keessa kan seenee jiru mootummaan abbaa irree Wayyaanee aanaa Midaa Qanyiitti barattoota Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Preparatory irra barnoota xummuranii boqonnaaf gara maatiitti deebi’a jiran uummata nurratti kakkasaa jirtuu, FDG itti fufsiisa jirtu jechuun adamsee qabee hidha jira.haala kanaan barattootni Oromoo hidhaman:
1.Dargaggoo Maatiwos Birruu kolleejjii Kotobee irraa diploman eebbifamee hojii dhabdee ta’ee kan jiru,
2.Barataa Abarraa Hirphasaa barataa kutaa 11ffaa m/b Ballammii sadarkaa 2ffaa fi preparatory,
3.Barataa Bilisummaa Cimdii barataa kutaa 10ffaa m/b sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii ,
4.Barattuu Roobee Masfiin barattuu kutaa 11ffaa m/b baallammii sadarka 2ffaa fi preparatory
5.Barataa kabbee Dhugaasaa barataa kutaa 12ffaa m/b Baallaammii
sad..2ffaa fi preparatory.
6.Oobboo Tashalee Iddoosaa kanaan dura bara 2011 qabamee waggaa sadiif mana hidhaa Qaallitti turun karaa mana Murtii wayyaanee bilisan kan gadhiifame deebisanii qaban,kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 7 humna poolisaa kora bittinneessa jedhamu kan magaalaa Baallaammii irra qubatee jiruun qabamuun Wajjira poolisii Aanaa Midaa Qanyiitti hidhamuun dararamaa jiraachuun ibsame jira.