Mallattoon Gabrummaa fi Cunqursaa Kan Alaabaa fi Asxaan Habashoota Maqaa Tokkummaa Jedhuun Lamuu Ummata Oromoo Hin Haguugu.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sirna Cunqursaa keessatti dhalannee, sirna cunqursaa jalatti kan guddanne, bara gara baraatti jijjiirraa garboonfattoonni saggoo ilma Oromoo irratti taasisaniin cabnee, caba kaleessa garboonfataan cabne keessa teenyee garboomsaa faarsuuf, faajjii garboomsaa dhaadeessuuf ekeraan wareegamtootaa nagaa nuu hinlaatu, nuu hinayyamus. Har’a saatii qabsoo Oromoo xumuraan geenyee jirrutti, qabsoo naamusaaf sansaka mataasaan ABO dhaan durfamee kaayyoof ejjennoo mataasaan adeemaa jirutti shiroonni diinaa heddummatuun qabsoo Oromoo waan balleessan itti fakkaatee, Oromoo bitamaa barbadanii Oromoo irratti bituu aadaa taasifachuun akeeka goobanoota kaleessaa har’as goobanota lammaffaa hedduusaanii oomishatanii, vaayirasii qabsoo Oromootti lakkisanii jiraataniis akeekaaf kaayyoon ABO ittuu uummatasaa jabeessuun diina bool’aaf afaan du’aarraan geenyee jirra. Har’a afaan guunnee Wayyaaneen akka du’urra geessee jirtu ammas irra deebiin ibsina. Continue reading




