Mallattoon Gabrummaa fi Cunqursaa Kan Alaabaa fi Asxaan Habashoota Maqaa Tokkummaa Jedhuun Lamuu Ummata Oromoo Hin Haguugu.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sirna Cunqursaa keessatti dhalannee, sirna cunqursaa jalatti kan guddanne, bara gara baraatti jijjiirraa garboonfattoonni saggoo ilma Oromoo irratti taasisaniin cabnee, caba kaleessa garboonfataan cabne keessa teenyee garboomsaa faarsuuf, faajjii garboomsaa dhaadeessuuf ekeraan wareegamtootaa nagaa nuu hinlaatu, nuu hinayyamus. Har’a saatii qabsoo Oromoo xumuraan geenyee jirrutti, qabsoo naamusaaf sansaka mataasaan ABO dhaan durfamee kaayyoof ejjennoo mataasaan adeemaa jirutti shiroonni diinaa heddummatuun qabsoo Oromoo waan balleessan itti fakkaatee, Oromoo bitamaa barbadanii Oromoo irratti bituu aadaa taasifachuun akeeka goobanoota kaleessaa har’as goobanota lammaffaa hedduusaanii oomishatanii, vaayirasii qabsoo Oromootti lakkisanii jiraataniis akeekaaf kaayyoon ABO ittuu uummatasaa jabeessuun diina bool’aaf afaan du’aarraan geenyee jirra. Har’a afaan guunnee Wayyaaneen akka du’urra geessee jirtu ammas irra deebiin ibsina.
Qabsoo Oromootti dhibee facaasanii, vaayirasii Ithiyoophiyaa akkamuudhaan qabsoo Oromoo daddaaqsisuuf yaaluu cinatti, qaamota alaaf keessaa riphanii isaan faana hojjetaa turan, kanneen harka lafa jalaan Wayyaanee waliin alaaf keessaa naafata qabsoo Oromoo hawwuun irratti bobbaa’aa turan, xumura isaanii kan deebii dhabaa jiru ta’uu hubachuudhaan of mul’isanii miira Ithiiyoophiyummaa dhaloota keessa galchuun, sirna garboomsaa ilma Oromoo irratti dabalataan fe’uudhaaf maqaa “dimmirii” jedhuun shiroota deemaa jiran dabalatee, faajjii isaa akka lafa kaahuuf Oromootti alaaf keessaa wacuun danbalee jira. Oromoon faajjii jalatti kufaa ture, kan jalatti wareegamaa, wareegamees ittiin wal awwaala ture “gati!” jechuun ergama garboomsaa qabaachuu cinatti uummata Oromoof kabajaa dhabuu isaanii kan mirkaneessudha. Kanuma irraa ka’uun akeeka ergamtootaa kan Alaabaa keenya akka dhokatutti hojjetaa jiru kana ofirraa deebisuudhaaf faajjiin ABO guutummaa Oromiyaa keessatti babal’atee adeemaa jiru cimee akka itti fufu Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisa!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo bobaa diinaa jala taa’ee, akeeka ABO galiin gahuuf karaa nagaa qabsoo gochaa turuunsaa kan yaadatamudha. Akeekni Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabatee socho’u addunyaa biratti bifa ajaa’ibsiisaa ta’een ilaalamaa jira. Tooftaa qabsoo addaa ta’uudhaanis raajeffannoo guddaadhaan addunyaan akka gurra kennee dhaggeeffatu gochuurratti argama. Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo finiinsaa ture itti fufsiisuun ABO dhaan hogganamee hanga abbaan biyyummaa Oromoo mirkaanaa’utti qabsoo itti fufee jiraachuusaa guutummaa Oromoo maraaf ibsaa, fincila Xumura garbummaa jabeessuudhaan garbummaa ciccirree jirru guututti awwaaluun Bilisummaa uummata Oromoo gonfachiisuuf; hiriira mormii guutummaa Oromiyaa keessatti ganna kana finiinaa jiru jabaatee akka itti fufu jajjabeessa.
Diddaan uummata Oromoo sagalee addunyaa biratti kan dhageettii addaa argataa dhufe. Gootota Oromoo hanga har’aa Wayyaaneen dhabamsiifamanii jiran dabalatee gaaffiin jijjiirraa sirnaa feena jedhu jabaatuun akka Oromiyaa keessaa dhagaa’amu, alaabaan ABO guutummaa Oromiyaa keessatti akka ol ka’ee faarfamu Qeerroon hubachiisa! Gaaffiiwwan Oromoon gaafachuu qabus
- Qabsaa’ota Oromoo bakki buuteen isaanii dhabame, Jaal Nadhii Gammadaa irraa qabee uummataaf ifa ta’uu qaba!
- Beenyaan qabsaa’ota Oromoo mana hiraarsaatti dararaan irra gahaa turee qabsoo uummataan bahaniif kaffalamee, qaamonni nu dararaa turan seeratti haa dhiyaatan!
- Jijjiirraa sirnaa feena
- Mootummaa Ce’umsaa nageenya biyyattii mirkaneessu, kan ABO makate nuuf haa dhaabbatu!
- Ajjeechaan daangaa Oromiyaa irraan Oromoo irra gahaa jiru haa dhaabbatu! Mootummaan ajjeesaan nurraa haa kaafamu!
- Qabsaa’ota Oromoo dararuun haa dhaabbatu
- Qaamotni nu saamaa, nu ajjeesaa turan seeratti haa dhiyaatan!
- Maqaa sakattaa WBO jedhuun waraana uummatatti bobbaasuun dhaabbatuu qaba!
- Biyya nagaa qabu ijaaruu barbaanna!
- Dararan uummata Oromoo irraa haa dhaabbatu! Jedhuun hiriirri mormii jabaatee haa finiinu.
Maayii irratti, Qabsoon Oromoo roga qabaataa jira. Roga qabsoo Oromoo jabeessanii bakkatti eeguun ammoo dirqama Oromooti. Qabsoo keenyaan as bakka amma jirru geenyeerra. Kanaaf; Qabsoo Oromootti dhibee facaasanii, vaayirasii Ithiyoophiyaa akkamuudhaan qabsoo Oromoo daddaaqsisuuf yaaluu warra barbaadan ofirraa dinninuun dirqama Oromooti. Qabsoo keenyaan gara Bilisummaa dhugaatti, gara Walabummaatti kan tarkaanfannu malee karaa salphaa barbaannee karaa gabaabaan bilisoomnaatti sirnootni nafxanyaa akka qabsoo keenyaan dabalataan nutti hindeebinetti ABO duukaa hiriiruun hanga Bilisummaatti qabsoo haa jabeessinu. qabsoo ofii galiin hanga geenyutti matumaa duubatti kan hinjenne ta’uu hubachuudhaan bakkayyuu du’aaf ajjeechaatti dhuma gochuuf sochii keenya haa jabeessinu Jenna!
Injifannoon uummata Oromoo
Gadaan gadaa xumura garbummaati!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 1,2018
Finfinnee Oromiyaa
QEERROO you should pay attention about “INDMER and Min-ilk’s or HABASHA’s FLAG. No more Slavery. QEERROO GO FOR WARD.
Waa’een madammarii tun farra qabsoo oromooti ammumaanuu mallattoolee farra qabsoo keenyaa argaa jirra fkn 1, arsii keessatti galtuun amaara amantaa fakkeessite masgiida gubuuf osoo yaaltu qabamtee jirti 2,godina baale magaalaa goobbaatti siidaan yaadannoo H/Aadam Saaddoo hin dhaabatu jechuun qubattootni minilik mormaa jiru yaa oromoo falaasafni madammarii nurraa haa dhaabbatu