Gabaasaa: Fulbaana 13/2014 Mootummaan Wayyaanee maqaa walga’ii dhimmaa siyaasaa isaa fi tarsiimoo abbaa irrummaa wayyaanee lellisuu qopheesse ammas FDG dargaggoota barattoota Oromoon qabatee dhaabbachuu dide dura dhaabbachuuf Barasiisota Oromoo Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa walitti qabuun olola afaan faajjii oofuu itti fufuun barsiisotni barsiisotni Oromoos diddaan dura dhaabbaachaa jiru.
Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO ololaa afaan faajjii butatee fiiga ture; akkuma maqaa walga’ii jedhuun torbanoota darban keessa barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota Olaanoo irraa barachaa jiran walitti qabuun yaalii humnaan dirqisiisanii amansiisuu fi siyaasaa abbaa irree wayyaanee fudhachiisuuf godhamee FDG gootota barattoota Oromootiin fashalaa’ee, ammas abdii kutachuu dadhabuudhaan akka guutummaa Oromiyaa fi biyyattiitti haaluma walfakkaataan maqaa walga’ii barsiisota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina jedhuun qopheessee dirqamaan guyyaa 15f barsiisotni walga’ii dirqamaa kana akka taa’aan godhee jira. Goototni barsiisotni Oromoo gaaffii barattoottni dargaggootni Oromoo gaafachaa jiran dhimma biyyaati waan ta’eef erga dhimma biyyaa irratti haa maarii’annu jettanii waa’ee miniliikii, H/Sillasee ,Dargii fi Wayyaanee Odeessuu irraa dhimma Issue gaaffii mirgaa fi dimookiraasii barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo gaafachaa jiruu fi dhimma Master pilaanii Finfinnee irratti marii godhamee deebiin sirriin uummataa keenyaaf kennamuu qaba jechuun gaaffiin ergamtoota wayyaanee olola kana butatanii fiigaa jiran irratti kaasuun wayyaanee muddanii qabaa jiru. Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee walga’ii kana irratti jeequmsa ka’uuf beekkadhaa, miindaan keessaan isin duraa qabama, namni walga’ii kana seeraan hin fudhannee hojii iraas ni arii’ama jechuun barsiisotatti dheekkamuun teesisuuf yaalii haa gootu malee, waan wayyaaneen sodaachaa jirtuu haafuufii hin dandenye. Barsiisotni Oromoos gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo jabeessuun walga’ii wayyaanee kana irratti kaasuu eegalan, gabaasaan kun itti fufa…
Category Archives: Oduu/News
Du’aan boqochuu sabboontuu fi qabsooftuu Oromoo Addee Faaxumaa Galmoo ilaalchisee ibsa ABO irraa bahe.
Aside
ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT

Fulbaana,13, 2014
Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi eenyummaa Oromoo biyyoota alaa keessatti beeysisuuf qabsoo geggeeffamaa ture keessatti kan Jibuutiitti adeemsifame adda durummaan kaafama.
Qabsoo eenyummaa Oromoo beeksisuuf adeemsifame kana keessattis maqaan sabboontuu fi qabsooftuu Oromoo Aadde Faaxumaa Galmoo sadarkaa duraatti waamama. Adda Faaxumaa Galmoo qabsoo Oromoo alagaa biratti akka beekamuuf qabsaa’uun cinaatti ilmaan Oromoo mootummoota gabroomfatoo dheetanii biyyaa bahan gargaaruu fi qubachiisuun gaachanaa fi gaaddisa tahuufiin gargaaraa gochaa akka turte seenaa isii irraa dubbifama. Hundaan haadha Oromoo jedhamtee kan beekamtu Aadde Faaxumaa Galmoo, bara jireenyaa ishii guutuu sabaa fi biyya ishiitiif hadooddee, haara-galfii malee hojjechaa, arjummaa hambaa hin qabneen baqattoota Oromoo fi QBO gargaaraa seenaa boonsaa galmeessitee dabarteetti.
Gochaa Oromummaa isii kanaan kan Oromoo hunda biratti jaallatamtu Adde Faaxumaan Haadha Oromoo moggaafamtee ittiin waamamaa akka turte seenaa isii irraa dubbifama. Hawaasa Oromoo biratti haadha Oromoo jedhamuun kan beekamtu Aadde Faaxumaan, abbaa
isii Obboo Aammad Muummad Galmoo fi Haadha isii Aadde Aminaa Alii irraa Bitootessa bara 1930tti Baha Oromiyaa magaalaa Dirreedhawaatti dhalatte.Ibsa_ABO_Boqochuu Sabboontuu fi Qabsooftuu F Galmoo
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast in the 16 Meter Band Shortwave to Oromia on Sept 13, 2014 at 7:00 PM Finfinne time
Aside
SBO Fulbaana 14 Bara 2014 – Oduu – Du’aan boqochuu Aadde Faaxumuaa Galmoo ilaalchisee Ibsa gaddaa ABO – Haala Oromiyaa keessaa irratti namoota adda addaa waliin marii taasifamee fi qophiilee adda addaa hammatee jira
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Fulbaana 12, Bara 2014/ Seenaa Jeneraal Huseen Bunee fi Qophiilee Adda Addaa
Aside
Qophii sagalee Qeerroo guyyaa Fulbaana 12 Bara 2014 sagantaan Afaan Oromoo har’aa sagataalee:-
- Oduu Oromiyaa keessaa,
- Ibsa Qeerroo Bilisummaa filannoo bara 2015 ilaalchisee bahe,
- Oduu gaddaa du’a Aadde Faaxumaa Galmoo
- Seenaa guutuu Jeneraal Huseen Bunee Kutaa 1ffaa hammateera.
Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal
Aside
Qophii Simbirtuu:- http://vimeo.com/105852772
Breaking News:-Kutaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Nifaas Siilkii Laaftoo M/B Caamsaa 20 Jedhamuutti Sabaaf Sab-lammooti Kumaan Lakkaawam Gaaffii Mirgaa Kaasan
Aside
Fulbaana 10,2014 Gabaasa Qeerroo Finfinnee – FDG gootota dargaggoota Oromoon qabsiifamee jabaachuun guuyyaa har’aa Magalaa Finfinnee keessatti sabaa fi sablammoota cunqurfamoo biyyatti irraa dirmannaa argachuun jabaachuun itti fufe.
Mootummaan Wayyaanee FDG’n muddama keessa seenuun maqaa walga’ii jedhuun hojjeettoota guyyaa kanneen dhaagaa koobiliistoonii buusuun rakkatanii jiratanii fi hojjeetoota mootummaa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Finfinnee Niigaas Siilkii Laaftoo M/B Caamsaa 20 jedhamuutti uummata kuma 12,000 olitti lakkaa’aaman waliitti qabuun olola afaan faajjeessaa ugaggeessuuftti gaggeessuun too na deeggartanii fi miseensaa koo taatan malee jiraachuu him dandeessaan jechuun uummata shororkeessaa Kan jirtu irratti Uummaatni waldammaqsuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii qabsiisuun mootummaa wayyaanee irratti FDG qabsiisaan hanga. gaaffiin mirgaa gaaffachaa jirru deebii quubsaa argatutti FDG itti fufa jechuun sagalee guddaan dhaadannoo mirgii keenya nuufhaa kabajamuu , Walga’iin wayyaanee nuu hin ilaallatu,humnan dirqamnee walga’ii wayyaanee hin teenyuu jechuun wayyaanee irratti fincilan.
Hiriira mormii guddaa guyyaa har’aa kutaa magaalaa Finfinneettigaggeeffama jiri jana keessatti harki guddaan FDG uummata Oromoo hojii guyyaa koobiliistoonii hojechuun of jiraachisaa jiran ta’uu madden keenya Sochii kana keessatti argama nuuf ibsan. uummatni FDG kana keessatti argaman gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi gaaffii waa’ee master planii Finfinnee fi uummatni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa fayyidaa addaa argachuu qaba jechuun gaafatan.
Hogganootni wayyaanee akkuma amala isaanii walga’ii kana gaggeessa jiran miseensota ABOtu as keessaa jira jechuun ilmaan Oromoo doorsisuuf yaalaniis fincilli jabatee itti fufe. mootummaan Wayyaanee maqaa durgoo ga’aa argattu jechuun uummata waliitti qabee itti ololaa jiruu durgoo tokko illee dhorkachuun uummatni hojii guyyaan of jiraachisu beelaaf saaxilamee jiraachuu maddee keenya nuuf ibsan.
Walumaagalatti fincilichii sabaa fi sablamoota heedduu Kan hirmachisee yoo ta’uu mootummaan wayyaanee haalaan sodaa guddaa keessa galuun humna waranaa fi pooliisii federalaa uummatatti gadhisuun hidhaa, reebichii fi doorsiifni itti fufee jira gara galgalaa kana uummatni akka humnaan bittinneeffame madden keenya nuuf gabaasaa jiru. sagaalee diddaa uummataa kallattiin waraabbamee fi kanneen FDG kana keessatti argaman waliin gaaffii fi deebii gaggeessine caqasa.
ቄሮ የኦሮሞ ወጣቶች፡ ለነፃነት፡ ንቅናቄ፡ ድምፅ፡ የሳምንቱ ዜና:- September 10, 2014
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 10, 2014
Aside
Wallagga,Najjoo Keessa Sochiin Diddaa Uummata Dabalaa Dhufe.
Aside
Gabaasa Qeerroo Wallagga Najjoo,Fulbaana 10/2014
Akkuma dura gabaasaa jirrutti lixa Oromiyaa Wallagga aana Najjoo keessatti fincilli kan itti fufaa jiruudha, odeessa ganama nu qaqqabe irraan halkan edaa magaalaa Naqamtee keessatti uummanni sakattaamaa buleera,namni daandii gubbaatti qabamee waan qabuu fi baatee deemu hunda sakattaaamuudhaan waraanni wayyaanee uummata goolaa jiraachuutu dhagayama. Ammas akka odeeffannoon nu qaqqabaa jirutti magaalaa Najjoo keessatti akkuma naannolee biroo sakattauudhaaf humni waraanaa gara sanatti ergamee jiru uummatatti bobbahee jira, kaayyoon isaanii uummata keessa humni WBO galee kan jiruu fi akkasuma sochiin uummata gidduutti gaggeeffamu haal
isaan sodaachisa jiru waan taeef jiraataan magaalaa Najjoo naannolee dabalatee sakattaamuu qaba kan jedhu humni waraanaa achirratti ramadamee kan jiru yoo tahu uummanni aanichaa humna waraana wayyaanee kana dura dhaabbachuun diddaa isaa mulisaa kan jiru tahuutu gabaasni Qeerroo addeessa. Akkasuma kan mootummicha yaaddessu naannolee adda addaa irratti tarkaanfiin fudhatamaa kan jiru kan akka shawaa lixaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiruudha, jaleewwan mootummaa wayyaanee kan uummata hiraarsuu fi diinaaf saaxiluu irratti argamanii jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira, kunis mootummaa wayyaaneetti yaaddoo guddaa taee kan jirudha, toohachuu kan hin dandeenye,mootummaan wayyaanee waraana isaa humnatti fayadamuudhaan uummata keessa bobbaasee kan jiruudha, gocha isaa irrattis uummanni Oromoo balaalefachuudhaan waraqaa garagaraa fi sochii qabsoo kan agarsiisa jiraniidha, sochiin uummataa fi barataa aanaa Najjoo keessa jiru yeroo ammaa mootummicha kan yaaddessaa jiru tahuu isaa gabaasni Qeerroo nu gahaa jira.