Gabaasa SBO:- Artiistiin Oromoo beekamtuu fi sabboontuun Meetii Jamamaa gaafii fi deebii Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) waliin taasifteen miidhaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirraan gahaa turee fi jiru jalaa baqachuun biyyaa abbaa ishii dhiiftee godaanuu ibsite.

Aside

SBOArt. Meetii Jamamaa gaaffii deebii Fulbaan 17 bara 2014 SBO waliin taasifteen dhiibbaa fi hiraarrii mootummaan wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirratti raawwachaa tureen gar malee kan miidhamaa fi hiraaraa turte ta’uu ishiitiin biyya abbaa ishee fi ummata Oromoo ogummaa ishiin ishee jaalatu dhiiftee akka baqachuuf dirqamte SBOf  ibsitee jirti. Art. Meetiin akka jettetti mootummaan wayyaanee dhiittaa mirgaa ummata Oromoorraan gahaa jiruun kan ka’e yeroo ammaa kana kan yeroo kamiyyuu caalaa ajjeechaan, hidhaa fi dararaan hammaatee jira.

Miidhaan saba Oromoorratti gahaa jiru jabaachaa deemuun wal qabatee artiistoota sabbontoota ta’anii fi kanneen rakkoo ummata isaanii ogummaa  qabaniin calaqqisiisan addatti  tika wayyaaneetiin irratti xiyyeeffatamuun hiraarfamu jechuun rakkoo artiistoota Oromoo garaaf hin bullu jedhanirra gahu ibsitee jirti.

Artiistoonni sabboontonni garaaf hin bullu jedhan akka hojii ogummaa isaaniin wal qabatu hojjetanii hin jiraannelleen dhiibbaa adda addaa irratti taasisuu fi danqaa uumuun, yeroo barbaachise ammoo hidhuu fi ajjeesuun hojii ijoo mootummaa wayyaanee waan ta’eef, artistiin Oromoo  jireenya akkasii keessa jira jechuun SBOf ibsitee jirti.

Art. Meetii Jamamaa anis akkan ogummaan qabuun ummata koo hin tajaajillee fi biyya koo keessatti hojjedhee hin jiraanne ati miseensa ABO ti jechuudhaan  humni tikaa fi qondaalonni wayyaanee/OPDO yoo guyyaa ayyaana keenyaa dhuftee nu biratti sirbite malee hin hojjettu jechuun walatajjii na dhorkachaa fi ukkaamsaa adda addaa narratti raawwachaa turan jetteetti. Itti dabaluudhaanis Art.Meetii Jamamaa  akka SBOtti himteetti heyyama baafadhee akkan  hin hojjenneefis mana qabsiisi, qarshii kuma dhibba shan argisiisi naan jechuun ta’e jedhanii waanan gochuu hin dandeenyeen jiruu fi jireenya na dhorkan jettee jirti.

Art.Meetii Jamamaa itti dabaluudhaan akka SBOtti himtetti abbaa warraa ishii  Obbo. Gammachiis Magarsaa humni tikaa wayyaanee miseensa ABO ti itti jechuudhaan waggoota 10nii oliif hidhee  akka dararaa adda addaa irraan gahaa ture  fi ishiiniis kophaa ishii daa’ima waliin akka dararamaa turte addeessite. Abbaan warraa ishii Obbo Gammachiis Magarsaa reebichaa fi dararaa irra gaheen miidhaan qaamaa guddaan kan irra gahe ta’uu ibsitee jirti.

Yakki mootummaan wayyaanee OPDO of jala oofuudhaan ummata Oromoorratti raawwacha jiru kana qophaa miti kan jette Art. Meetiin, ummata Oromoo naannawa Finfinnee qeeyee fi qabeenyarraa buqqisuudhaan lafa Oromoo gurgurachuuu fi Oromoo biyya dhablee gochuuf deemuunis kan mataa nama dhukkubsuu fi kan hundi keenyaa tokkummaadhaan irratti qabsaawuu qabnuu dha jettee jirti.

Guutuu gaaffii fi deebii Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO)n Art. sabboontuu, beekamtuu fi jaalatamtuu Meetii Jamamaa waliin taasise guutummaa isaa sagantaa SBO fuula duraa keessatti akka hordoftan kabajaan isin beeksisna.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 20, 2014

Aside

Diqamaan Ummata Walitti Qabuun Sababa Konfiransii Jedhuun Wayyaanee Guyyoota 4f Wallagga Anfilloo Irratti Gaggeessuuf Yaale Gandoota 4 Keessatti Feshelaa’e

Aside

Fulbaana 20,2014 Gabaasa Qeerroo Dambi Dolloo

diddaa9Wallagga aanaa Anfillootti walga’ii Wayyaaneen guyyaa afuriif ganada afur, jechuun ganda Yattii, Shebel, Eenechee fi Suddii keessaa walitti qabde lakkoofsaan 400 ol ta’an irratti aragaman akka isaan yaadan osoo hin taane sabboontotaan fashale. Walga’iin kaabinoota aanaa Anfilloo lakkoofsaan 182 ta’an adeemsa hojii isaanii fi siyaasaa madaaluun ulaagaa isaanii kan hin guutne jechuun Oromoota dhalootaan naannoo sana ta’an arii’ee dhaloota naannoo biraatiin bakka buusuun karoorfatee akka ture oduun naannoo sanaa nu ga’e ni addeessa. Karoora qondaalota isaanii hojii fi siyaasa isaan barbaadanitti dadhaboo ta’an ariihuuf koroorfatanii akka jiran gabaasuun keenya ni yaadatama.

Walga’iin qorannoo qondaalota isaanii irratti Fulbaana 19, 2014 gandoota aanaa sanaa 28 keessatti hojii irra akka oolu saganteeffame qorannoo gandoota afur keessatti guyyuma sana eegaleen fashaluun hubatameera.

Bakkoota konfereensiin kun itti gaggeeffamu odeeffannoo fi waraqaaleen isaanii dursee Qeerroo waan dhaqqabeef sagantaan shiraa ilmaan Oromoo hojii irraa ari’uu fi kanneen dhaloota naannoo sanaa hin ta’iniin bakka buusuu jedhu kun naannoolee walga’uun kun gaggeeffamuu itti karoofame kanatti maxxansuun shirri isaan lafa keeyyatan akka fashalu taasifameera. Oromoota waajjiraalee adda addaa keessa jiran kanneen saba isaaniif hojjetan irratti xiyyeeffatamuun hojii irraa ariiyuun sagantaa isaaii isa jalqabaati. Ajandaan lammaffaan olola dhimma filatnoo yeroo ta’u qabxiin biraa ajendaa dhimma mormitootaa ta’uun isaa bira ga’ameera.

Konfereensii kana irratti wayyaaneen sabboontota uummata isaaniif dhaabbatan calalee rukutuuf kan karoofame waan ta’eef walga’iin kun milkaa’uu hin qabu, Oromoon Oromoof haa dhaabbatu, Wayyaaneen nu hin bulchu, uummata gowwomsuun haa dhaabbatu, kkf kan jedhu waraqaan Qeerroon bittimfamee ture. Haa ta’u male hidhattooni gandaa yeruma sana funaananii dhuksaniyyuu konfeereensiin isaanii gandoota arfanitti eegale ,ormiin jabaachuun diigamee gara qe’ee isaaniitti deebi’aniiru. Haaluma kanaan qondaalonni isaanii godina irraa dhufan caalaattuu mufachuun qaama oliitti bilbilanii “miseensonni keenya nuuf ajajamuu hin dandeenye, tohachuufis humna keenyaa ol ta’eera, jechuu fi walii isaanii gidduuttuu wal dhaggeeffachuun akka hin turre gabaasti Qeerroo Anfilloo irraa ni addeessa.

Iittuma fufuudhaan ganama isaa fincila uummanni mootummaa Wayyaanee waliin adeemsisu keessattuu walgayii irratti argamuu diduu, hojii misoomaa jedhamee ajajamu uummanni seeraan irratti hirmaachuu diduu, milishoota gandaa irratti tarkaanfii reebichaa raawwachuu fi adabuun, waraqaaleen mootummaa wayyaanee fi qondaalota isaanii mufaasisu barreeffamee maxxanfuu fi daandii adeemsa isaanii irratti mukeen jijjigsuu, caalmatti walgahii isaanii uummanni hirmaachuu dhiisuun mootummaa waan rifaasisaa jiru ta’uu keessaahuu Qellem naannoo gandoota Sayyoo keessatti tokkummaadhaan adeemsifaa waan jiruuf, uummannis yaada yeroo baayee kennu irraa waanni hubatamu, nuti mootummaa hin qabnu, hanga mootummaa haqaa fi mirga uummataa eegee bulchu argamu ijaan arginutti mataama keenyaan of bulchina, milishaan nun barbaachisu, poolisiin nu keessaa hin bahu, mootummaa nu saamu hin feenu jechuudhan dubbatan.

Mootummaan wayyaanee yeroo kana dhagahu aaruu fi mufachuu irraan qote bultoota irratti xiyyeeffachuu fi toohannaa gochuuf poolisooni oromiyaa kaabinoota godinaa waliin wal tahuun qorannoo fi uummata shororkeessuutti argamu. Gandoota aanaa Sayyoo hunda keessa hanga Anfillootti duulli qorannaa godhamaa fi humni waraanaas ergamaa akka jiru irra deddeebiidhaan gabaasni Qeerroo Qellem magaalaa Dambi Doolloo irraan addeessa.

SBO Fulbaana 21 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Gaaffii fi deebii Art.Meetii Jamamaa waliin – Gabaasa Hiriira Torontoo fi Qophiilee biroo

Aside

የስኮትላንድ ሪፈረንደም ለኦሮሞና ለሌሎችም የነጻነት ታጋይ ህዝቦች ኣንድ የድል ምእራፍ ነው

Aside

ቦሩ በራቃ  | September 19, 2014

ባለፈው ሳምንት Essence of the Scottish Referendum in the Eyes of an Oromo Nationalist

በሚል ርእስ በእንግሊዝኛ ባቃረብኩት መጣጥፍ ላይ የዩኬዋን ስኮትላንድና የኢትዮጵያዋን ኦሮምያ የፖለቲካ ህይወት ለማነጻጸር ሞክሬ ነበር። ስኮትላንድ ከ300 ኣመት በፊት በ1707 Act of Union በተባለው ውል መሰረት ከብሪታኒያ ጋር ኣንድነት መመስረታቸውን፣ በኣንጻሩ ኦሮምያ ግን ከኣንድ ክፍለ ዘመን በፊት በኣቢሲኒያዊያን ወራሪ ሰራዊት በሃይል ወደ ሃበሾች ግዛት መቀላቀሏን ጠቅሼ ነበር። ከዚህም በተጨማሪ ስኮትላንድ ለ300 ኣመታት የእንግሊዝ ኣካል ሆና ስትቆይ የራሷ የህግ ስርኣት፣ የራሷ ቤተክርስቲያን፣ የራሷ የትምህርት ስርኣት እና የራሷ የሆነ ገንዘብ የማሳተም መብት እንዳላት፣ በኣንጻሩ ግን ኦሮምያ መሰል መብቶች ከቶ የራቁዋት መሆኑን ለማገናዘብ ሞክሬያለሁ።የስኮትላንድ ሪፈረንደም ለኦሮሞና ለሌሎችም የነጻነት ታጋይ

Scotland vs Oromos : When the uncomparable is compared

Aside

Hawi Chala | September 19, 2014

UK_EthiopiaSince a couple of weeks ago, I have been reading some articles and posts on social media arguing the Scotland referendum which can be a good lesson and role model for the Oromo struggle for independence. Contrary, I object this argument and rather argue that the Scottish referendum cannot be a lesson and role model to Oromo struggle for independence. There is no common historical experience that resembles our struggle to the Scottish. Neither social nor political nor economic resemblance prevails, at all, that makes it a role model for Oromo quest for independence. Here are my major points. Visit   http://www.Ayyaantuu.com

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Fulbaana, 19,2014

Aside

Sagalee Simbirtuu fi Seife Nebelbal Fulbaana 18,2014

Aside

Amiin Huseen – Hin Fudhanu Beenyaa – New Oromo Music (Oromo/Oromia)

“Oromoon Kan Jaallatu” Wallee Haaraa Naanaatii Yaamiin

Mootummaan Wayyaanee Gaaffii Mirgaa Abbaa Biyyummaa Barattoota Irraa Ka’aa Jiruun Wal Qabatee Dhiphachuu Irraan Ona Ona Irratti Leenjii Itti Fufsiisuuf Dirqame, Gaaffiin Barataas Itti Fufe.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 18,2014 Finfinnee
Q NEWS3AAWalgayiin barattootaa Yuuniversitiile kaa’amanii keessatti adeemsuma kanaan duraan kan itti fufee jiruudha. Leenjiin marsaa duraa akkuma gabaasota yeroodhaa yerootti dhiyeessaa ture irra kaasee gaaffiwwan mootummaan Wayyanee gaafatamuu qabuu fi gaaffii mirgaa kan abbaa biyyummaa fi uummata Oromoo ilaallatu hedduun ka’aa akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.

Marsaa duraa walgayiin barattotaa Yuuniversitii 9 nuu irratti gaggeffamaa tureen gaaffiwwan hedduun ka’uudhaan mootummaan Wayyaanee deebisuu didus ka’aa turaniiru,ammas haaluma wal fakkaatuun gaaffiwwan barattootaa leenjii isaanii marsaa
lammaffaa Yuuniversitoota 5n keessatti itti fufee jira.

Mootummaan Wayyaanee baratoota dirqiin walitti qabuun yaada sirna gabrummaa daran jabeessuu fudhachiisuuf haa yaadu malee barattootooti didanii gaaffi abbaa biyyummaa fi mirgaa itti kaasaa jiru. Kana malees yeroodhaa yerootti gaaffidhuma barattootni kaasaniin barumsa irraa ugguuruu fi hidhuu irratti fuulleffatus, barataan kamuu gaaffii haqaa fi abbaa biyyummaa akka hin kaasne taasisuu hin dandeenye. Akka odeessi walgayii barattootaa marsaa lammaffaa kana irratti adeemsifamaa jiru
ilaalchise ibsutti mootummaan Wayyaanee dhiphina guddaa keessa seenee jiraachudha.

Walgayiin tibba kanaa gaggeeffamaa jiru gaaffiwwan duraan irraa jabaa fi mootummaa wayyaanee kan sodachisee fi barataan Oromoo kaayyoo isaatti cichee jiraachuu isaa mootummaa Wayayanee kan hubachiisaa jiruudha. Badii dhabeera,barattoota tasgabbeessuun sammuu barattootaa sirna mootummaa EPRDF faana  hiriirsisuu hin dandeenye,Yuuniversitiilee irratti walgayii kana itti fufsiisuun mootummaa wayyaanee furmaata waan hin taaneef jecha,akkasuma leenjii marsaa lammaffaa kana irratti walii
galteen tokkollee waan hin argamneef, kan duraa caalaa diddaan barataas dachaadhaan dabalaa waan dhufeef.

Akuma olitti ibsines gaaffiwan duraa irratti gaaffii uummata oromii irratti xiyyeeffatuu fi kan abbaa biyyummaa ilaalchisee Yuuniversitiilee Wallaggaa,Adaamaa,Amboo fi Finfinnee akkasuma Jimmaa keessatti daran jabaatee kan itti jiruudha. Qondaalonni wayyaanee yeroo itti tagsabbiidhaan gaaffii dhiyaataa jirus galmeedhaan fudhachaa hin jirreedha,duras gaaffii haqaa hedduutu dhiyaate isaaf deebiin hin argamin akeeka keessan galmaan gahachuudhaan yeroo lammee leenjiidhaaf nu waamtan saniif deebii eeggachaa marsaa duraa irratti gaaffiwwan hin dhiyaatin hafanillee dhiyeessuudhaan mootummaan Wayyaanee rifaata guddaa keessa seenee jiraachuutu dhagayama. Shakkii fi sodaa diddaa barattootaa cimuu isaa irraanis akkuma amala isaa mootummaan Wayyaanee humna waraana isaa naannoo leenjiin itti kennamaa jiru qubachiisaa kan jiruu fi yuuniversitilee kanneen akka Wallaggaa fi Amboo keessa waraqaaleen adda addaa fi barruun Qeerroo darbee darbee waan mul’achaa jiruufis, kanaan wal qabsiisee humni waraana Wayyaanee naannoo leenjiiin itti kennama jirutti ajajamaa akka jiru gabaasni Qeerroo addeessa. Haala yeroo fi filannoo dhufuunis wal qabsiisee mootummaan wayyaanee raafamaa akka jirus, wal shakkiidhaan isaanuma walgayii barattootaa kana leenjii kennuuf dirqamanii ergaman kanas dabalatee shakkuun isaa waan hubatamaa jiruuf walii galatti mootummaan wayyaanee yeroo ammaa yaaddoo kufaatii isaatii keessa kan jiruu fi leenjiin barattootaa ona ona irratti kennamuudhaaf murtoo keessa seenamee jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 17, 2014

Aside