Magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, Ganda Badaatoo, Naannoo Ammistanyaa Kaampii Jedhamee Beekamu Irraa Jiraattoti 531 Lafa Isaanii Irraa Buqifamuu fi Ummatis Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitootessa ,1, 2015 Hawaasaa

Waraana WayyaaneeNaannoo Kibbaatti maqaa investiraan lafti uummata irraa fuudhamee gurgame Hawaasni Oromoos ta’e saboonni biroo lafti isaa irraa fuudhame kun gaaffii hiriiraan bahee kaaseef deebiin hin kennamin osoo jiru ammas magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, ganda Badaatoo, naannoo Ammistanyaa kaampii jedhamee waamamutti mootummaan namoota seeraan ala lafa bitanii mana ijaarratanii jiraatan jechuun abbaa warraa 521 ta’an bakki kun guutummaan isaa bakka investeraaf akeekamee jiru dha jechuun buqqise.

Guraandhala gaafa 26/2015 uummata abbaa warraa kanaa fi qaama mootummaa gidduutti akkasuma bulchaan mooraan Yuuniversitii hawaasaa guddichi gara uummata goruudhaan walitti bu’iinsi guddaan uumameen humna waraana mootummaa
wayyaaneen namootni 150 tahan kan toohataman yoo tahu, isaan kana keessaa yeroosuma namni 130 kan gadhiifaman yoo tahu namootni 20 mana murtiif akka dhiyaatan tahee akka jiru odeessaan Qeerroo ibsa. Suraan olitti jiru kan naannoo birooti.

Falmaan Barattoota Oromoo Itti Fufuun Yuuniverstiilee Hawaasaa fi Waldiyaa Keessaa Kanneen Baratan Gaaffii Migaa Kaasan.

Aside

diddaa9Mooraa Barnoota Yuuniversitii Hawaasatti,Odeessa Qeerroo Guraandhala 29,2015
Yuuniversitii Waldiyaa keessatti barattooti Oromoo baayinni isaanii 100 tahuun gaaffii mirgaa  Oromoo fi miidhaa barattoota irra jiru akkasumas horddoffii mootummaan dargaggoota Oromoo irratti taasisu sirrii akka hin taane kaasuun bulchitoota gaafataa jiru.

Mooraa guddicha Hawaasatti gaaffiin Guraandhala gaafa 24/2015, jechuun guyyaa muraasa dura barattota Civil Engineering  baratan guyyaa kana ganama sa’a 8:00 am irraa kaasanii gaaffiilee lama qonnaan bulaa irraa fudhatamuu fi hidhamuu barattootaa,addattis cunqursaalee Oromoo irra jiruu fi waayee maaster plaanii Finfinneen wal gaqabatee gaaffii warraaqsaa kaasanii turan itti fufaa hanga har’aa bulchitoota mooraa sanaan akka deebiin qulqullaawaa Oromoof deebi’u gaafachaa jiru. Itti fufuun sochiin barattootaa mooraa Yuuniversitii Hawaasatti daran jabaatee akka jiru tahuu odeessi Qeerroo addeessaa jira.

Mootummaan Wayyaanee Wallagga Anaa Qeellamii fi Bakkoota Adda Addaa Irraa Network Balleessuun Ummata Wal Quunamtii Dhorkaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Lixa Wallaggaa,Guraandhala 26,2015
q-news3aaYeroo darbee uummanni naannoo Kibbaatti dhimma saamicha lafa isaaniin wal qabatee hawaasni Kibbaa gaaffii kaasuu, lafi keenya maqaa investiran nurraa fuudhame nuuf haa deebi’u jedhanii waajjira investimantii naannichatti hiriira bahuu, akkasuma godina Iluu A/Booraa keesatti hawaasni musliimaa obboloota keenya dhimma amantaan wal qabsiifamee mana hidhaatti dararamaa jiran haa hiikaman kan jedhuu fi hidhamtootni kun hanga gadhiifamanitti filannoon hin gaggeeffamin kan jedhu ture.

Uummanni bakka jiru gaaffii mirgaa  qabu mootummaa Wayyaanee irratti kaasuun yeroo ammaa mootummaa dhiphisee akka jiru hubatamaadha,
mootummaan Wayyaanee gaaffii uummanni kaasu dura dhaabbachuuf humna waraana isaatti fayadamaa kan ture waraana isaa keessas shakkii waan qabuuf amma gara itti goruu dhabee akka jirutu caasaa isaa irraan odeessaan dubbata. Wallagga lixaa, Qellem Wallagga irraa irra deddeebiidhaan nugahaa jiru, quunnamtii uummataa fi Qeerroon gidduutti ta’u ,mootummaa irratti uummata kaasuu kan jedhuun sodaa irraan networkii naannoo lixaatti ciramee akka jiru odeessi amma nugahaa jiru addeessa.

Diddaa Barattoota Oromoo Jimmaan Wal Qabatee Mootummaan Wayyaane Ibsaa Fi Network Balleessuun Magaalaan Jimmaa Dukkanoofte.

Aside

diddaa9Guraandhala 26,2015 mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF hogganaa sirna nama nyaataa Wayyaanee Abboy Tsayyeen durfamuu Sochii wallee Warraqsaan goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimmaa qabsiisaniin rifaatuu guddaa keessa seenuun tajajiloota Interneetii, network bilbilaa fi humna ibsaa balleessuun Magaalaan Jimmaa dukkanooftee
jirti.`
Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi jiraattootni Magaalaa Jimmaa dura
iyyuu dukkana dukkana Caalu dukkana garbummaa keessa jirra, tajajjila ibsaa, networkii, bishaan, interneetii fi kkf balleessuun mootummaa
wayyaanee Abbay Tsayyeen durfamuuf furmaata hin ta’u, gaaffii mirga abbaa biyyummaas dhaabuu hin danda’uu , mirga keenya kabachiisuuf kun
furmaata hin ta’uu, abbootiin irree aangoo gadhiisuun nurraa ka’uu qabu, mirgootni namummaa, mirgootni dimookiraasii fi gaaffiin mirga
abbaa biyyummaa kabajamuu qaba jechuun ejjennoo isaanii caalmatti jabeeffachaa jiraachuu ibsame jira.