Category Archives: Oduu/News
Har’a Muddee 13/2015 Godinaalee Oromiyaa Keessaa Kan Itti Fufee Oole.
Aside
Har’a Muddee 13/2015 Godinaalee Oromiyaa keessaa kan itti fufee oole
1. Godina shaggar lixaa –Amboo, Gudar, Baakkoo, Gincii, Gindabarat, Jalduu, Skukutee, Xiqur Incinnii keessatti itti fufee oolee jira.
Ona Jalduu fi Gindoo keessatti FDG mootummaa wayyaanee bakkaa raasee jira. Meeshaaleen waraanaa lafa irraa fi qilleensarras dabalatee gara onoota kanaatti humna dabalataaf guuraa oolan, uummanni ona kanatti kaleessaaa kaasee hanga har’aatti diddaa isaa ittti fufee jiru lakkoofsa guddaadha, namni mana isaatti hafe hin jiru waraana Wayyaanee marsaa lamaa oliif magaala keessaa baasanii jiru, hanga bilisummaa fi walabummaatti diddaan uummataa hin dhaabbatu
2. Godina Shaggar kaabaatti- kuyyuu, Gabra Gurraachaa, Muka Xurii, Salaale keessatti diddaan daandii cufuudhaan kan wal irraa hin cinnee guyyaa guyyaatti haaromsuudhaan itti fufaa jiru. Humnoota waraana Wayyaanee Agaazii fi poolisoonni oromiyaa onoota kanneen keessaa ariyanii yeroo ammaa daandiin cufamee akka jiru odeessaan ibsee jira
3. Iluu Abbaa Booraa- Buree, Mattuu, fi kkf keessatti walgayiin OPDOn waamtee uummata gowomsuuf gaaffii uummataa yeroo kanaa miliyoona 40 oliin farreen nageenya jechuun dhaadattu walgayii ishee fesheleessuun uummanni deggeroota keenya ofiin jettus dhiitee bahuun qaanesse gara diddaatti seenee jira.
4. Godina Qellem wallaggaa- Jimmaa Horroo, Sayyoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Gidaamii fi Begii keessatti FDG barattootaan itti fufee jira. ona Jimmaa Horroo keessatti dhukaasni darbee darbee uummata irratti tahaa jira, qonnaan bulaa fi barattootni qabamaa jiru. Daandin konkolaata darbee darbee cufamaa jira.
5. Wallagga Lixaa-Najjoo, Manasibuu, Gimbii, Mandii, Ganjiitti diddaan hin dhaabbanne itti fufeetu jira.
6. Dhaabbilee barnootaa yuuniversitiilee adda addaa keessatti sochiin nyaata lagachuu, hucuu gaddaa uffachuun diddaa isaanii har’a diddaa isaani mul’isaa oolanii jiru
Qeeroon Bilisummaa Galmee Oromoota Rasaasa Wayyaaneen Hanga Ammaa Wareegamanii Baase.
Aside
Galmee Jaallan Mirga Isaaniiif Osoo Falmanii Rasaasa Wayyaaneen Wareegamanii.
Galmeen Kun Sadaasa 10-Mudde 12 Qoafatti
| Maqaa Guutuu | Age | Godina | Ona | Ganda | |
| 1 | Alezar Benti Aggizahuu | Wallagga Lixaa | Laaloo Asabii | Inangoo 01 | |
| 2 | Gutuu Abera | 18 | Wallagga Lixaa | Gullisoo | Calliyaa |
| 3 | Gudeta Bayyisaa | 19 | Shawaa Lixaa | Calliyaa | Tulluu Boojoo |
| 4 | Fikaduu Girma | Shawaa Lixaa | Calliyaa | Gooda Walliyyee | |
| 5 | Shabe Diba | Shawaa Lixaa | Abuna Gindabarat | Anfaaree/Holoto/ | |
| 6 | Misir Haji Namo | Arsii Lixaa | Adaabbaa | ||
| 7 | Nasiru Mohamad | Arsii Lixaa | Adaabbaa | ||
| 8 | Luchee Gamechu Kumera | Wallagga Lixaa | Laaloo Asabii | Waanjoo 01 | |
| 9 | Ayana Banti Duguma | Wallagga Lixaa | Laaloo Asabii | Waanjoo 01 | |
| 10 | Kenasa Lenca | 17 | Wallagga Lixaa | Gullisoo | Calliyaa |
| 11 | Dereje Gadisa Taye | 14 | Shawaa Lixaa | Calliyaa | Liiban Gaamoo |
| 12 | Bu’e Dhaba | Shawaa Lixaa | Abuna Gindabarat | Fiinoo | |
| 13 | Dajane Sarbesa | 20 | Ki/Li/Shawaa | Tolee | Abebe |
| 14 | Teshale Humnasa | 18 | Ki/Li/Shawaa | Wancii | Cittuu |
| 15 | Habtamu Tasfaye | Wallisoo | Fida Goraa | ||
| 16 | Ayyansa Mekonin | Wallisoo | Dirree Daalattii | ||
| 17 | Garredo Tolesa | Wallisoo | Guraaraa Bokkuu | ||
| 18 | Husen Dalu Ule | 16 | Arsii Lixaa | Adaabbaa | Adaabbaa 02 |
| 19 | Amare | Arsii Lixaa | Adaabbaa | ||
| 20 | Lammeessaa Fayeeraa | 12 | Shawaa lixaa | Amboo | |
| 21 | Girmaa Raggaasaa | 35 | Shawaa Lixaa | Amboo |
FDG erga Oromiyaa keessatti dhowee asitti waraana Wayaaneen kan wareegaman hanga ammaa kan qindaawee dha. Kan hafan kaanis ni jiru gabaasa seenaa caasaa irraa eegaa jirra. Hordofuun kan gabaafamu ta’a.
FDGn HAMMA GALII ISAATTI ITTI FUFA
INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF
GADAAN GADAA BILISUMMAATI!
Qeerroo Bilisummaa
Guutummaa Gabaasaa PDFn Argachuuf:- Galmee Barattoota Oromoo Wareegamanii Muddee 12 2015
Sagalee Qeerroo Biliummaa (SQ) Mudde 12 Bara 2015 / Odeessa Oromiyaa Keessaa Ilaalchisee Gabaasa Addaa
Aside
Mudde 13,2015 Magaalaa Baabbichaa Aanaa Calliyaatti Keessatti FDG Itti Fufeen Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Uumata Itti Dhukaasaa Jira.
Aside
Mudde13,2015 Warraaqsii Biyyaaleessa Oromiyaa FDG’n Haalaan Jabaachuun Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa keessatti gaggeeffamaa jiru irratti Mootummaan wayyaanee EPRDF humna Waraanaa raayyaa ittisa biyyaa bobbaasuun Uummata Oromoo irratti waraana banuun duguginsii sanyii rawwate jira.
“Qeerroo Abdii Kiyyaa” Artist Mo’ibul Dannabaa Gadaa / Wallee Warraaqsaa Haaraa Muddee 13,2015
Aside
FDG Itti Fufee Yuniverstii Jimmaa Keessatti Tiki Wayyaanee Barattoota Hedduu Hiisise Kaaliid Abbaa Tamaam Hunmna Hin Beekamneen Haaleelamuun Hosptala Jimmaa Seene.
Aside
Har’a Mudde 13,2015 Yuuniversitii Jimmaa Keessaa barattoota Oromoo nagaa qabamanii dhiamanii jiru.Tiki Wayyaanee kan barattoota rakkisaa ture eda qaama hin beekamneen tarkaanifiin irratti fudhatamee Hoptala Jimaa ciisee jira.
Akka kanatti Yuunibarsiitii Jimmaatti barattoota isin qindeessitoota fincila kanaati jechuun dararaan hamaan mana hidhaa magaalaa Jimmaa keessatti irra gahaa jiru keessaa muraasa maqaan nuqaqqabe
1 Gammachuu Giddiisaa Damee barnoota Herregaa waggaa sadaffaa
2 Dirribaa Fufaa Saayinsii waggaa sadaffaa
3 Gammachuu Tarfaa Invaaromental Saayinsii
4 Fayisaa T. Guutamaa saayinsii kompuutaraa waggaa arfaffaa
5 Daanyee Nursing waggaa sadaffaa
6 Dirribaa waggaa jalqabaa kompuutaraa
7.Zannabuu Herrega waggaa lammaffaa
SBO MUDDE 13,2015. ODUU, GABAASA SOCHII FDG OROMIYAA KEESSAA FI HIRIIROTA NAGAA HAWAASA OROMOO BIYYA ALAA
Aside
Gootonni Shamarran Oromoo Universitii Jimmaa Irraa Guyyaa Har’aa Qabaman Gootummaan Dhadachaa fi Faaruu Tokkummaa Faarsaa Mana Hidhaa Seenan.
Aside
Mudde 12/2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti fufan, Mooraa Yuunibarsiiti Jimmaa Arfan keessatti warraqsii jabachuun itti fufe. Guyyaa kaleessaas itti fufuun akkuma warraaqsa finiinsuu egalaniin
hoomaan waraanaa yeroo moora Main Cumpasitti barattotatti seensifamu, Barattootni mooraa gadi lakkisuun Magaalaa Jimma keessatti walitti qabamuun sagaalee dhaadannoo dhageesisuu itti fufan . Humnootni tikaa Wayyaanee fi loltootni abbaa irree barattoota Oromoo irratti gaazii
Summa’aa dhukaasuun qabanii hidhaatti guuruu irratti argamu.kanneen ukkanfamuun qabaman keessatti barattootni dubaraa fiigaanii jalaa ba’uu hin dandeenye akka heddummatan hubatame jira. Kanneen keessa
1. Kibbee Lamuu Barattuu Muummee Ispoortii waggaa 3ffaa
2. Zannabach …Barattuu muummee Herregaa waggaa 2ffaa
3. Magartuu…Barattuu muummee Ispoortii waggaa 3ffaa
4. Bashaatuu…Barattuu muummee Ispoortii waggaa 3ffaa. Kanneen
Shammarran Oromoo kun yeroo qabamanitti gootummaan dhadachaa fi tokkummaa jechaa akka qabaman barattoota kaan irraa beekamee jira.





