Gootonni Shamarran Oromoo Universitii Jimmaa Irraa Guyyaa Har’aa Qabaman Gootummaan Dhadachaa fi Faaruu Tokkummaa Faarsaa Mana Hidhaa Seenan.

Mudde 12/2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti fufan, Mooraa Yuunibarsiiti Jimmaa Arfan keessatti warraqsii jabachuun itti fufe. Guyyaa kaleessaas itti fufuun akkuma warraaqsa finiinsuu egalaniin
hoomaan waraanaa yeroo moora Main Cumpasitti barattotatti seensifamu, Barattootni mooraa gadi lakkisuun Magaalaa Jimma keessatti walitti qabamuun sagaalee dhaadannoo dhageesisuu itti fufan . Humnootni tikaa Wayyaanee fi loltootni abbaa irree barattoota Oromoo irratti gaazii
Summa’aa dhukaasuun qabanii hidhaatti guuruu irratti argamu.kanneen ukkanfamuun qabaman keessatti barattootni dubaraa fiigaanii jalaa ba’uu hin dandeenye akka heddummatan hubatame jira. Kanneen keessa
1. Kibbee Lamuu Barattuu Muummee Ispoortii waggaa 3ffaa
2. Zannabach …Barattuu muummee Herregaa waggaa 2ffaa
3. Magartuu…Barattuu muummee Ispoortii waggaa 3ffaa
4. Bashaatuu…Barattuu muummee Ispoortii waggaa 3ffaa. Kanneen
Shammarran Oromoo kun yeroo qabamanitti gootummaan dhadachaa fi tokkummaa jechaa akka qabaman barattoota kaan irraa beekamee jira.

2 thoughts on “Gootonni Shamarran Oromoo Universitii Jimmaa Irraa Guyyaa Har’aa Qabaman Gootummaan Dhadachaa fi Faaruu Tokkummaa Faarsaa Mana Hidhaa Seenan.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

  2. Akkuma beekamu,guyyaa ha’aa mudde 12,2015 magaala amboo keessatti dhukaasni guddaan adeemsifame.gabaa guddaan gabaa qidaamee(sanbata duraa) ambotti kan adeemsifamu, ganda 02 gabaa baqqalaafi ganda06 Araadaa naano jedhamu yommu ta’u, hadhattonni wayyaanes guuttumma magaala amboo, alaafi keessa ishee qabatanii lama lama ta’anii ni eegu ture.yeroo kana ummanni tokko tokkofi dargaggonni hedduun mormii master plani magaala finfinnee fi FDG mormuudhaan, dandii kessa keessa cufuudhan, dhaadanno isaani dhageessisu yeroo eegalan, hidhattonni wayyaanee gazi summaa’aa dhukaasun gabaa ummataa nagada isaani wajjin, waliin makanii yeroo ari’an, dhukaasa guddaa dhageessisu eegalan.kanarran ijoolle waddeessa sadi ajjeesani,kaan madeesanii,hedduu gara mana hidhaati guuraa turaniiru…

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s