Har’a Mudde 15,2015 Godina Wallaggaa Aaanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Barattooti Waraana Meeshaan Itti Dhukaasuu Dura Dhaabbachuun Diddaa Gaggeessaa Jiru.

Aside

Mudde 15,2015

Godina Wallaggaa Aaanaa Waamaa Hagaloo irra barattooti mana barumsaa Qassoo sadarkaa duraa fi lammaffaa(2ffaa)  hiriira uummata magaalaa wajjin adeemsisaa jiru humni waraanaas magaalaa Moxee irraa itti guuramee barattoota irratti dhukaasa banaa jira,uummanni ammoo diddaa isaa jabeessuun sa’aa kanatti baadiyaa fi magaalaa keessaa tokkummaan ka’ee Wayyaanee of irraa arihaa jira.

Ummanni Oromoo Mootummaa Gabroomfataa Wayyaanee Injifataa Jira!

Aside

Mudde 15,2015 godina wallagga Lixaa Magaalaa Ariyaatti Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FDG daran jabaachuun itti fufe, Amma ganama kana irraa Eegaluun uummatni, Dargaggootni, Barattootni fi Hojjettootni Mootummaa utuu hin hafiin Warraaqsii Biyyooleessa haalaan jabaachuun FDG finiinee itti fufuun Hiriirri guddaan Magaalaa Ariyaa irratti gaggeeffama jira.gabaasaa guutuun walitti deebina.

Mudde 14/2015 Godina Lixa Shaggar magaalaan OlanKomii halkan keessa sa’aa 3:30 Irraatti bilisummaa ishee labsatte, wajjiraaleen Mootummaa hundi humna Sochii warraaqsaa uummataan barbadeeffaman. Erga uummata Jalduu Irratti waraanni banamee uummatni Oromoo Hundii arii guddaan guutamee ,akkamitti utuu gaaffii mirgaa karaa Nagaa Gaafachaa jirruu dhukaasuun Nu ajjeesuu jechuun Warraaqsii Itti Fufe. Lafti Qonnaan bultoota Oromoo Naannoo Olankomii omisha abaaboof investeroota alaa fi duureyyoota wayyaaneef kennamuun cinatti waraanni wayyaanee uummata karaa nagaa gaaffii isaa fi sagalee isaa dhageesisaa jiru irratti waraana banuun sochii jiru gara fincila waliigalatti jijjirame jira. Yeroo Amma kanatti Wajjiraa barnootaa fi manneen Barnootaa qofa hambisuun uummatni Waajjiraalee Mootummaa hunda Barbadeessee jira.

Mudde 15/2015 Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Magaalaa Laga Xaafoo laga Daadhiittis warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabaachuun itti fufe, Dargaggootni, Barattootni fi uummatni oromoo Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii daandii konkolaataa Gara Sandaafatti dabarsuu
Cufuun FDG qabsiisuun sagalee Mormii guddaa dhageesisa .
Erga gaaffii karaa nagaa utuu dhiyeeffannuu deebiin keenya waraanni nurratti banamee uummatni Oromoo hundii arii guddaan guutamee akkamitti utuu gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafachaa jirruu dhukaasuun nu ajjeesuu jechuun Warraaqsii Itti Fufe. Haaluma Walfakkaatuun Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa Maagaalotaa nannawaa finfiinneetti haalaan finiinaa jira, Magaalaa Finfinnees seenee jira. Gabaasaan itti fufa….

Har’a Mudde 15,2015 Ummanni Magaalalee Adda Addaa Bilisoomfate!! Injifatnoon Jira!

Aside

Har’a Muddee 15, 2015 haaluma kanaan itti fufeetu jira Shaggar Lixaa irratti gandootni garagaraa of bilisa baasanii jiru ganama kana.

Shaggar Lixaa.

– Muddee 14,2015 kaleessa jechuudha magaala Daandii ganda Awwaash Baloo jedhamutti magaala Gincitti diddaa ka’een namootni lama lubbuun
darbuu isaanii kan gabaafamee jiruudha.
– Ona Gindabarat, Jalduu fi keessatti namootni hedduun madeeffamanii jiru. Magaala Kaachis keessatti namni 1 du’era.

– Daandiiwwan konkolaataa cufamanii oolan har’a kanumaan itti bari’ee jira.

Godina Baalee

– Madda walaabuu Yuuniversitii kaleessa muddee 14,2015 yero lammee FDG ka’een har’as itti fufee jira. Humnoonni waraana wayyaanee galma
Yuniversitii Madda Wabaaluu buufate jira.

Har’as magaalonnii Oromiyaa wallaggaa lixaa fi Qellem wallaggaa keessa jiran guutummaa guutuun fincilatti seenee jira.

Oduu Ammee:- Dambi Doolloo Wallaggaa Magaalaan Ummataan Bilisoomtee Bultee Har’a Ammo Dhukaasi Meeshaa Gurguddaan Irratti Ta’aa Jira.

Aside

Mudde 15,2015 Dambi Doolloo

Uummatni magaalaa Dambi Doolloo Wallaggaa tokkummaan dhaabbachuun kaabinootaa fi loltoota Wayyaanee of irraa baasee bulchiinsa magaalaa tolfatee bule. Haala kana keessatti dhukaasaa fi lola loltooti Wayyaanee irratti bananiin namni 8 uummata irraa kan wareegaman yeroo ta’u ammo dhuma irratti injifatnoon kan uummataan xumuramee magaalittiin dhuunfatamuun alaabaa Oromoo dhaabbattee bulte, Har’a Muddee 15,2015 ammoo loltooti Wayyaanee humna guddaan magaalittiitti bobba’uun meeshaalee gurgurddaa dhukaasaa fi qabeenya uumataa miidhaa akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.

Ummanni Baadiyyaa kallattii 4 n waan qabu qabatee gara magaalaatti birmachaa jira.Dhiiraa dhalaa osoo hin jenne jaarsaa jaartii osoo hin jenne gara magaalaatti duuluun Wayyaanota of irraa baasuuf qabsoo guddaa gochaa jiru.