Har’a Muddee 15, 2015 haaluma kanaan itti fufeetu jira Shaggar Lixaa irratti gandootni garagaraa of bilisa baasanii jiru ganama kana.
Shaggar Lixaa.
– Muddee 14,2015 kaleessa jechuudha magaala Daandii ganda Awwaash Baloo jedhamutti magaala Gincitti diddaa ka’een namootni lama lubbuun
darbuu isaanii kan gabaafamee jiruudha.
– Ona Gindabarat, Jalduu fi keessatti namootni hedduun madeeffamanii jiru. Magaala Kaachis keessatti namni 1 du’era.
– Daandiiwwan konkolaataa cufamanii oolan har’a kanumaan itti bari’ee jira.
Godina Baalee
– Madda walaabuu Yuuniversitii kaleessa muddee 14,2015 yero lammee FDG ka’een har’as itti fufee jira. Humnoonni waraana wayyaanee galma
Yuniversitii Madda Wabaaluu buufate jira.
Har’as magaalonnii Oromiyaa wallaggaa lixaa fi Qellem wallaggaa keessa jiran guutummaa guutuun fincilatti seenee jira.
BILISUMMAAN KAN UUMMATA OROMOOTI. QABSOON KEENYA ITTI HAAFUFU.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist