Category Archives: Oduu/News
MUST LISTEN: Statement of Qeerroo Bilisummaa and Union of Oromo Students in Audio
Aside
Wallee warraaqsaa haarawa Jawwisoo Qeerroo Bilisummaa Weellisaa Jibril Jawar
Aside
SBO AMAJJII 03,2016. Oduu, Dhaamsa Bara Haaraa HD ABO, Ibsa Qeerroo fi Gamtaa Barattoota Oromoo akkasumas Gabaasa Hiriiraa Hawaasa Oromoo Faransaay
Aside
Buraayyu Naannoo Kattaa Jedhamutti Ficilli Xumura Gabrummaa Har’a Itti Fufee Oole.
Aside
Har’a Amajii 1,2016 barattootni mana barumsaa Sadarkaa 1, Sadarkaa 2ffaa fi qophaayina dhaadannoo
-Barri Biliusmmaa gahe
-Mootumma abbaa irree nu ajjeesaa jiru aangoo irraa nuuf haa bu’u
-Waraana wayyaaneef hin jilbeenfanu
-Gumaa barattoota keenyaa ni basna
jechuun ganama irraa kaasanii dhaadannoo dhageesisuun yeroo amma kana Buraayyuu naannoo Kattaa jedhamee wamamu humna waraana federaalaa guutamee jira.
Uummanni barataa bira dhaabbatee jira. Daandiin konkolaataa Burayyuu keessa kutuu hoomaa waraanaa fi poolisiitiin kan guutamee jiruudha.
Barattootni kaan hidhaatti guuramaa jiru kaan ammoo tokkummaadhaan Bilisummaa faarsaa jiru. Amma sa’a naannootti sa’a 10:00 irraa kaasee FXG Buraayyuutti barattootaa fi uummataan gaggeeffama jira.
Statement of Qeerroo Bilisummaa and Union of Oromo Students on the Ongoing ‘Revolution to Culminate Slavery’ (RCS)
Aside
Statement of Qeerroo Bilisummaa and Union of Oromo Students on the Ongoing ‘Revolution to Culminate Slavery’ (RCS)
December 31, 2015, Finfinne Oromia.
We the new Oromo generation living close to the civilized world are not willing to live in slavery in the 21st century. As we are the most conscious of our society, we cannot watch idly as our people are evicted from their ancestral land; we cannot accept the fact that our country is a place where human liberty, dignity, and democratic and human rights are violated. The minority TPLF-led Ethiopian government’s so called ‘Integrated Master Plan’ is a genocidal plan concocted to irradiate the Oromo race from the face of the earth and incorporate our forefather’s land, Oromia, into their own property. We are presenting our legitimate questions using our democratic rights in a peaceful manner and will not stop our non-violent struggle until all of our questions have been answered. Instead of answering our legitimate questions the government has dispatched the so called Agazi, Federal Police, and the regular army and committing a genocidal crime on Oromo students and the Oromo people in general. Over the past five or so weeks, the answer of the TPLF/EPRDF regime to our legitimate questions has been the following.
- The government ordered its brutal forces and committed a mass massacre which is equivalent to genocide. So far 125 people have been confirmed killed, thousands severely wounded, and hundreds of thousands arrested from every corner of Oromia.
- The government has declared war on the Oromo people who have peacefully opposed the Master Plan and the declaration of Oromian towns labelling the protesters as “terrorists” and ordered its armed forces to shoot and kill civilians and unarmed protesters.
- The Master Plan which has been an immediate cause for our protests still stands. Although the government officials are deceiving the public indicating that “the Master Plan will not be implemented if the public opposes it”, there is no law or declaration officially cancelling the Master Plan. Nothing is mentioned about the so called “Proclamation of Oromian towns”.
- The Oromo people do not have proportional power share and economic and political influence according to their population and the area of land they cover based on the rules of federalism.
- The government continues distorting our legitimate questions of democracy, human rights issues, and justice by labelling peaceful protesters as “terrorists” and charging them using the “terrorism law” which it uses as a weapon to quash dissenting voices since it was declared in 2009.
Read More:- Statement of Qeerroo Bilisummaa December 31 2015 Finfinnee
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Mudde 31, 2015
Aside
Loltooti Itiyophiyaa(Agaazii) Godina Shaggar Lixaa Gandoota Gindabarati Keessa Deddeemuun Uummata Nagaa Ajjeessuu fi Hidhuutti Bobba’anii Jiru.Ummanni Oromoos FXG Gootummaan of Irraa Deebisaa Jira.
Aside
Muddee 31,2015 Gindebarat.
Anoota Gindebarat humni federal fi Agaazii jedhamu uummata keessa deemuun miidhaalee haalaan gurguddaa geessisaa jira, Gaafa Mudde 29,2015 irraa kaasee hamma har’aa Mudde 31,2015 itti manneen jireenya uummataa saamuu irratti dabalee uummata nagaa reebuu fi kanneen kaanis gara jabeenyaan ajjeessuu hojii godhatee jira. Haala Kanaan ganda Kaachis mana barnootaa sadarkaa 2ffaa keessaa barattoota haalaan reebaman lubbuun darban keessaa:- 1, Inaagawuu Hayilu Gindabaratti irra
2,Bayisaa Bulto Abuuna irraa
3,Gandaa Bitee Abuuna irra
4,Gandaa Jammo Abuuna irra
5,Gandaa Goroo jalatee Abuuna irra, Gama biraan ammo namooti qabeenya saamamanii hanga ammaa seeraan ala qabamanii hidhaman keessaa hammi tokko:-1,Obbo lataa Hordofaa qotebula Abuuna
2,B/sa Asmaara Abuuna
3,B/sa Geetuu Abuuna
4,Fixa Gaasasee Abuuna QB
5,B/sa xafaa Ejetta Abuuna
6,Zalalam Taddasee Abuuna QB
7,Durbeen tokko bay’ee kan qabso irratti lubbun ishee dararamaa cimaa keessa kan jirtu maqaa ishee kan issin erginu ta’a. Kanen Gindaratitti argaman
1, Haacaluu didha
2,Hojettaa wajjira barnootaa
3,Baratoota university gadi lakisan dhufan gandaa sankoorri bartoota sadii isaan kun miseensoota ABO jechudhan kan rakkisaa fi reebicha guddaan irraan gahame dha. Aanoota lachuu irraa namoota maqaan isaani hin eramnee yoo xiqqatee nama 300 ol ta’u,qindeefanee kan gabaasnu ta’a.
Har’a Mudde 31,2015,Diddaan Itti Jira Oromiyaa Godinaalee Garagaraa fi Yuuniverstiilee Keessatti Itti Fufe
Aside
Maraa yeroo lammee FXG har’a Muddee 31,2015 Oromiyaa bakkoota adda addaatti itti fufee jira. Godina Arsii lixaa onoota adda addaa fi dame Yuuniversitii Asellaatti diddaan xumurrii diddaa gaggeeffamaa jira. Har’a barattootni barumsa dhaabuun bilisummaa booda itti deebina jechuun dhaamsa dabarsaa kan jiran godina Arsii lixaa aanaa Qoreetti FXG barattootaa fi uummataan gaggeeffamaa jira. Wayyaaneen nuuf xumurame jechuun waraana humna agaazii garasitti guurrachaa jirti. Manneen barnoota hedduun Oromiyaa keessa godninaalee garagaraatti cufamaa jiru.
Daandiwwan karaa Arsiitti geessan cuccufamaa akka jiranis Qeeyeroon gabaasee jira. Godina Harargee keessatti humna addaatu uummata keessa jira jechudhaan waraanni wayyaanee furgiggifamaa jira. diddaan uummataas har’a aanaalee hedduu Harargee keessatti haalaan itti fufeera. Yeroo ammaa Harargeen lixaa waraanan marfamtee argamti.
Qonnaan bulaan Godina Harargee Lixaa keessa aanolee jiran maratti ukkaamama mana hidhaatti guuraama kaan ammoo bakka buuteen isaanii ammo bakka buuteen isaanii dhabamaa akka jiru odeessaan nu gahee jira.
Baha wallaggaa Giddaa Ayyaanattis yeroo ammaa kana fincilli barattootaan itti fufee galgala kana illee itti fufee jira,ABO fi WBO faarsuun magaalaa keessatti uumatii fi barattooti wallisaa fi dhadachaa jiru.
Wallaggaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Moxeetti Keessatti OPDOn Qarshii Gudddaa Namootaa Kafaluun Hidhamtoota Irratti Ragaa Sobaa Akka Bahan Taasisaa Jiru.
Aside
Mudde 31,2015, Godina Wallaggaa naannoo Waamaa Hagaloo Jedhamutti Oromoota FXG irratti hidhaman irratti ragaa sobaa akka bahaniif kaabinooti OPDOn qarshii guddaa ittti kaffaluun akka ragaa sobaa ba’an taasisaa jirti.
Namoonni hanga ammatti qarshii kaabinoota Wayyaanee irraa fudhatanii uummata irratti ragaa bahaa jiran keessaa hammi tokko:-
1 Siwayyaa Rabbummaa
2 Barsiisaa Olumaa
3 Kaabinee kanta’e Guutamaa
4 Moosisaa Tarfaa kanneen jedhaman ragaa sobaa uummatarratti namoota qindeeffaman dha.
