Buraayyu Naannoo Kattaa Jedhamutti Ficilli Xumura Gabrummaa Har’a Itti Fufee Oole.

Har’a Amajii 1,2016 barattootni mana barumsaa Sadarkaa 1, Sadarkaa 2ffaa fi qophaayina dhaadannoo
-Barri Biliusmmaa gahe
-Mootumma abbaa irree nu ajjeesaa jiru aangoo irraa nuuf haa bu’u
-Waraana wayyaaneef hin jilbeenfanu
-Gumaa barattoota keenyaa ni basna
jechuun ganama irraa kaasanii dhaadannoo dhageesisuun yeroo amma kana Buraayyuu naannoo Kattaa jedhamee wamamu humna waraana federaalaa guutamee jira.
Uummanni barataa bira dhaabbatee jira. Daandiin konkolaataa Burayyuu keessa kutuu hoomaa waraanaa fi poolisiitiin kan guutamee jiruudha.
Barattootni kaan hidhaatti guuramaa jiru kaan ammoo tokkummaadhaan Bilisummaa faarsaa jiru. Amma sa’a naannootti sa’a 10:00 irraa kaasee FXG Buraayyuutti barattootaa fi uummataan gaggeeffama jira.

3 thoughts on “Buraayyu Naannoo Kattaa Jedhamutti Ficilli Xumura Gabrummaa Har’a Itti Fufee Oole.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

  2. Pingback: Buraayyu Naannoo Kattaa Jedhamutti Ficilli Xumura Gabrummaa Har’a Itti Fufee Oole. | Dhaamsa Ogeettii

  3. Pingback: Buraayyu Naannoo Kattaa Jedhamutti Ficilli Xumura Gabrummaa Har’a Itti Fufee Oole. | f7431

Leave a comment