Previous messageNext messageBack to messages Sirni Gaggeessaa(Awwaalchaa) Sabboonaa Oromoo Dargaggoo Abdataa Olaansaa Humna waraanaa wayyaanee loltoota Agaaziin goolamaa jira,‏

Aside

12540529_1510388605923143_5360242150813297572_nAmajjii 13,2016 Guyyaa Har’aa Sirna Gaggeessaa Sabboonaa Goota Oromoo Dargaggoo Abdataa Araarsaa Irratti waraannii Wayyaanee Agaaziin
Konkolaataa 14 Ol kan Ramadamee Yoo ta’uu, Sodaa Warraaqsaa Cimaa Uummatnii fi Dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo kaleessa Galgala yeroo Reeffii Gooticha kana Magaalaa Amboo Seenuu Simannaa fi Dhaadannoo warraaqsaa guddaan kan simatame sodaachuun, Guyyaa har’aa sirni Awwaalcha Sabboonaa Oromoo Abdataa Araarsaa Yeroo amma Kanatti Waraanaa Agaaziin goolamaa jira, Uummatnis warraaqsaa jabeessuun Wayyaaneen Ilmaan keenya fixaa jiruu seeraatti dhiyaachuu qaba jechuun tokkummaan kaleessa galgala irraa eegaluun Warraaqaaa jabeessan Magaalaan Amboo Waraanaan Marfamtee halli gara amboo jiruu yeroo amma kanatti haalaan ulfaataa ta’uun hubatame jira, hordofaa waan jirruuf gabaasaan keenya itti fufa……… 12439055_164049750629314_4058065676644288464_n (1)
Gootichi Dargaggoon Abdataa Olaansaa Amajjii 10/2016 Mana hidhaa Wayyaanee qilinxootti Wareegame, Sababaa Sochii warraaqsaa FDG Bara 2014 gaggeeffameen yakka Sharorkeessummaan himatamee dararamaa kan ture, mormii Master Pilaanii Finfinee fi gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa gaggeeffamaa jiruu keessatti qooda guddaa qabda jedhamuun ukkanfamee Mana Hidhaa Wayyaanee Qilinxoo keessatti Dararaa ulfaataa diinni irraan ga’aa jiruun Amajjii 10/2016 Wareegame. Reeffi isaaf akka Biyya hingalleef ittifamaa kan turee Kaleessa Galgala Wayita Naannoo dhaloota isaa Magaalaa Ambootti geeffamuu Uummatni Magaalaa Amboo fi Dargaggootni Qerroon magaalaa Amboo fi Barattootni fi Hojjettootni Tokkummaan Daandii konkolaataa Cufuun hiriiraanii dhaadannoo Oromiyaan dhiiga ijoollee Isheetiin ni bilisoomti jedhu dhageesisuun Simannaa guddaa Sabboonaa Oromoo jaalatamaa fi Kabajamaa saba isaaf falmu Abdataa Olaansaaf gochuun Warraaqsii Daran jabaachuun itti fufe, humni waraanaa guddaan gara Magaalaa Ambootti guuramaa kan bulee Yeroo ammaa kana Magaalaa amboo goolaa jiraachuun insame jira.

Amboo Keessatti Guyyaa Har’aa Ummata Booyichaaf Bahe Irratti Dhukaasi Banamee Madoon Hedduu dha.

 

Ibsa Kijibaa fi Fakkeessaan Ummatni Oromoo Ammaan Booda hin Sobamu

Aside

Ibsa Kijibaa fi Fakkeessaan Ummatni Oromoo Ammaan Booda hin Sobamu

Amajjii 13,2016  Ibsa ABO Irraa Kenname

ABOMotumman Wayyaanee waggoottan 24 darban kana dhaaba OPDO jedhee ofii akka fedhee ajajuu fi ergatu ijaarrate of fuuldura qabatuun labsiilee, ibsoota, murtiilee siyaasaa fi lolaa akkasumas biyya isaa Oromiyaa irratti murtii jajjaboo kan jireenya, qabeenyaa fi hiree Oromoo guddaa miidhan garuu ummatni Oromoo dhugaan kan bakka isa bu’u keessa hin qabne labsaa fi murtii dabarsaa bahe. Murtiileen kunii fi labsiin kun maqaa mishoomaa jedhuun samicha, biyya tiksuu jedhuun lola Oormoo hin ilaalle irratti ilaamaan Oromoo ficisiisuu, shororkeessitoota irratti duula jechuun Oromoo mataa isaa irratti loal labsuun hidhuu, ajjeesuu fi ukkaamsuu raawwataa bahe. Ammas dabni kun nu irratti hin dammaqamne jechuun ibsa kijibaa fi fakkeessaa waan Master Plan Finfinnee ilaaluu OPDOn akka labsu godhuun akkuma kana duraa daba dhaaba Kanaan qabatee Oromoo irratti hojjatu itti fufuuf kan of booda hin deebine tahuu agarsiisuu illee ummatni Ormoo ammaan booda lammata ibsaa fi labsii kijibaa fi fakeessaa akkasii akka hin sobamne diinaafi firaafis mirkaneessa. Labsii fi ibsi dhaabni OPDO kaleessa TV Oromiyaa irratti bahuun Master Plan magaalaa Finfinnee fi godinaan addaa Oromiyaa nannoo Finfinnee guutummatti akka haqamu; Oromiyaan faayidaa adda Finfinnee irraa argattuu kan jedhu seera keessaa jiru akka hojii irraa ooluuf OPDOn irratti hojjatuu; ; labsii bulchinsa magaalota Oromiyaa haaraa bahe keessaa keyyata ummatni hin feene irra deebihamee akka foyyaawuu kkf jedhee gara qabxii 8 baase OPDOn ofiifuu tohannaan diinaan fi hidhaa keessa kan jiru waan tahee fi dhimmoota kana irratti murtii dabarsuu aangu waan hin qabnee fi bakka ummata Oromoo bu’ee dubbahcuu waan hin dandeenyeef ummatni Oromoo fi ABOn ibsa kana tasa kan hin fudhatamne tahuu beeksisa. Ummatni Oromoo waggoota dheeraaf qabsoo kan adeemsise mirga seeraa fi uumaan qabu kabajsiifatee hiree isaa murteeffachuu, sirna dimokraatawaa fi bilisummaan keessatti mirkanaawe argamsiisuu dhaan nagaa waaraa fi amansiisaan jiraatuufi. Kun guutummaatti fedhii fi hawwii ummata Oromoo tahullee akeekni eebbifamaa kun kanneen ummatoota hacuucaa fi saamaa jiraachuu murteeffataniin hin guutamiin jiran.

Guutummaa ibsa kanaa afaan Oromoo fi Amaaraan:-

Ibsa ABO Labsii EPRDF-OPDO Dhimma Master Plan Irratti የኦነግ መግለጫ = የኦሮሞ ሃዝብ በሃሰትና በማስመሰያ መግለጫ ኣይታለልም.docx

FXG Oromiyaa guututti itti fufee jira. Dhukaasni bakka garagaraatti dhaga’amaa jira. Barataan toko yuuniversitii Ambo irraa galgala kana wareegameera‏

Aside

Amajjii 12,2016 , FXG guutummaa Oromiyaatti wal gahee jira. Har’a akkuma beekamu yuuniversilee garagaraa keessatti haala diina sodaachisuu fi abdii kutachiisaadhaan itti oole.

1.       Yuuniversitii Haromayyaa dabalatee uummata naannootiin FXG Harargee fi naannoosheetti ka’ee jiru haalaan diina rommi’isiisee jira. Naannoo yuuniversitii Haromayyaatti qonnaan bulaan, jiraattotni adda addaa miiidhaa gurguddaadhaan saaxilaman humni wayyaanee jiraattoota naanichaa irratti miidhaa gaggeessee jira. Akkasuma barattootni mooraa yuunniversitii Haromayyaa hedduun balaa guddaan isaan irra gahee jira. Lubbuun kan darban hanga ammaa hin beekamne jedhu jiraattotni naannichaa akkasuma Qeerroon yoo gabaasu barattootni hedduun dhabamaniiru jedha. FXG naannichatti gaggeeffamaa jiru sodaa tokko malee itti fufee akka jiru gabaasaa jira.

2.       Itti fufee amma galgala kana yuuniversitii Amboo keessatti barataan tokko wareegamuu Qeerroon gabaasee jira. FXG mooraa yuuniversitii Ambotti har’a galgala kana dhowee jira. Humnoonni waraana wayyaanee magaalicha keessa buufatee jiru gara laafina tokkko malee barattoota harka qullaa irratti dhukaasa banee jira. Halkan kana magaalli Amboo weerara waraana jala jiraattus uummata fi waraana wayyaane gidduutti lolli gaggeeeffamaa jira. mooraa yuuniversitii Amboo keessa iyya guddaatu dhaga’a kana irratti dhukaasni dhuka’aa jira meeshaalee gurguddaadhaan naannichi dhuunfatamaa jirti kan jedhan Qeerroon magaala Amboo irraa gabaase.

Naannowaa Finfinnee Buraayyuutti har’a galgala kana dhukaasni darebee darbee naannoo Laga Gafarsaatii dhaga’amaa jira.

Wayyaaneen amma gara itti baatu dhabdeetti. FXG xumura wayyaanee taasisuuf oromiyaa guututti walgahee jira.

Godinaalee maratti FXG kan itti fufee jiru yoommuu tahu waraanni wayyaane gara itti goree fi ergamu dhabamee jira.

Goota Oromoo Wareegame Abdataa Olaanaa Simachuuf Ummanni Oromoo Magaalaa Amboo fi Barattooti Yuuniverstii Gootummaan Simatan.

Aside

Galagala kana simatnaa goota Oromoo wareegama kafalee yeroo taasisetti magaalli Amboo dirree injifannoo fakkaatte. Reeffi gooticha Oromoo kan rasaasa Wayyaaneen wareegamee Abdataa Olaanaa Finfinneerraa gara Amboo yoo galu uummanni qe’e isaatti hin hafne  haata’u malee barataan mooraatti hin hafne dabalataan yeroo kanatti ammoo  galgala kana mooraa Yuuniversitii keessatti barataan tokko akka du’e beekamee jira.

 

 

 

Baha Wallaggaa Gabaa Jimaataa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Girjjoo Fittee Keessatti Guyyaa Har’aa Amajjii 12,2016 FXG Ta’een Barattooti Hedduun Loltoota Wayyaaneen Butaman.

Aside

Amajji 12,2016 Gabaa Jimaataa
Humni waraanaa abbaa irree  Waayyaane Uummata gidirsuu itti fufe Baha Wallaggaa Gabaa Jimaataa Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffa Girjjoo Fitteetti Barttoota kaan mana barumsaarraa ariyaa kaan mana adabaatti hedduminaan loltoota Wayyaaneen  guuraa jiraachu beekame.Qeerroon Jimaatarra barataa kutaa 8ffaa kan ta’e Mohaammad Muusaa yakka tokko malee gaaffi mirgaa waan gaafateef manni barumsaa Garjjii adaba waggaa lama (2) kan laate yoo ta’u yakkisaani kan isa naasise erga murtoo kana argatee bakki buuteesaa dhabame.haatisaas namoota kanaan yakkasaan ala waan na dura dhabamsiiftanii lubbuusaa itti gaafatamaan isini sababa jedhaniif qofa mana hidhaa Guuteetti gidirfamaa akka jiranidha kan dubatamu.

Yuniverstiin Jimmaa Mooraa Qubsuma Waraana Wayyaanee Taatee Halkan Kana Konkolaataan 7 Loltooti Qubatan.FXG Gootummaa Barattotaan Itti Fufe.

Aside

Amajjii 12,2016 Jimmaa
Humni waraana Wayyaanee mooraa Yunibarsiitiwwani kan duraarra daran dhunfatee Yuniverstiin Jimmaa Mooraa waraanaa malee barataa akka hin taane muldhata yeroo ammaa Yunibarsiitii Jimma keessa yoo xiqqaate humni waraanaa Wayyaanee konkolaataa 7 olitti tilmaamama jedhu barattoonni mooraa guddaa Kanaan walqabate kan aarse barattoota main campus FXG akka kaasaan gochaa jiraachuu dubbatu. Galgala kanas bifa jabaatee fi qindaayeen FXG itti fufa.

Karaa biraa Amboo keessatti dargaggoo Saamu’el Kumaa rasaasa Wayyaaneen gara jabeenyaan dhahamee lubbuun isaa uummata Oromoof jecha gootummaan wareega kafalee jira.