Category Archives: Oduu/News
SBO Bitootessa 13,2019. Oduu fi Haala WBO Mooraa waraanaa Xoollaay seenanii jiran mudatee jiru irratti gaaffii fi deebii misensa WBO mooricha seenee jiru waliin taasisame
Aside
SBO Bitootessa 10,2019. Oduu, Dhimma Finfinnee irratti Ibsa ABO, Hiriira Godina Jimmaa fi Barruu haala yeroo irratti Damee Aadaa fi Beeksisii ABO irraa dhihaate
Aside
SBO Bitootessa 08,2019. Oduu fi Gabaasaa Hiriirota guyyaa har’aa
Aside
ONN LIVE : Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bitootessa 7,2019
Aside
Aside
Qabsoon Bilisummaa Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Saba Oromoof Malee Bilisummaa Dhuunfaaf miti.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Yeroo ammaa Ummanni Oromoo lafa isaa osoo saamamaa jiruu fi qe’ee irraa buqa’ee mankaraaraa osoo jiruu,hidhaan Oromiyaa mara keessatti aadaa mootummchaa ta’ee osoo jiruu,qabeenyi Oromiyaa guyyuu saamamaa osoo jiruu,hojii dhablummaa fi beelli,hiyyummaan dargaggoota Oromoo waxalaa osoo jiruu, Loltooti mootummaa qubsuma isaa ummata Oromoo keessa taasisee bahaa fi galma dhorkee osoo jiruu namoonni gariin madaa fi laala ummata Oromoo osoo tilmaama keessa hin galchiin “Oromiyaan bilisoomteetti qabsoon ni gaha” jedhanii gaaffii mirgaa qadaaduu yaaluun Qeerroo Bilisummaa Oromoo falmaa irraa hin dhaabu.
Qabsoo fincila Diddaa Gabrummaa irraa eegallee hamma Fincila Xumura Gabrummaatti Waggoota dheeraaf qabsoo gaggeessine haala hadhaawaa fi wareega guddaa baasisisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsaawee injifannoo goonfate qaba. . Bu’aa bahii qabsoo hunda dandayaa wareegamaa fi dararaa hidhaa,biyyaa baqachuu fi hojii irraa arihamuu hunda baadhachaa ummata keenyaa fi dhaaba keenya ABOtti kabajaa horoof qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasise salphaa miti. Continue reading
IBSA IJJANNOO FI MURTII QEERROO BILISUMMAA OROMOO IRRAA KENNAME
Aside
SBO Bitootessa 06,2019. Oduu fi Gaaffii fi deebii Obbo Lubee Birruu kutaa 5ffaa
Aside
| Virus-free. www.avg.com |
Saamicha lafa Oromiyaa
Aside
Saamichi lafa Oromoo daangaa haa godhatu!
Aside
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 6,2019
Waggoottan 150 oliif erga cunqursaa halagaa jala gallee as, Oromoo lafa isaarraa dhiibuun saamanii gadadoof kaadhimaa turuun sirnoota darbaniif sirna ammaa beekamaadha. Qabsoo abbootiin keenya Oromoon gochaa turan qabsoo qabeenyaa ofiirratti abbummaa mirkaneeffachuu malee qabsoo qabeenyaa nama biraa kan ofii taasifachuuf godhamu akka hintaane hubatamaadha. Har’a nutis dhaalmaan qabsoo keenya har’aa qabeenyaa namaa kan ofii taasifachuun biyya halagaa Oromiyaa taasifanna kan jedhu utuu hintaane biyyi keenya Oromiyaan qabeenya eenyuuyyuu utuu hintaane qabeenya Oromoo waan taateef abbummaa keenya nuu mirkaneessaa jennnee gaafataa jirra, ittis fufna.
Oromoon waggoota muraasaa as lubbuusaa wareega kaffalee akka gubbootti lubbuusaa kennaa daangaasaa tikfachuurra kan saamame deeffachuuf qabsaa’aa jiraachuun hubatamaadha. Dhimma lafa Oromoo biyyaaf biyyoo Oromiyaa hiika dhabuun har’as wareegama kaffaluun akka itti fufu taasisuutiin wareegamni walitti fufiinsaa ammallee baafamuutti jira. Lafti keenya daangaalee Oromiyaa maraan saboota ollaatiin cabee wayiita jirutti nagaan akka Oromiyaa keessatti bu’ee jiruutti lallaba sobaa lallabamuun nu gowwomsuuf carraaqqii godhamaa jiru hubatuurraa ammas qabsoon keenya hanga daangaan saamicha lafaa kahamutti kan itti fufee jiru ta’uu uummata keenyaafis diinota Oromiyaa diiganii lafee qabsaa’ota keenyaa irratti qoosuu barbaadaniif himuu feena.
Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan hundaan olitti nagaatti kan amannu qabeenya uummata keenyaa eenyuuf illee utuu hintaane kan Oromoo akka ta’eef Oromoo qofaaf akka ta’uttis qabsootti jirra. Lafaa fi dachee Oromiyaa akka qabeenya Xoophiyaa maraa godhanii ilaaluun yakka. Lafti Oromoo kan Oromooti malee kan saba kamiiyyuu miti. Maqaa magaalaa Finfinneetiin Qote bultoota Oromoo Miliyoonaan lakkaa’aman araddaa irraa buqqaasuudhaan, Kondominiyeemii hedduu ijaaree ijaarsisaan kan jiru, sirni kun gadadoo hamtuuf Oromoo saaxilee jira. Daangaawwan Oromiyaa mara irrattis lola humnootiin hidhatan taasisanii lafti Oromiyaa hedduun cabee halagaan qabamee har’as qabamaa jira, daangaan cabee lafti Oromoo saamamaa jira. Kanaaf Fakkeenyi lola Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa, Kibba Baha Oromiyaa, Kaaba Oromiyaa, adeemaa jiru ragaa guddaadha. Tibba kanas jaarraa tokkoo oliif saba uummata keenya cunqursaa jiru tumsuutiin waraanni mootummaa Boosat irraan lola Oromootti bananii lafti qote bultoota Oromoo bakkichaa humnoota Amaaraa hidhataniin saamamaa jira. Akkasumas paartiin Amaaraa Beeheraawwii Niqinaaqee jedhee of waamu Waajjira Oromiyaa keessatti banataa jiraachuu agarra. Kunis faana garboonfataa as adeemaa jiruu kan nu hubachiisaa jiru ta’uu hubatuu irraa qabsoo keenya hanga galiin geenyuutti duubatti akka hindeebinetti jabaannee falmannee saamicha Lafaatti daangaa gochuu akka qabnuuf qabsoo karaa nagaa kan itti fufnee jirru ta’uu hubachiifna. Kondominiyeemii lafa uummata Oromoo irra dhaabbate, Kan ilmaan Oromoo miskiina buqqaasee beelaaf kalaale dhibbantaa 50% saboota biroof hirra jechuun mootummaan naannoo Oromiyaa lallaba gidduu kana miidiyaan taasisaa jiru cimsinee balaaleffanna. Lafichi Qote bultoota achirraa buqqaa’anii rakkataa jiraniif kaasaan utuu hinlaatamin, qaamni saamicha lafa kanaa raawwate seeraaf utuu hindhiyaatiin sanuu saboota Xoophiyaaf hirra jedhanii ibsa baasuun balaaleffatamaa ta’uu ibsina!
Maayii irratti nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo akkuma baroota dheeraaf gaafachaa turretti itti fufuun saamichi lafa Oromoo daangaa haa godhatu! Jennee gaafachuu itti fufna.
Injifannoon uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 6, 2019

