Qabsoon Bilisummaa Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Saba Oromoof Malee Bilisummaa Dhuunfaaf miti.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yeroo ammaa Ummanni Oromoo lafa isaa osoo saamamaa jiruu fi qe’ee irraa buqa’ee mankaraaraa osoo jiruu,hidhaan Oromiyaa mara keessatti aadaa mootummchaa ta’ee osoo jiruu,qabeenyi Oromiyaa guyyuu saamamaa osoo jiruu,hojii dhablummaa fi beelli,hiyyummaan dargaggoota Oromoo waxalaa osoo jiruu, Loltooti mootummaa qubsuma isaa ummata Oromoo keessa taasisee bahaa fi galma dhorkee osoo jiruu  namoonni gariin madaa fi laala ummata Oromoo osoo tilmaama keessa hin galchiin “Oromiyaan bilisoomteetti qabsoon ni gaha” jedhanii gaaffii mirgaa qadaaduu yaaluun Qeerroo Bilisummaa Oromoo falmaa irraa hin dhaabu.

Qabsoo  fincila Diddaa Gabrummaa irraa eegallee hamma Fincila Xumura Gabrummaatti Waggoota dheeraaf qabsoo gaggeessine haala hadhaawaa fi wareega guddaa baasisisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsaawee injifannoo goonfate qaba. . Bu’aa bahii qabsoo hunda dandayaa wareegamaa fi dararaa hidhaa,biyyaa baqachuu fi hojii irraa arihamuu hunda baadhachaa ummata keenyaa fi dhaaba keenya ABOtti kabajaa horoof qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasise salphaa miti.

Wareegama ol aanaa kaffallee Injifatnoo arganneen jijjirami guutuu biyya Ethiopiaf  dhufe  jedhame oftii fudhachuun dhaaba keenya ABO waliin kallattiin Oromiyaa keessatti qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo carraa argatee simannaa ABOf harka bane fudhate.  Haalli kun Oromiyaa fi biyya Itiyophiyaa jedhameef nagaa,tasgabbii fi sirna dimokoraasii horee qabsoo karaa nagaa itti fufuuf carraa bana jennee abdachuun ummanni Oromoos hawwii isaa karaa kana guutuuf wagga tokkoo oliif obsa godhtee eegaa ture. Haata’u garuu haalli biyya Itiyophiyaa keessa jiruu fi adeemsi siyaasaa yeroo ammaa oolee bulee ummata Oromoo haamlee cabsuu fi wareegama kafalaa baheef bu’aa firii qabsoo isaa akka hin dhandhamne taasisaa jiraachuu argina.

Haalli kun bubbulee ummata Oromoo rakkoo hamaa fi gabrummaa keessaa hin bane keessa akka hin seensifneef jecha,Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo isaa karaa nagaa itti fufuuf murteeffate. Finciloota diddaa cunqursaa Oromiyaa guutuu keessatti gaggeessuun injifatanoo goonfachuun dandeettii,tokkummaa fi muuxannoo isaa waan itti qabnuuf gaaffiileen Qeerroo hatattamaan deebi’uu qaban armaan gadii hanga guutamanitti hiriiraa fi fincila mormii gaggeessuuf murteeffate.

  1. Murtii bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi abbummaa magaalaa Finfinee daddaffiin deebii akka argatu gaafatna.
  2. Maqaa jiraattota Addis Ababaa jedhuun Mootummaan manneen koondomineemii haqa ummata Oromoo dabarsee kennuun dadadddaffiin akka dhaabbatu.
  3. Murtii bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen kondomineemii daangaa Finfinneerra darbuun abbaa biyyaa qotee bulaa Oromoo irraa buqqisuudhan ijaarrame dabarsanii saboota biroo kuma dhibba sadii(300,000) ol lafa Oromoo irra qubsiisidhaaf murteesse Qeerron Oromoo cimsinee balaaleffataa murteen kun hatattamaan akka ka’u gaafanna.
  4. Uummanni Oromoo miliyoonaa ol Naannoo Sumaalee fidaangaa irraa humna waraanatiin qabeenya isaa irraabuqqifamee dirree gubbatti osoo rakkachaa jiruu, qotee bulaa Oromoo lafaisaa irraa buqqifamee dirreetti rakkachaa osoo jiruu dacheeilmaan Oromoo irraa dirqiin buqqifaman irra qaanyii tokko malee saba biroo akka qubsiisuun seeraa ala waan ta’eef daddaffiin akka dhaabbatu.
  5. Bulchiinsi magaalaa Addis Ababaa dhimmi naannoo Oromiyaa keessaa akka harka fudhatu gadi jabeessinee gaafanna.
  6. Qeerroo fi Qarreen Bilisummaa Oromoo magaalotaa fi baadiyyaa Oromiyaa keessaa guuramanii hidhaatti darbamuun ummata Oromoos ta’e Qeerroo waan obsa fixachiisaa ta’eef daddaffiin akka hidhaa irraa gadhiifaman jenna.
  7. Waajjirootiin ABO godinoota keessatti cufamanii hojii dhorkaman daddaffiin akka banamuu fi ABOfs akka deebi’u hubachiifna.
  8. Maqaa WBO sakatta’uu jedhamuun RIB magaalota dhiha Oromiyaa weeraree jiru daddaffiin ummata irraa ka’ee gara mooraa waraanaatti akka deebi’u gaafanna.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee Oromiyaa

7/3/2019

Leave a comment