Saamichi lafa Oromoo daangaa haa godhatu!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 6,2019

Waggoottan 150 oliif erga cunqursaa halagaa jala gallee as, Oromoo lafa isaarraa dhiibuun saamanii gadadoof kaadhimaa turuun sirnoota darbaniif sirna ammaa beekamaadha. Qabsoo abbootiin keenya Oromoon gochaa turan qabsoo qabeenyaa ofiirratti abbummaa mirkaneeffachuu malee qabsoo qabeenyaa nama biraa kan ofii taasifachuuf godhamu akka hintaane hubatamaadha. Har’a nutis dhaalmaan qabsoo keenya har’aa qabeenyaa namaa kan ofii taasifachuun biyya halagaa Oromiyaa taasifanna kan jedhu utuu hintaane biyyi keenya Oromiyaan qabeenya eenyuuyyuu utuu hintaane qabeenya Oromoo waan taateef abbummaa keenya nuu mirkaneessaa jennnee gaafataa jirra, ittis fufna.

Oromoon waggoota muraasaa as lubbuusaa wareega kaffalee akka gubbootti lubbuusaa kennaa daangaasaa tikfachuurra kan saamame deeffachuuf qabsaa’aa jiraachuun hubatamaadha. Dhimma lafa Oromoo biyyaaf biyyoo Oromiyaa hiika dhabuun har’as wareegama kaffaluun akka itti fufu taasisuutiin wareegamni walitti fufiinsaa ammallee baafamuutti jira. Lafti keenya daangaalee Oromiyaa maraan saboota ollaatiin cabee wayiita jirutti nagaan akka Oromiyaa keessatti bu’ee jiruutti lallaba sobaa lallabamuun nu gowwomsuuf carraaqqii godhamaa jiru hubatuurraa ammas qabsoon keenya hanga daangaan saamicha lafaa kahamutti kan itti fufee jiru ta’uu uummata keenyaafis diinota Oromiyaa diiganii lafee qabsaa’ota keenyaa irratti qoosuu barbaadaniif himuu feena.

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan hundaan olitti nagaatti kan amannu qabeenya uummata keenyaa eenyuuf illee utuu hintaane kan Oromoo akka ta’eef Oromoo qofaaf akka ta’uttis qabsootti jirra. Lafaa fi dachee Oromiyaa akka qabeenya Xoophiyaa maraa godhanii ilaaluun yakka. Lafti Oromoo kan Oromooti malee kan saba kamiiyyuu miti. Maqaa magaalaa Finfinneetiin Qote bultoota Oromoo Miliyoonaan lakkaa’aman araddaa irraa buqqaasuudhaan, Kondominiyeemii hedduu ijaaree ijaarsisaan kan jiru, sirni kun gadadoo hamtuuf Oromoo saaxilee jira. Daangaawwan Oromiyaa mara irrattis lola humnootiin hidhatan taasisanii lafti Oromiyaa hedduun cabee halagaan qabamee har’as qabamaa jira, daangaan cabee lafti Oromoo saamamaa jira. Kanaaf Fakkeenyi lola Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa, Kibba Baha Oromiyaa, Kaaba Oromiyaa, adeemaa jiru ragaa guddaadha. Tibba kanas jaarraa tokkoo oliif saba uummata keenya cunqursaa jiru tumsuutiin waraanni mootummaa Boosat irraan lola Oromootti bananii lafti qote bultoota Oromoo bakkichaa humnoota Amaaraa hidhataniin saamamaa jira. Akkasumas paartiin Amaaraa Beeheraawwii Niqinaaqee jedhee of waamu Waajjira Oromiyaa keessatti banataa jiraachuu agarra. Kunis faana garboonfataa as adeemaa jiruu kan nu hubachiisaa jiru ta’uu hubatuu irraa qabsoo keenya hanga galiin geenyuutti duubatti akka hindeebinetti jabaannee falmannee saamicha Lafaatti daangaa gochuu akka qabnuuf qabsoo karaa nagaa kan itti fufnee jirru ta’uu hubachiifna. Kondominiyeemii lafa uummata Oromoo irra dhaabbate, Kan ilmaan Oromoo miskiina buqqaasee beelaaf kalaale dhibbantaa 50% saboota biroof hirra jechuun mootummaan naannoo Oromiyaa lallaba gidduu kana miidiyaan taasisaa jiru cimsinee balaaleffanna. Lafichi Qote bultoota achirraa buqqaa’anii rakkataa jiraniif kaasaan utuu hinlaatamin, qaamni saamicha lafa kanaa raawwate seeraaf utuu hindhiyaatiin sanuu saboota Xoophiyaaf hirra jedhanii ibsa baasuun balaaleffatamaa ta’uu ibsina!

Maayii irratti nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo akkuma baroota dheeraaf gaafachaa turretti itti fufuun saamichi lafa Oromoo daangaa haa godhatu! Jennee gaafachuu itti fufna.

Injifannoon uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 6, 2019

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s