IBSA IJJANNOO FI MURTII QEERROO BILISUMMAA OROMOO IRRAA KENNAME

=========================
Murtii bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen kondomineemii daangaa Finfinneerra darbuun abbaa biyyaa qotee bulaa Oromoo irraa buqqisuudhan ijaarrame dabarsanii saboota biroo kuma dhibba sadii(300,000) ol lafa Oromoo irra qubsiisidhaaf murteesse qeerron Oromoo cinsinee balaaleffanna.
Uummanni Oromoo miliyoonaa ol Naannoo Sumaalee fi daangaa irraa humna waraanatiin qabeenya isaa irraa buqqifamee dirree gubbatti osoo rakkachaa jiru uummata Oromoo rakkoo keessa jiru dhiisanii, qotee bulaa Oromoo lafa
isaa irraa buqqifamanii dirreetti rakkachaa osoo jiran dachee ilmaan Oromoo irraa buqqisan irra saba biroo akka qubsiisan qeerron Oromoo cimsinee dura dhaabbanna. Uummanni Oromoo miliyoonan sirna mootummaa EPRDFtin naannoo Sumaalee irraa qabeenya guutuu dhabuun buqqifaman osoo mana jireenyaa dhabanii dirree gubbaa rakkachaa jiran lafa Oromoo irratti saba biroo fiduun qubsiisun uummata Oromoo tuffachuudha. OPDOn uummata Oromoo sobuuf Oromoota lafarraa buqqifaman wajjiin qubsiisuf kan jedhu gonkumaa fudhatama hin qabu.
1) Murtii bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen daangaa Finfinnee irra darbuun ijaarraman jiraattota Finfinneef kennuuf murteesse mootummaan hatattamaam akka dhaabsisu cimsinee hubachiisna.
2) Manneen qotee bulaa Oromoo buqqisuun ijaarraman hundi qonnaan bulaa Oromoo irraa buqqa’eef, uummata Oromoo naannoo Sumaalee irraa buqqa’uun rakkoo keessa jiraniif akka kennamu ni gaafanna.
3) Mootummaan uummata Oromoo tuffachuun habashaa gammachiisudhaaf manneen koondomineemii dabarsee
jiraattota Finfinneef kan kennu taanan qeerron Oromoo manneen kanniin guutumaa guututti too’achuun guutummaa Oromiyaa keessatti hiriira mormii guddaa ni goona.
4) Qeerron Oromoo dhumnee lafa irraa banna malee manneen koondomineemii qotee bulaa Oromoo irraa buqqisuun ijaaran
5)Dachee abbaa keenyaa dhumnee lafarraa banna malee habashaaf hin laannu.
Injifannoo ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 7 bara 2019

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s