Ilmaan Oromoo qaroo fi ogummaa isaan uummata isaanii tajaajila jiran Waliso irraa yeroo darbee ji’a Muddee 2015 keessaa tika federaalaan Maikalawwii geessina jedhanii mana hidhaa walisoo irraa fuudhaman ja’a(6) Maikalawwii illee akka hin jirree fi eessatti akka geessan hiriyoonni fi maatiin isaanii dhaban.
1,Tasfayee liiban Tolasaa:- Waajiraa Haawwasumma godina Kibban lixa Shaggar keessaa kan dalaguu fi akkasumaas itti gaafatamaa W/H/A/Waaqeffannaa Galma Walisoo liiban.
2.Fiqaaduu Dhaabaa :-Barsiisa m/b Daj/Garasuu dhukii sadarkaa2ffaa.
3.Warqinaa Kabbadaa:- Abukattoo seera
4.Tarree Garmamsaa:- barreessa kitaaba Gaaddii Jaalalaa.
5.Walda Marian Baaroo:-Hojjata Walqo liyyu damee Walisoo
6.Daraje Terefa:- Dorgomaa partii OFC.