Aside

Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda buttujjii Qassoo mana barumsaa baabbaa kofalee sadarkaa duraatti guyyaa har’aa fincilli barattooti geggeessan uummata guutummaatti makachuun geggeessamaa oole

Odeessi nu qaqqabe akka agarsiisutti uummati gamtaan ka’ee poolisoota barattoota reebaa turan itti yaa’uudhaan facceedhaan faffalaxee of keessaa hari’uun isaanii beekeera.

Guyyaa dheengaddaas ganda buttujjii Qassoo keessatti kan argamtu magaalaa Qassoo keessatti uummati konkolaataa poolisootaa caccabsuun kan yaadatamu yeroo ta’u, guyyaa har’aa kana ganda Baadiyyaa kana poolisootni lafoo seenan faccee fi bodee,bashirii fi shaanfoo qabuun uummati kaan irratti tarkaanfii fudhate kaan isaanii tufatanii baabbaa kofalee keessaa akka ba’an beekameera

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waamicha Hatattamaa Hawaasa Oromoo Biyya Alaa fi Oromiyaa Keessa Jiraataniif

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

YEROO AMMAA KANA WAYYAANEE TPLF UUMMATA OROMOO IRRATTI  WARAANA BANEE JIRA,KANAAF:- Waanjoo Gabrummaa Waggaa 130 ol Uummanni Oromoo baate haalaan uulfaataa ta’aa dhufuu irraa yeroo ammaa kanatti cunqursaa hadhaawaa if-irraa darbuuf sabni Oromoo alaa keessaa wal gurmeessuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee dura dhaabbachuun mirga abbaa biyyummaa fi eenyummaa falmachaa jira.

Qabsoo hadhaawaa uummanni Oromoo gochaa jiru keessatti wareegami gama hundaan uummata keenya irra gahaa jiru haalaan ulfaataa ta’u iyyuu falmaan osoo hin dhaabbatiin cunqursaafis osoo hin jilbeeffatiin qabsoon galama isaa gahuuf haalaan daran finiinaa jira.

Qabsoo Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) guutuu Oromiyaa keessatti finiinaa jira kana dura dhaabbachuu fi uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf Wayyaanee TPLF qajeelfama baaseen waraana isaa aayinaan gara Oromiyaatti galchuun baadiyyaa irraa hamma magaalaatti Oromoo mirgaaf falmus ta’e Oromummaa isaan if beeksisu haxaawuuf ykn sanyii balleessummaaf daran if qopheessaa jira. Haalli itti deemnu daran ulfaataa tahuu hubatnoo keessa galchuun uummanni Oromoo alaa keessaan mirgaa fi eenyummaa keessan kan durii irra daran jabeessuu waan qabdaniif Qeerroon Bilisummaa Waamicha Hatattamaa Qaamota Hawaasaa Oromoo maraaf Taasisa:-

  1. Uummanni Oromoo fi matootiin hawaasa Oromoo biyya alaa jiraattan,har’aa booru osoo hin jedhiin duula sanyii duguuggaa mootummaan Wayyaanee TPLF uummata Oromoo irratti karoorfate itti jiru dura dhaabbachuun saba keessanii fi biyya keessan Oromiyaa baraaruuf jecha daddaffiin hiriira kan ammaan duraa irra daran dacha dachaan biyya alaa adda addaatti yaamuun mootummootaa fi qaamota mirga namoomaa aduunyaa mara sagalee fi iyyannaa saba Oromoo akka dhageessiftan imaanaa dhaammanna.
  2. Ummanni Oromoo Oromiyaa keessa jirtan gootummaa abbootii keenyaa dur deebftanii yeroo ammaa kanatti cunqursaa dura dhaabbataa jirtu,haalli kun wareegama guddaa isin gaafatu iyyuu gabroomfataatti xumura itti gochuuf tarkaanfii keessan daran jabeessuun barbaachisaa dha,murannoon keenya doorsisaa fi meeshaa lolaa diinni kuufateen duubatti hin deebi’u waan ta’eef gootummaa abbootii durii daran jabeessuun gabroomfataa fi cunqursaatti xumura gochuun barbaachisaa dha.
  3. Caasaan Qeerroo Bilisummaa gandaa hamma onaatti,onaa hamma godinaatti akkasumas guutuu Oromiyaa irraa sosso’aa jirtan bakka jirtanitti naamusaa fi sansakkaa qabsoo karaa nagaa gaggeessuu keessan jabeessuun,bakka jirtanitti uummati keenyaa fi barattooti Oromoo qalamaa fi dabtaraan uummati keenyas saboota kami fi uummatoota kamitti osoo hin bu’iin,qabeenya nama kami iyyuu osoo hin tuqiin nagaan mirga isaa akka falmtu muuxannoo ammaan dura jiru daran jabeessitanii akka cicoominaan mirga walabummaa fi dimokraasii sabootaaf qabsooftan waamicha goona.

Injifannoon Uummata Oromoof

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa.

Qeerroo Bilisummaa

Gurraandhala 28,2016 Finfinnee

Guraandhala 25/Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Warraaqsii biyyooleessa Oromiyaa Jabaachuun Aanaa Abbaay Coommaan Suluula Fincaa’aa keessatti haalaan jabaatee itti fufe olee jira.‏

Aside

Guraandhala 25/Godina Horroo Guduruu wallaaggaatti Warraaqsii biyyooleessa Oromiyaa Jabaachuun Aanaa abbaay Coommaan Suluula Fincaa’aa keessatti haalaan jabaatee itti fufe olee jira. Goototni barattootni Oromoo Suluula Finca’aa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa warraaqsaa finiinsuun mootummaan wayyaanee yakka duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti rawwachaa waan jiruuf seeraatti dhiyaatee itti gaafatamuu qaba malee nu hin bulchu jechuun dhaadannoo isaanii dhageesisuun waraana wayyaanee Agaazii waliin wal dura dhaabbatan.
Waraanni wayyaanee kunis tarkaanfii diinummaa ilmaan Oromoo barattootaa fi barsiisota irratti fudhachuun barsiisotni fi barattootni hedduun waraana Agaaziin reebam,anii haalan midhamuun madden keenya gabaasan. Barsiisota keessa kanneen Agaaziin rukutamanii hedduu midhamani dararaa guddaan irra ga’aa jiruu keessa:
1.Barsiisaa Addunyaa Feexaa barsiisaa keemistrii kutaa 11ffaa kan barsiisuun haala yaaddeessaa keessa kan jiruufi yeroo amma referaliidhaan hospitaala Finfinnee Phawulos galee jiraachuun ibsamera.
2.Barsiisaa Jireenyaa Olii
3. Barsiisaa Darajjee Duuressaa barsiisaa kutaa 12ffaa barsiisuu
4.Barsiisaa Dirribaa Ababaa fi
Barattootni waraana agaaziin rukutamanii maddeeffamuun dararaa guddaan irra ga’aa jiru keessa:
1.Barataa Ettafaa Araarsaa barataa kutaa 10ffaa
2. Barattuu Lalistuu Boggaalee
3. Barataa Geetuu Dabalaa
4. Barataa Taarikuu Gonfaa kanneen keessatti argaman barattootni hedduun reebamuun haalaan midhamanii yaalaa gahaa illee dhabuun  dararamaa jiraachuun ibsame jira. Warraaqsii Uummataa fi dargaggoota Oromoo maraan itti fufe Sululaa finca’aa naannoo warshaa Sukkaaraa
Finca’atti haalaan jabaatee jira.