Waamicha Hatattamaa Hawaasa Oromoo Biyya Alaa fi Oromiyaa Keessa Jiraataniif
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa
YEROO AMMAA KANA WAYYAANEE TPLF UUMMATA OROMOO IRRATTI WARAANA BANEE JIRA,KANAAF:- Waanjoo Gabrummaa Waggaa 130 ol Uummanni Oromoo baate haalaan uulfaataa ta’aa dhufuu irraa yeroo ammaa kanatti cunqursaa hadhaawaa if-irraa darbuuf sabni Oromoo alaa keessaa wal gurmeessuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee dura dhaabbachuun mirga abbaa biyyummaa fi eenyummaa falmachaa jira.
Qabsoo hadhaawaa uummanni Oromoo gochaa jiru keessatti wareegami gama hundaan uummata keenya irra gahaa jiru haalaan ulfaataa ta’u iyyuu falmaan osoo hin dhaabbatiin cunqursaafis osoo hin jilbeeffatiin qabsoon galama isaa gahuuf haalaan daran finiinaa jira.
Qabsoo Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) guutuu Oromiyaa keessatti finiinaa jira kana dura dhaabbachuu fi uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf Wayyaanee TPLF qajeelfama baaseen waraana isaa aayinaan gara Oromiyaatti galchuun baadiyyaa irraa hamma magaalaatti Oromoo mirgaaf falmus ta’e Oromummaa isaan if beeksisu haxaawuuf ykn sanyii balleessummaaf daran if qopheessaa jira. Haalli itti deemnu daran ulfaataa tahuu hubatnoo keessa galchuun uummanni Oromoo alaa keessaan mirgaa fi eenyummaa keessan kan durii irra daran jabeessuu waan qabdaniif Qeerroon Bilisummaa Waamicha Hatattamaa Qaamota Hawaasaa Oromoo maraaf Taasisa:-
- Uummanni Oromoo fi matootiin hawaasa Oromoo biyya alaa jiraattan,har’aa booru osoo hin jedhiin duula sanyii duguuggaa mootummaan Wayyaanee TPLF uummata Oromoo irratti karoorfate itti jiru dura dhaabbachuun saba keessanii fi biyya keessan Oromiyaa baraaruuf jecha daddaffiin hiriira kan ammaan duraa irra daran dacha dachaan biyya alaa adda addaatti yaamuun mootummootaa fi qaamota mirga namoomaa aduunyaa mara sagalee fi iyyannaa saba Oromoo akka dhageessiftan imaanaa dhaammanna.
- Ummanni Oromoo Oromiyaa keessa jirtan gootummaa abbootii keenyaa dur deebftanii yeroo ammaa kanatti cunqursaa dura dhaabbataa jirtu,haalli kun wareegama guddaa isin gaafatu iyyuu gabroomfataatti xumura itti gochuuf tarkaanfii keessan daran jabeessuun barbaachisaa dha,murannoon keenya doorsisaa fi meeshaa lolaa diinni kuufateen duubatti hin deebi’u waan ta’eef gootummaa abbootii durii daran jabeessuun gabroomfataa fi cunqursaatti xumura gochuun barbaachisaa dha.
- Caasaan Qeerroo Bilisummaa gandaa hamma onaatti,onaa hamma godinaatti akkasumas guutuu Oromiyaa irraa sosso’aa jirtan bakka jirtanitti naamusaa fi sansakkaa qabsoo karaa nagaa gaggeessuu keessan jabeessuun,bakka jirtanitti uummati keenyaa fi barattooti Oromoo qalamaa fi dabtaraan uummati keenyas saboota kami fi uummatoota kamitti osoo hin bu’iin,qabeenya nama kami iyyuu osoo hin tuqiin nagaan mirga isaa akka falmtu muuxannoo ammaan dura jiru daran jabeessitanii akka cicoominaan mirga walabummaa fi dimokraasii sabootaaf qabsooftan waamicha goona.
Injifannoon Uummata Oromoof
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa.
Qeerroo Bilisummaa
Gurraandhala 28,2016 Finfinnee
Haalli armaan olitti ibsame akkuma jirutti ta’ee yeroo ammaa yeroo Oromiyaan bulchiinsa Generaalota jala galtee jirutti immoo toftaa qabsoo jijjiruun murttessadha.
Toftaa wayyaneen ammaa baafate abiddii kutanna oromoo irraa qabdu ta’uun isaa ummani keenya hubatee akkata itti adeemuu qabu hubachiisuun murttessadha.
Akkuma kanaan dura ummani godinaalee oromiyaa hunda keessaatti yeroo tokko ka’uun akka qabsoo fininsuu ta”uu qaba; yeroo kana humna ishii bitimsuun rukutuuf miijja’adha; wayyaneen ummata sodachisuuf malee humni akka dhumeefi jiru hubatamee karaa laafina ishiitiin itti seenuun dirqama.
Humni ishii ummata oromoo dhaabuu waan hindandeenyeef hidhatoo,fi ummata daangaa oromoo irraa jiranitti maayii ba’uuf waan eegalteef kunis itti yaadamee toftaan itti adeemamuu kan qabuudha; ummata akka Somalia,Gaabellaa fi kkf fayyadamuu waan eegalteef
Qabeenyaan diinni oromiyaa keessaa itti fayyadamaa jiru ummata keenya ittin fixaa jira malee waanti fayyadu waan hinjirreef gonkumaa barbada’uu qaba.
Jarri hanga qabeenyaa oromiyaa keessaa saammate guurtee xumurtutti ummata sodaachiftee yeroo bitachuu waan barbaaduuf haala kamiinuu yeroon kennamuufii hinqabu. Waantota kanatti immoo kan dhimma baatee ittin ummani keenya bitamaa jiru immoo jala deemtuu fi abbootii garaan waan ta’eef, karaa fedheeniyyu yoo ta’ee miilli lukee hincitu taanaan qabsoon oromoo fiixaan hinba’u, halkaniif guyyaa manaa fi gandotaa ummata oromoo irraa deemuun kan ummata ajjeessuuf dorsisu,iccitii itti fi karaa itti agarsisu, toftaa fi aadaa, gola oromoo itti agarsisuu hundeen jarreen kanaa cituu qaba cituu qaba; Kanaan dura abidiin xiqoon kan ture dhaabin OPDO fi miseensoni isaani sochii ummata oromoo taasisaa jirutti makamuun qabsoo keenya ni cimsuu jedhamee yaaduma tureera, garuu yeroo ammaa hundumaa isaani yoo ta’uu baate iyyuu garricaalu isaani diinatti makamuun qabsoo ummata dura dhaabachuuf waan murtteefataniif gochota isaani kana immoo qabsoon keenya dhiifama kan godhuufii miti; warren kun immoo eenyu akka ta’an adda ba’anii waan jiraniif godinaalee oromiyaa keessaa hundumaa beeksisuun ni danda’ama.
Xiyyeffannoo addaa:
1.Yeroo ammaa humna qilleessa Bishooftuu keessaa Agazii 1000 ol ta’an Bishooftuu fi naannoo ishii to’achuuf achii keessaatti kuufamani jiru
2. Miseensoni OPDO fi wayyaneen halkaniif guyyaa wajjirri gandoota hundumtu akka hincufamineef gabaasa sochii nageenya naannoo akka taasisan ajajjin darbuu isaa;kuni ABOn iddoo hundumaatti galeera jechuun egumssi cimaan akka taasisan; hojiin misooma jedhamu dhabbatee qaamn kaabinee fi miseensoni ofegannoon akka socho’an
3. Namin siree qabatu waraqaan eenyummaa isaa akka galmma’uu fi waajjira poolisi,gandootaa fi humna nageenyaaf akka guyyaa guyyaan akka gabafamu
4. Hundee ABO akka kutuun danda’amu mootummaa Ertiraa irratti waranaa labsuu
5. Gargaarssa biyyota alaatii dhufu akkuma jirutti Tigiraayitti garuu, midhaan naannoo hundumaa irraa achi fe’uun ummata Tigiraay waggaa 10 ol kan jiraachisuu danda’a jedhanii yaadan hundumaa guraa jirti; kunis meeshaalee waranaa dabaltee jechuudha.
Jajjabadha ya oromoo Gadaan gadaa teenya!