ONN LIVE | Qophii Addaa ONN: Waajjira ABO Kan Godina Wallagga Bahaa , magaalaa Naqamteetti argamu cabuu ilaalchisee qophii qophaa’e. Adooleessa 13/2019
ONN LIVE | Qophii Addaa ONN: Waajjira ABO Kan Godina Wallagga Bahaa , magaalaa Naqamteetti argamu cabuu ilaalchisee qophii qophaa’e. Adooleessa 13/2019
“Dirreen dimokiraasii mormitoota ofii hidhanii ajjeesuun bal’ata!” ilaalchi jedhu dogoggora!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 8,2019
Akkuma yeroo garaa garaatti gochaa ajjeechaaf hidhaa uummata keenya Oromoo irra qaama mootummaan gahaa jiru balaaleffataa turre, irra deebi’uun gochaawwan Qeerroo kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesuu, hidhuu balaaleffachuu keenya ibsuu feena. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo nageenyi biyyattii keessatti dimokiraasiif tasgabbii uumuu qofaan mirkana jennee amanna akkasidhas. Kun hafee ilaalcha dogoggora baatanii paartilee mormituu ofii mirga dimokiraasiin laatuuf irraa molquudhaan, dabalataan mirga uumamaan qaban irraa molquudhaan dirree dimokiraasii balleessaanii utuu jiranii nii gabbisna jedhanii fudhatuun daba ta’uu ibsuu barbaanna.
Namni kamuu paartii barbaadeef miseensa ta’uuf mirga dimokiraasiin laatuuf, Kan heeraaf seerri biyyattii ayyamuuf irraa molqanii, nagaan biyyaa boora’eera jedhanii waywaatuun abidda ofitti qabsiisan dagachuudha. Har’a biyya keenya Oromiyaa keessatti nageenya dargaggoota Oromoo fi addatti nageenya uummata Oromoo booreessuudhaan, dargaggoota mirga isanii irraa molqanii ka’anii badii dhalatuuf qaama mirga ofiif falmatutti quba qabuuf taa’uun yakka. Akka heerri biyyattiis ta’e seerri biyyattii ayyamutti, akka dimokiraasiin jedhutti mirga uumamaan qabnuuf mirga dimokiraasiin qabnu akka nuu kabajamu barbaanna. Continue reading
Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 15,2019
Sirna EPRDF yakka waggaa 28 dura Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayeera biyyattii irratti dalagaa ture hunda yakka ta’uusaa amanee ofitti fudhachuun gamagamee of sirreessuuf uummata biyyattiif waadaa galeen, rakkoowwan uummata Oromoo irra gahaa turaniifis gaafatama qaama fudhachuu qabu saaxilee seeraaf dhiyeessuuf waadaa galuun uummata biyyattii bulchuuf aangoo ODP tti laachuun sochiin godhama turuusaa eenyullee nii yaadata.
Uummatni Oromoos waan waggoota kana mara irratti raawwataa ture yakkoota suukanneessaa, hidhaaf dararaa tiki mootummaa biyyattii raawwataa tures yakka ta’uu miidiyaa biyyattiin bahee fuulduratti sirreessuu akka qabu waadaa galaa turuu sirna EPRDF eenyulleen kan hubatudha.
Keessattuu hidhamtoota siyyaasaa dararuudhaan rakkoo hamaa uummata Oromoof sab-lammoota biyyattii irratti raawwataa tures badii ta’uusaa amanuudhaan kanaan booda siyyaasaaf nama hidhuu akka hinqabne waadaa sirni EPRDF galeen; itti dabalataanis “yeroo fudhannee wal gamagamnee qaama badii uume seeraaf laanna yeroo nuu laadhaa” uummataan jechuun akka uummatni isaan dhaggeeffatu gochaa turuun nii yaadatama.
Jijjiirama afaaniin haasa’amaa jiru kana keessatti qooda olaanaa kan qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoos daandiin Dimokiraasii fi mirgoota namoomaa biyyattii keessatti haalaan jabaatee lafa qabachuu akka qabuuf qabsoo isaa jabeessee itti cichee kan jiru haalotni jijjiiraman yoo jiraatan jechuun abdii guutuudhaan jijjiirama siyyaasaa qaama aangoo fudhate irraa eegaa ture. Abdiin sun dhugoomuu hanqatus.
Sun hafee sirnichi akkuma barateef amaleeffate Oromummaa mataa rukutee ajjeesuuf ajandeeffatee hojiitti seenuu yoo arginu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo hedduu gaddine. Sochiiwwan hidhaaf dararaan bifa addaan uummata keenya Oromoo Walloo irratti adeemaa jiru sochii Oromummaa balleessuuf taasifamaa jiru ta’uu nu hubachiise. Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti qaamootni hidhamaa jiran hedduun kanneen sadarkaa bulchiinsaatti mootummaa EPRDF’n ramadamanii hojjetaa jiranidha.
Aggaammiin Oromoo Kaaba Oromiyaa Walloo irratti taasifamaa jiruun; Oromoo waan ta’an qofaaf hidhamuu isaanii nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsinee hubanna. Haaluma kanaan namootni hanga ammaa Oromummaa qofaaf Kaaba Oromiyaa Walloo hidhamanii jiran. Aanaa Jiillee Dhummuugaa irraa 1. Abdusalaam Hasaan Ali Itti gaafatamaa Nageenyaa fi Itti Aanaa Bulchaa Jillee
2. Ali Yimeer Inspeekter poolisii
3. Mohammad Ammee
4. Abdusalaam Husseen Hajii
5. Umar Abduu Umar
6. Hasaan Mohaammad Darasoo
7. Umar Adame Aliyyii
8. Usumaan Hasaan Bayaan
9. Bushuraa Mammud Baaqalaa
10. Mohammad Abdusalaam Sawwali
Aanaa Caffaa
1. Abdusalaam Ibrahim Bulchaa Aanaa Caffaa
2. Maammee Aliyyii M/d I/G /Nageenyaa
3. Ibrahim Aliyyii I/I /Nageenyaa
4. Fayyera Oljiraa Hojjetaa Fayinaasi
5. Kifoo (Guddataa) Hojjetaa Galiiwaani
6. Husseen Ali Affaree Bulchaa Gandaa
7. Adam Abduu
8. Abdusalaam Mohammed Milishaa gandaa
9. Umar Kabiir ( Kaliil)
10. Adurroo Abduu
11. Muhee Adam
12. Yaayyoo Abdusalaam
13. Hasaan Jibriil Manaajera Gandaa
14. Adam Husseen Mohaammad
15. Husseen Mohaammad Inspeekter poolisii
16. Xilaahuun poolisii Mana Marii
17. Maammud Muhee (sarboo) milishaa gandaa
18. Mohaammad Usumaan
19. Mohaammad Husseen Mohaammad milishaa gandaa
20. Hasuu Abdusalaam Badruu
21. Aliyyii Ibree
22. Abdusalaam Yimaam Sayid
23. Mohaammad Sayid Muhee
24. Muhee Sayid Fulee
25. Hasaan Umar
26. Sayid Ibirahim
27. Goonfee Husseen Hasaan
28. Nuuruu Ahamii
29. Mohaammad Dawwee
Kamisee irraa
1. Alii Mootummaa Kantiibaa Magaalaa Kamisee
2. Sayid Hasaan ( Mandelaa)
3. Mohammad Kaliil
4. Abbaas
5. Ibrahim Alii
6. Meles
7. Husseen Sayid
8. Umar Hasaan
9. Adam Amiinu
10. Abduu Ahamed kan jedhaman hidhamanii jiru.
Sochiin hidhaa uummata Oromoo Walloo irratti adeemaa jiru kan Uummata Oromoo bakkichaa balleessuuf qiyyaafate ta’uutti amanna. Gocha fokkisaa Oromummaa balleessuuf taasifamaa jiru akeeka mootummaan itti jiru kun Oromiyaa bakka maratti adeemuuf aggaammii akka qabus kanarraa ka’uun hubanna.
Waan ta’eef nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna. Qabsoon keenya ciminaan qabsoo Bilisummaa Oromoo, uummata keenya Oromoo jiraachisuuf, Oromiyaa jiraachisuuf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uus uummata keenya Oromoo fi diina uummatichaa maraaf ibsina!
Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 15,2019
Finfinnee Oromiyaa
Waci Raachaa Hangam Baay’atullee Galaana Yaa’u Goksuus Dhaabuus hindanda’u!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 12,2019
Finfinnee Oromiyaa
Daandii karaa nagaa qabatnee qabsoon gochaa turre nageenya amansiisaa akka fiduuf malee balaaleffatamni nurratti godhamuun maqa balleessiin nurratti deddeemuun akkuma waggaa 28 duraa sirni EPRDF amala fokkisaa nagaa uummataa jeeqsisu sana itti fufsiisee nageenya keenya akka molquuf hinturre. Hawwiif akeekni qabannee kaane gufachuudhaan; akeekni aanjaa’aan nuti dhugoomsuuf qabsoo gochaa jirru nagaaf dimokiraasiin haqaa hidda jabeeffatee lafa qabachuun hafee mirgi namoomaa keenya molqamuun har’as akkuma kaleessaa itti fufe. Mootummaan daandii fokkisaa kaleessa irra ture irraa deebi’ee mirgoota namoomaa fi dimokiraasii qabnu nuuf kabaja jennee abdannus abdiin keenya fiixa bahiinsa hanqatuun hireen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mana hidhaatti dararamuu, ajjeefamuu, reebamuu, fi manneen barnootaa keessattis ari’atamni ittuu caalee sochii itti fufe. Nuti akka ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo tti namuu paartii siyyaasaa barbaade hordofee nagaan qabsoo gochuu akka qabutti amanna. Kun hafee mootummaan EPRDF yoo sirna kiyya amiin jettee hinfudhattu ta’e jechuurraa har’as nama miseensa paartii isaaf jaarmiyaalee isaa hintaane adamsuun yakka dhala namaaf hinmalle raawwachuu itti fufe. Continue reading
Trying to build Ethiopian Unity by dividing Oromo people and dismantling the Oromo nation is desperate effort of the Ethiopian Regime!
Comprehensive Statement of Oromo National Youth Movement for Freedom and Democracy (Qeerroo) on the current situation in Oromia.
June 9, 2019, Finfinnee, Oromia
To the attention of the respected and beloved:
Kabajamaa ummata Oromoo kanneen golee addunyaa maratti argamtan;
Kabajamtoota jaarmiyaalee siyaasaa kanneen mirga ummata keenyaaf dhaabbattan;
Kabajamtoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo kanneen wareegama keessaniin qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jirtan;
Kabajamtoota Abbootii Gadaa Oromoo kanneen imaanaan ummataa isin harka jiru;
Kabajamtoota Abbootii Amantaa kanneen haqa ummata keenyaa eeguuf dhaabbattan;
Kabajamtoota barattoota Oromoo Yunivarsiitii garaagaraa jirtan;
Kabajamtoota hayyoota Oromoo kanneen dhaloonni isin abdatu maraaf
Qabsoon farra gabrummaa ummanni keenya walakkaa jaarraaf gaggeessaa ture dhaaba uummata Oromoo ABO dhaan taliigamee hooggansa Qeerroo Bilisummaa Oromoon sadarkaa itti aanutti cehee diina waggoota 27 darban dhiiga ummata keenyaa xuuxaa ture ofirraa gaggeessuuf sadarkaa abdaachiisaarra gahee turuun yaadannoo yeroo dhihooti. Faana wayyaaneerra bu’uun qaamni maqaa Oromoo dhahatu OPDOn yookaan ODPn har’aa aangoo muummicha ministeerummaa erga qabatee gaaffilee Oromoon waggoota dheeraaf gaafataa ture deebisaa itti kennuuf waggaa tokkoof gama tokkoon yeroo gaafachaa, gama kaaniin ammoo gaaffii hundee Oromoo deebisuurra humnoota farra qabsoo Oromoo ta’anitti hidhachuun caalaattuu qabsoo Oromoo ukkaamsuun sirna durii caalaa hammaataa deemuu ifatti argaa yoona geenye.
Yeroo ammaa kanattis, humni kun:
Sabboonummaa Oromummaa cabsuun ilaalcha Itoophiyummaa jalatti qabsoo keenya sakaaluuf ifatti hojjetaa akka jiru turtii waggaa tokkoon hubanneerra. ‘Sabboonummaan Oromoo saba guddaa xiqqeessee’ jechuun guyyaa kora halagaarratti labsan irraa kaasee karooraa fi raawwiin isaanii sabboonummaa Oromoo cabsuurratti kan akeekkate ta’uu ifatti mul’ata. Continue reading
| Virus-free. www.avg.com |