Gabaasa Haala Irreecha Hora Arsadee

Aside

Wayyaaneen TPLF,Ayyaana Irreechaa bara 2016 gara Calanqoo fi Anoolee lammataatti geeddaruun uummata Oromoo 320 ol jumlaan galaafattee namoota 150 akka jabaa madeessuun Hospitaala seensiste.

Ganamuma “Ayyaana irreechaa baranaa UNSCO irratti waanan galmeessisuuf Alaabaa ABO qabattanii akkka hindhufne, nutis kan OPDO qabannee hin baanu…kan abbootii gadaa malee…” jechuun baasiilee miiliyoonotatti lakkaawamu baasuun Abbootii gadaa Hooteela Soodareetti walitti qabanii keeyyata qabxii 13 kan uf keessaa qabu baasan keessaa kan keeyyata 12ffaa irratti labsame uummatni alaabaa ABO qabatee akka irreecha kana irratti hin argamne kan akeekkachiisu yoo ta’u, uummatni xiiqiin guutame garuu alaabaasaa fannifatee soda tokko malee harkasaa ol qabee walirra qaxxaamursuun karaa nagaa qofa mallattoo Diddaa uummata Oromoo agarsiisaati gara irreeffannaatti seene.

Guutummaa Gabaasa Kanaaf:- ayyaana-irreechaa-bara-2016-wayyaaneen-gara-calanqoofi-anoolee-lammataatti-geeddaruun-uummata-oromoo-320-ol-jumlaan-galaafattee-namoota-150-akka-jabaa-madeessuun-hospitaala-seensiste

Ayyaanni Irreechaa Birraa Hora Arsadiii Guddaan Goolabame.

Aside

Onkoloolessa 3,2016
black-irreechaaUummanni Oromoo waggoota 6010 darban duraa eegalee Ayyaana guddaa Uumaa isaa itti galateeffatu ayyaana Irreecha Birraa qaba.Baroota darban keessatti gammachuuf jaalaalaan bahee wal gaggeessaa ture.
Guyyaa kaleessaa jala bultiirraa jalqabee uummanni tilmaamaan miliyoonotaan lakka’amutu fuula ifaa hawwii guddaan waaqa Uumaa galateeffachuuf magaalaa bushooftuu keessa ture. Ayyaanicha jaleewwaaniif mootummaan abbaa irrummaasaa addatti addunyaaf lallabu,Afarsa Siyyaasaa isaa taasifachuuf walitti qabachuun buchulloota isaanii.Kan naannoo sana qubatan Guyyaa har’aa ganama sa’a lama keessa oduu isaanii dubbatachuuf yoo ka’an Qeerroon mallattoo mormiif iyya dhageessisuun,akka hin waraabbanne taasisanii achii ari’anii jiran.Gootonnni Qeerroo ilmaan Oromoo diina isaanii hidhannoo guutuun itti dhukaasaa deemu,keessattuu dhukaasa Helekoptaraa irra keessaan jala warra lafoon irratti banamullee alaabaan barattoonni Oromoof Sabboontonni hedduun itti lubbuu isaanii dhabaa jiran Alaabaan ABO balali’ee oolee jira.

Helekoptarri dhufullee Uummanni jabaatee waltajjii Wayyaanee injifannoon diigee harka qullaa isaan lakkisee jira. Maaloo jedhanii jilbatti hanga kufanitti yoo kadhatanillee,gootonni dargaggoon Oromoo sagalee guddiftuu harkaa butuun sagalee guddaan mormiin gaggeefame aarii kanaaf jecha dhukaasi banamee qareeyyiin hedduun
lubbuun dabartee jirti. Continue reading

Video Haala Irreecha Bishooftuu 2016

Aside

Continue reading

Oromo TV: Ayyaan Irreechaa 10, 2016 Haroo Arcade bushooftuutti Dhamsa.

Aside

Oduu Ammee:-

Aside

Oduu Ammee:- Hanga ammaatti reeffi ilmaan Oromoo Irreecha irratti wareegame, 180 lakkaawamee waajjiraa poolisii magaalaa DUKAM itti kennamuu misensi Qeerroo achii wajjiin harkasaatiin waliin rakkachaa jiran jiran gabaasan.
Dabalataan Dargaggoo lama bahinsa magaalaa Bishooftuu irratti Rasaasaan rkutanii galaafataniiru. Namootni reeffi isaanii hin argamiinis hedduun waan jiraniif walumaa galatti namootni lubbuun dabran yoo xinnaate 200/dhibba lamaa ol akka ta’an beekameera. Kana gubbaatti namootni hospitaala seenan 100 0l haala yaaddessaa keessa jiru.

Dhumaratti Abbaan Gadaa Oromoo Obbo Bayyanaa Sanbatoo poolisootaan akka malee tumamuun mirkanaayeera

 

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Yakka Waraanni TPLF Ayyaana Irreechaa Bishooftuu Hora Arsadeetti Rawwaatame Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa Gaddaa fi Itti Fufinsa Sochii Warraaqsaa FXG Gabaabaa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarse!!

Wayyaaneen TPLF yakka waraanaa duulaa duuguuginsa sanyii ummata Oromoo ayyaana Irreechaa Guyyaa har’aa Onkololeessa 2/2016 Magaalaa Bishooftuu Hora Arsadeetti kabajachuuf bahee irratti Waraana lafoo fi humna qiilleensa xiyyaaraa Waraanaa fayyaadamuun uummata civilii irratti baneen lubbuun ilmaan Oromoo 280 olii Wareegamanii fi hedduminaan madeeffamaniif gabroomfataan Itoopiyaa Wayyaaneen itti gaafatamaadha!!

Uummatni Oromoo mootummaa mataa isaa kan bilisummaa fi walabummaa isaa kabachiisuuf dhabuu irraa dhiittaan mirga dhala namaa kan waggoota 120 ol irratti deeme as dhihootti ammo ji’oota 11 olii kan irratti raawwatamaa turee fi guyyaa har’aa immoo addatti uummata Ayyaana İrreechaa Hora Arsadee kabajachuuf bahee irratti yakki waraanaa,  humna waraana lafoo fi humna qilleensaa  fayyadamuun bakka uummatni Oromoo miliyoonaa olitti tilmaamaman argamanitti ajjeechaa jumlaa  irratti raawwatamee eenyumaa Wayyaanee kan argisiisuufi kufaatii sirna TPLF dha. Continue reading

Down down Woyane!! jechuun Qeerroon Bilisummaa Warraaqsa FXG Gaggeessaa Jiru.

Aside

Helicopter Wayyaanee TPLF Ummata Oromoo Nagaan Irreefatu Irratti Gaaza Roobsaa Oole. Lubbuu Namoota Hedduu Galaafate.

Aside

Onkoloolessa 02,2016) Ayyaanni Oromoo Guddichi Irreechi Tarkaanfii Diinaa Dhiiga Ilmaan Oromoo Dhibbaa ol Dhangalaaseen Boora’e, Oromoof Sanbata Gurraacha!

Aside

(Ibsa ABO)

logUmmatni Oromoo Ayyaana uumaa isaaf galata itti galchu wagga waggaan Oromiyaa keessatti kabaja. Ayyaanni kun addatti ammoo lammiilee Oromoo Oromiyaa mara keessaa walitti dhufuun Har-Sadee Bishooftuutti kabajamu isa ol aanaa dha. Irreecha wagga waggaan kabajamu kana mootummaan Wayyaanee/TPLF danda’ame hanqisuuf dadhabame ammoo karaa jalee isaa OPDO, tikoota siivilii uffatanii fi humna waraanaan hanqisuuf karoora itti baafatuun yeroo dheeraaf sosso’aa akka ture ni yaadatama.

Ayyaana Irreeffannaa kana waltajjii siyaasaa mootummaa farra-ummatootaa godhatuun fedhii siyaasaa ofii ittiin guuttatuufis, deggertoota mootummaa gandoota Oromiyaa keessaa Har-Sadeetti akka argaman gochuu, akkasumas, bakka Irreeffannaatti baandii muuziqaa qopheessuu fi jalbultii ayyaana kanaa fiigichoo gosa adda addaa qopheessuun fuula mootummaa ittiin miidhagsuuf maallaqni irratti dhangalaafame hedduu dha. Kana malees ummatni Oromoo Ayyaana Irreechaa irratti baay’inaan akka hin argamneef karaa cufuutti dabalee geejjibni akka hin sossoone taasifamuun ummata jalaa dhokataa miti. Kanneen hundi Ayyaana Irreechaa tohannoo mootummaa jala galchuuf yaadamee hojjataman. Continue reading

Video lee Irreecha Bishooftuu Guyyaa Har’aa Toora Kana Keessaa Argattu.

Aside

Haala Irreecha guyyaa har’aa irratti  ture Video lee hedduu kana keessa saaqachuun argattu

Continue reading