Onkoloolessa 3,2016
Uummanni Oromoo waggoota 6010 darban duraa eegalee Ayyaana guddaa Uumaa isaa itti galateeffatu ayyaana Irreecha Birraa qaba.Baroota darban keessatti gammachuuf jaalaalaan bahee wal gaggeessaa ture.
Guyyaa kaleessaa jala bultiirraa jalqabee uummanni tilmaamaan miliyoonotaan lakka’amutu fuula ifaa hawwii guddaan waaqa Uumaa galateeffachuuf magaalaa bushooftuu keessa ture. Ayyaanicha jaleewwaaniif mootummaan abbaa irrummaasaa addatti addunyaaf lallabu,Afarsa Siyyaasaa isaa taasifachuuf walitti qabachuun buchulloota isaanii.Kan naannoo sana qubatan Guyyaa har’aa ganama sa’a lama keessa oduu isaanii dubbatachuuf yoo ka’an Qeerroon mallattoo mormiif iyya dhageessisuun,akka hin waraabbanne taasisanii achii ari’anii jiran.Gootonnni Qeerroo ilmaan Oromoo diina isaanii hidhannoo guutuun itti dhukaasaa deemu,keessattuu dhukaasa Helekoptaraa irra keessaan jala warra lafoon irratti banamullee alaabaan barattoonni Oromoof Sabboontonni hedduun itti lubbuu isaanii dhabaa jiran Alaabaan ABO balali’ee oolee jira.
Helekoptarri dhufullee Uummanni jabaatee waltajjii Wayyaanee injifannoon diigee harka qullaa isaan lakkisee jira. Maaloo jedhanii jilbatti hanga kufanitti yoo kadhatanillee,gootonni dargaggoon Oromoo sagalee guddiftuu harkaa butuun sagalee guddaan mormiin gaggeefame aarii kanaaf jecha dhukaasi banamee qareeyyiin hedduun
lubbuun dabartee jirti.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo bifa Dhaadannoo waadaa waliif seenaa utuu deemuu bushoftuu naannoo sarkilii jedhamutti dhukaasi banamee rasaasan sobbontonni ajeefaman. walii gala hanga ammaatti lubbuu Oromoo hanga ammaa 300 ol akka darbee jiru dhagahameera.Keessattuu kanneen baqarra utuu jiranii lubbuun dabarte harki caalaan Shamarran Oromoo akka ta’an arginee jirra.
Ayyaanni irreechaa kan gammachuu taatullee lubbuu ilmaan Oromoo hedduu Biyyoon Bushooftu laqamsiteen garaa gaddaan addaan nu tamsaaftee jirti Qabsoon haalaan akka finiinu waadaa Qeerroon walii seene keessaa:-
1,Kana booda gaaffii mirgaa harka duwwaa magariisa baannee gaafannuuf ilmaan TPLFn ajajamanii warren rasaasa ummata Oromoo irratti roobsaniif deebii of irraa ittisuutti akka nu seensisaa waan jiraniif ummata keenya irraa karaa hunda roorroo ittisuuf qophii dha!
2,Qabsoo eegalame akkaan itti fufsiisuu
3, Naannoo fi Godina keessaa dhufne akkasumas bakkoota hojii fi manneen barnootaa keessatti Waltajjii Waayyaanee kamiyyuu hojiin ala gochuu,yoo kaate dubbatte diddaa agarsiisuu
4,Hidhamtoota siyyaasaa Oromoo haala ittiin baasuu dandeenyu irratti walii galuu Fkkf jechuun waadaaf irbuu walii seenanii jiru.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (October) | OromianEconomist