Category Archives: Oduu/News
Ibsa Ejjeennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa
Aside
Oct 7,2016
Nuti barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa haala biyyaa keenya keessatti ta’aa jiru addatti humna shororkaa mootummaa abbaa Irreetiin uummata Oromoo irratti raawwataa jiru,keessattuu gocha uummata Oromoo waaqa Uumaa isaa kadhachuuf baherratti humna hidhannoo fayyadamee waraana lafoof waraana qilleensarra fayyadamuun ilmaan Oromoo egeree biyyattii ta’an qaqqalii kanneen lakkoofsaan 700 ol ta’an irratti dhukaasa banee lubbuu hanga kana daqiiqaa 30 gidduutti galaafachuu isaa gadi jabeessinee nii balaaleffanna,Akkasuma erga mormiin diddaa
Maaster Plaanii eegalee asitti qe’een Oromoo guyyaa tokkoof bohichaaf awwaalcha du’a suukanneessaa ilmaan isaa beektootaaf haayyootaa
bahanii galuu dadhaban dhabee hin beeku.Hidhaan uummata nagaarraa takkaa dhaabatee kan hin beekne yoo ta’u .Akkasuma gochaa duguuginsa
sanyii uummata Konsoorratti ganna darbe fudhatamee ilmaan uummata Konsoo barbadeessuuf waraana irratti labsamee lubbuun kumootaan
laakaahamu biyyaattii keessaa humna mootummaan of cinaa dhabuu keenyatti addatti gadda guddaan nutti dhaga’ama.Dabalataan uummata
Amaaraa irratti ajjeechaa raawwatamee hayyuuwwan qaroo biyya kana jijjiiruu danda’an barattoota adda duree of cinaa dhabuun keenya
godaannisa sammuu keenya keessa hin haqamne ta’uu jabeessinee hubachiisuu barbaanna.Gochi kun gocha addunyaarratti raawwatee hin
beekne ta’uu hubachiisuu feena.Mootummaa nama nyaataa Wayyaanee kana seenaan addunyaa akkuma Adolf Hitilar galmeessee jiru mootummaa
Dhiittaaf nama nyaataa ta’uu seenaa Addunyaa akka nuu bartu cimsinee nii gaafanna. Continue reading
Oromo TV: Labsa Ittisa Ummataa, ABO Irraa Kenname
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Onkoloolessa 6 , 2016
Aside
SBO: Onkoloolessa 07 Bara 2016. Oduu, Ajjeechaa Jumlaa Ayyaana Irreechaarratti Wayyaanedhaan Raaw’atame Ilaalchisee Ibsa Dhaabbata Deeggarsa Qeerroo Idil Addunyaa Irraa Laatamee fi Qophii Haala Yeroo irratti Fuulleffate.
Aside
Duungoo Yaadatnoo Wareegamtootaa Gootonni Barattooti Oromoo Qabsiisan Ilaalchisee.
Aside
Boosee Keessatti Gootonni Qeerroo Daandii Konkolaataa Bifa Kanaan Cufaa Oolan.Barattooti Oromoo Yuniversitii Jimmaas Duungoo Yaadannoo Qabsiisan
Aside
Bulchiinsi TPLF Bososee Irree Ummata Oromoon Diigamaa Jira,Qabeenyi Mootummaa fi Kuufami Meeshaa Humna Addaan Booji’amee Jira,Daandiin Cumaaa Jira.
Aside
Onkolooleessa 5,2016 Bulchiinsi TPLF Bososee Irree Ummata Oromoon Diigamaa Jira,Qabeenyi Mootummaa fi Kuufami Meeshaa Humna Addaan Booji’amee Jira,Daandiin Cumaaa Jira.
Haaluma kanaan daandiileen bakka garagaraa geessu cufamee jiraachuun barameera. Magaalaaleefi Baadiyaaleetti bakkeewwan daandiin cufamee humna uummataa jala oolan keessaa:
- Waaqee Xiyyaa Mi’oo
- Malkaa Sa’aa
- Waaqa Malkaa Obaa
- Baattoo Dagaagaa
- Dirree Dagaagaa
- Magaalaa Bofaa
- Awaash
- Dooniifi KKf keessati ta’uun addaateera.
Namtokko Qeerroo irraa wareegamul illee dhagahameera.
Dabalataan shonkoraa warshaa sukkaara Matahaaraa zoonii sadii irratti guutummaa guutuutti gubuun daaraatti deebisanii jiru.
Oduu biraan ammoo magaalaa Adaamaa keessatti dhukaasni bakka garagaraatti uummataaf wayyaanee jidduutti banamee jira. Barattootni Yuunvarsiitii Adaamaa heeddumminaan bahanii mooraa kaampaasii irraa eegaluun BOOLEE IRRA GORANII FUULLEE ADAAMAA GENERAL HOSPITAL itti harka harka qaxxaamursuun mallattoo diddaa/Xumura Gabrummaa agarsiisaa jiru. Continue reading