Oromoon Roorroo Alagaa of irraa ittisuuf Qabsoo akkaan jabaattuu yeroo inni itti geggeessu amma 

Aside

 Noolee Buttaatiin!

Guyyaa Har’aa 9/10/2016 giti bittuu fi murna waraana Agaaziitiin waggoota 25n guutuu Uummata keenya reebaa baate, dhoksaadhaan ji’oota ja’aa oliif humna waraana Agaazii command post jedhamuun uummata keenya irratti ajjeechaa deettii  ta’e raawwachaa ture guyyaa har’aa jechuun Onkoloolessa 9/2016 ifatti biyyattii impaayeraa kana guutuuyyuu “labsa hatattamaa emergency state ” keessa buusuun beekamaadha!

Murni kun maqaa labsii hatattamaa jedhuun,Oromiyaa irratti uummata nagaa gooluufi shororkeessuuf akeekee jira.Kaayyoon gita bittoota kanaa salphina,qaanii, tuffatamaafi afaan qawweetiin garboomfannaa Abisiyaanotaa yeroo lammaaffaaf Oromiyaa irratti qiyyaafate ta’uun beekamuu qaba! Continue reading

Ethiopia: The TPLF/EPRDF Government has declared an official state of emergency in the Oromia region

Aside

HRLHA Urgent Action

October 9, 2016

HRLHAThe Ethiopian Prime Minister Hailamariam Dessalegn has informed the public  through the state run TV that a six month state of emergency has been declared as of October 8, 2016 because “the current situation in the country posed a threat against the people of Ethiopia”

Prime Minister Hailemariam Dessalegn indicated in  his emergency declaration that the Council of  Ministers  declared the state of  emergency after they discussed the damage caused by protests across the country during the past week.

HRLHA reported in its “Ethiopia: The TPLF Hidden Agenda of Reducing the Oromo Population Must be Stopped” on April 17, 2016 that the Oromia regional State has fallen under the TPLF Security intelligence officer generals’ control when they removed the civil administration and declared unofficial martial law as of Febrary 26, 2016. The recent declaration is designed to legitimize the previuos military administration of TPLF government.

Background:

The protests in Oromia regional state, which have continued steadily  since November 2015,   escalated  on October 2, 2016 after many Oromo people were killed by the Agazi force  on the ground supported by helicopter gunships at the Irrecha Festival – which left reportedly at least  600 civilians dead and thousands  wounded.

 

Continue reading

Shawwisi Eeboo Ofirratti Ciniinaa Du’a.

Aside

Utubaa Leeqaan
Haalota biyya keenya Oromiyaa keessatti ta’aa jirru kanneen ijaan argaa jirru hanga nama maraachuutti iddoottis gammaachuun hanga humnaan ol ta’utti hariiroof tarsiimoo hawwasii keenya wal utubee hawwii waggaa dheeraa kan gama garaagaraatiin Tokkummaa jechaa waliif dhaamaa ture,kan utuu “Tokkummaan humna”jedhee utuu dheebuusaa lalabatuu dheebuun darbe,beela bilisummaa akka qabu utuu iyyee lallabuu kan dachee kanarraa godaanee,kan hawwiin kun hin dhugoomu uummanikoo Tokkoomuu dadhabe garbummaatti hafuusaati jechuun abdii of kutee qullaa buusee maraatee karaarraa “Bilisummaa,Walabummaa ,Birmaddummaa” jechaa waggoota dheeraaf karaarraa oolee bulee xinnaaf guddaan rakkoosaa utuu hin hubatin turee ittiin gubata kana dhamdhamaa jiru hedduutu jira.

Continue reading

Waldaa Warra Wangeelaa Makanaa Yesuus Betel Kan Magaalaa Jimmaa Dungoo Yaadannoo Qabsoosuun Gootota Bushooftuurratti Wareegamaniif Guyyaa Kaleessaa Yaadatan.

Aside

Onko,10,2016
crossWWWMY Beetel kan magaalaa Jimmaa dungoo yaadannoo uummata lubbuun darbee taasisee akkasuma kadhannaa kan nu miidhu nurraa kaasi jedhuun sagantaa akkaan barbaachisaa taate guyyaa kaleessaa taasisee jira.Daraaraa uumnatarraa gahaa jiru kun hanga uummata keenyarraa kaafamutti soomaan kadhannaa akka yeroo yerootti itti fufu,dabalatee utuu lammiin oggaayyuu gadda taa’uu farfannaa galataaf dhiichisaa qabuun sagantaan akka hin gaggeefamne walii dabarsanii jiran.Sagantaan akkanaa akka bakka hundatti itti fufu,Walgeelli garbuummaatti jiraachuu utuu hin taane Bilisummaa keenyaaf nuu laatame jechuun dhaamsa waldoota biraaf dabarsanii jiran.

Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Keessatti Humni Agaazii Halkan Edaa Mooraa Cabsee Seenuun Dararaa Hamaa Irraan Gahe

Aside

Uni JimmaaOnkoloolessa,10,2016
Sababa FXG mooraa yuunibarsiitii keessaa qabsiifamee wayyaaneef ergamtootashee roqomsiisaa jiruun wal qabatee,eda galgala humni hidhannoo guutuu socho’u mooraa cabsee seenuu dhukaasaa jajjabaa barattootarratti dhukaasaa bulee jira.Dararaa jajjabaa barattoota moorarraan gaheen hanga ammaa barataan caccabee ciisaa jiru hanga kana jechuun nii ulfaata.

Akkasuma mana hiraarsaattillee barattoora danuu qabuun keessatti kunaanaa jiran.Haa ta’u malee kutannoof murannoon Qeerroo moorichaa akka reebicha sodaaf hidhaa sodaaf kaayyoo isaa duuba hin deebine gadi jabeessee diinasaa itti dhukaasu dura dhaabbachuun himeefii jira.

Dargaggoon Taarikuu Jedhamu Waardiyyaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Kan Ta’e Bulchiinsa Irratti Tarkaanfii Haleellaa Fudhatte Sababaa Jedhamuun Ajjeefame.

Aside

Onko,10,2016

Dargaggoon Oromoo Taarikuu jedhamu bulchiinsa magaalaa Naqamtee eegaa kan ture yeroo darbe dhuka’aan waajjira bulchiinsaa rukutamuu irraan kan ka’e guyyaa har’aa loltoota Wayyaaneen shakkamee situ dhukaase sababaa jedhuun rasaasa waraana Agaaziin wareegamee akka jiru gabaafme.

Poolisii Fedaraalaa Kan Ta’e Tolaa Tarrafaa Kan Jedhamu Waraana Agaazii Irratti Dhukasa Baneen Wareegame.

Aside

Onk 10,2016 Poolisiin federaalaa kan torbee lama dura hidhata ABO qabda; ummata mormiif baherratti tasumaayyu hin dhukaastu jedhamee shakkiidhaan torbee lamaaf hidhamee bahe kan maqaansaa Tolaa Tarrafaa jedhamu mana hidhaatii erga baheen booda torbee darbe keessa gaafa
kibxataa naannoo Maqiitti otuu ummatarra harkasaa qabatuu gartuu leellistoota Wayyaanee kan ta’an Agaazotaan ajjeefameera. Poolisiin
kun kan ajjeefame kibxata naannoo saatii Shanii booda yoo tahu innis erga agaazotarratti dhukaasaa jiraachuunsaa irratti baramee booda dha. Poolisii Tolaan kaleessa naannoo bakka dhalootasaa Wallagga Bahaa Giddaa Ayyaanaatti, magaalaa Ayyaanaa ganda 01 waldaa Masarata Kiristoositti awwaalameera. Sirna awwaalcha Tolaarrattis ummati alaabaa Oromoon bahee dhadannoon ta’eera polisoonni akka seera keenyatti owwaallanna jennaan uummanni dide owwaallatee galeera haala jabaata keessa cimani dhabbatani dargaggooni keenya dhadannoo gaggeessaniru.