Onkoloolessa,10,2016
Sababa FXG mooraa yuunibarsiitii keessaa qabsiifamee wayyaaneef ergamtootashee roqomsiisaa jiruun wal qabatee,eda galgala humni hidhannoo guutuu socho’u mooraa cabsee seenuu dhukaasaa jajjabaa barattootarratti dhukaasaa bulee jira.Dararaa jajjabaa barattoota moorarraan gaheen hanga ammaa barataan caccabee ciisaa jiru hanga kana jechuun nii ulfaata.
Akkasuma mana hiraarsaattillee barattoora danuu qabuun keessatti kunaanaa jiran.Haa ta’u malee kutannoof murannoon Qeerroo moorichaa akka reebicha sodaaf hidhaa sodaaf kaayyoo isaa duuba hin deebine gadi jabeessee diinasaa itti dhukaasu dura dhaabbachuun himeefii jira.