Onk 10,2016 Poolisiin federaalaa kan torbee lama dura hidhata ABO qabda; ummata mormiif baherratti tasumaayyu hin dhukaastu jedhamee shakkiidhaan torbee lamaaf hidhamee bahe kan maqaansaa Tolaa Tarrafaa jedhamu mana hidhaatii erga baheen booda torbee darbe keessa gaafa
kibxataa naannoo Maqiitti otuu ummatarra harkasaa qabatuu gartuu leellistoota Wayyaanee kan ta’an Agaazotaan ajjeefameera. Poolisiin
kun kan ajjeefame kibxata naannoo saatii Shanii booda yoo tahu innis erga agaazotarratti dhukaasaa jiraachuunsaa irratti baramee booda dha. Poolisii Tolaan kaleessa naannoo bakka dhalootasaa Wallagga Bahaa Giddaa Ayyaanaatti, magaalaa Ayyaanaa ganda 01 waldaa Masarata Kiristoositti awwaalameera. Sirna awwaalcha Tolaarrattis ummati alaabaa Oromoon bahee dhadannoon ta’eera polisoonni akka seera keenyatti owwaallanna jennaan uummanni dide owwaallatee galeera haala jabaata keessa cimani dhabbatani dargaggooni keenya dhadannoo gaggeessaniru.