Utubaa Leeqaan
Haalota biyya keenya Oromiyaa keessatti ta’aa jirru kanneen ijaan argaa jirru hanga nama maraachuutti iddoottis gammaachuun hanga humnaan ol ta’utti hariiroof tarsiimoo hawwasii keenya wal utubee hawwii waggaa dheeraa kan gama garaagaraatiin Tokkummaa jechaa waliif dhaamaa ture,kan utuu “Tokkummaan humna”jedhee utuu dheebuusaa lalabatuu dheebuun darbe,beela bilisummaa akka qabu utuu iyyee lallabuu kan dachee kanarraa godaanee,kan hawwiin kun hin dhugoomu uummanikoo Tokkoomuu dadhabe garbummaatti hafuusaati jechuun abdii of kutee qullaa buusee maraatee karaarraa “Bilisummaa,Walabummaa ,Birmaddummaa” jechaa waggoota dheeraaf karaarraa oolee bulee xinnaaf guddaan rakkoosaa utuu hin hubatin turee ittiin gubata kana dhamdhamaa jiru hedduutu jira.
Har’a sanatu suuqaa as bahe mul’ataa jira.Yeroo itti sanyiin wal iyyaafatee sanyiisaa cina gorutu dhufe.Tokkummaan gaara addunyaan
sodaattee afaan cuqqaallachaa turte diigan,yeroo itti akkuma mar’ataan lafee horii du’ee keessa taa’ee sa’aaf nama,kan lubbuu qabu hunda
riphee ajjeesu,dhibee ittiin du’e sanaan ala akkuma hunduu dhimma dhimmaasaa waan mataasaa xiinxalee kana jedhu,dhumarra qareeyyiin
hubannoon haala naannoo lafee sanaa to’atanii bakkeewwaan sana bol’aaf samii,mukaaf bishaan iddoo dhibee bakka sanatti lubbuu hedduu
galafatu,sana qoroqoranii ejjennoof murannoo jabaa fudhatanii,lubbuu ofiitti murteessanii bakka sana waan jiru argatanii dhumarra lafee
sana keessa mataan mar’ataa dur durii kaasee gootaan ajjeefame achi lafee sana keessa riphee jiraachuu hubatanii abidda itti koratanii
barbadeessan.Dhaloonni qubee waan jajjabduu addunyaallee sammuu xaxaa ture,kanarratti waan hedduu sodaachisu,kan lafee nama du’ee keessa
taa’ee xinnaaf guddaa daguugu sana argatan,argataniis uummata isaanii amansiisuuf hammaam akka dadhabbii qabu,wareegama qabu utuu beekanii duuti kun nuun haa dhaabbatuuf of wareeganii qaama qancaree jiru kan haalota jajjabaan ol adeemaaf hayyoota hedduu buttoo isaatii daguugaa ture kana akka barbadeessuun furmaata ta’u barbadeessuuf Tokkummaan riqicha ta’uu hubatanii sochiif ejjennoo hadhooftuun Jaallan qaqqaalii utuu itti dhabanii kayyoof irbuu walii seenan bakkatti eeggatanii kaayyoo wareegama kaffalchiisa jiru sana gooliisaa gal-chuuf
Warraaqataa jiran irra geenyee jirra.
Kaanaaf wareegamaa gurguddaa kaffaluun nu Qeerroo biyyattiirraa
barbaachise.Eeyyee amma sadarkaa dhumaa irra geessifnee jirra.Kunis
kan nuu mirkanaa’u state emergencyn motummichaan labsamuunsaa ragaa
qabatamaadha.
Kanaafan barruu kanan “Shawwisi eeboo ofirratti ciniinaa du’a”
jedhe.Mootummaan kunis dirqamasaa waan ta’eef hamma du’ee lafa gahutti
waan hojjetuuf waan irraa eegamu hunda bakkatti eegee raawwataan soba
dubbiiti.Kanan dhaga’aa guddadhe tokko Dargiin galgala ibsa gurguddaa
baasaa bulee akka ganama biyya hambaatti baqatedha.Dhugaa dubbachuuf
Mootummoonni buulchiinsa aangootti fayyadamaan yeroo barbadaa’uuf
yoomiyyuu waan labsaniif dubbatan karooraan utuu hin taane itti
dhufee dubbatu.Kunimmoo watwaannaa isaaniif kufaa jiraachuu isaanii
addatti akka irratti baramu taasisa.Tarii namoonni ibsa isaan baasan
kanaan rifattan rifachuu akka hin qabnen isinii eeruu fedha.Akkasuma
Jaallan du’a garmalee gaafa nu cinaa wareegaman imimmaan
garmaleef,gadda sammuu nu miidhu gadduu hin qabnu.Kunis duuti Jaala
keetii du’a mootummichaa saffisiisaa akka jiru baruu qabda.Akkasuma
gaafa mootummaa humna hidhannoo qabu dura socho’aa jirru duuti
jiraachuu murteessinee,hedduun keenya dhumnee akkasuma ga’eessi ykn
Qeerroof Qarreen yoo duune obbolaa nu boodaaf jiruun bilisummaa haa
dhufu jennee itti galuu keenya waadaa gaafa walii seennee sana,lubbuun
wareegamna malee garbummaatti hin hafnu kan waliin jechaa turre yaaduu
qabna.
Eeyyee gaddi nutti dhaga’amuun jiraatullee sammuu keenya itti
hidhuu hin qabnu.Gama ittiin gumaa baafnu,diina biyyaa baafnu
jabeessinee gumeessuu qabna.Wayyaanee du’a ishee waan beektuuf akka
Shawwisi Eeboo ofirratti ciniinu,Dubbii haalaa turte san ifatti
mul’iftee labsite
Utubaa Leeqaan